Itiyoophiyaanonni viizaa Ameerikaa argachuuf hanga dolaara kuma 15 akka qabsiisan gaafatamuufi.

Published March 19, 2026, 12:46 p.m. by FNN Staff

191



ODUU FNN

.Itiyoophiyaanonni daldalaafi daawwannaaf viizaa gara Ameerikaa deemuuf isaan dandeessisu argachuuf iyyatan maallaqa dolaara kuma shanii hanga kuma 15 akka qabsiisaniif gaafatamuuf. 

Hojmaanni Itiyoophiyaanonni yeroo hayyamameefiin ol Ameerikaa keessa yoo turan maallaqni kun akka hin deebine taasisu kun, torban lamaa booda hojiirra akka oolu ministeerri dhimma alaa Ameerikaa beeysiseera. 

Baqattoonniifi kolu-galtummaa warri gaafatan haala gara Ameerikaa itti deemaniif, akkasumas achi turuu itti danda'an dhiphisaa kan jiru bulchiinsi Pireezidaant Tiraamp, viizaa argachuudhaaf maallaqa wabiif akka qabsiisan hojmaata taasisu kan beeysise Adoolessa 2015 ture. 

Odeeffannoon ministeerri dhimma alaa Muddee darbe baase akka agarsiisutti, biyyoonni dirqamni kun irra kaa'aman 38 keessaa 24 kan ta'an Afrikaa keessatti argamu. 

Biyyoonni Afrikaa warri akka Jibutii, Naajeeriyaa fi Yugaandaafaa yeroo hojmaata kana keessatti makamanitti Itiyoophiyaan osoo hin eeramiin haftee turte. 

Bulchiisni Pireezidaant Doonaald Tiraamp amma biyyoota dabalataa 12 dirqamni kun akka irra kaa'amu murteessuu isaa Rooyitars aanga'aa tokko eeree gabaaseera. 

A L I Bitootessa 24/2018 irraa kaasee biyyoota 12 hojmaanni kun hojiirra oolu keessaa tokko Itoophiyaa ta'uu odeeffannoon ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fuula marsariitii isaarratti baase ni agarsiisa. 

Zimbaabuwee, Tuniiziyaa, Lesoottoo, Moriishees fi Siishels tarreeffama haraa kana keessatti Itiyoophiyaa waliin biyyoota Afrikaa biroo makamaniidha. 

Ragaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa kun akka agarsiisutti, hojmaanni kun kan hojjiirra oolu lammileen gosoota viizaa daldalaa fi turiizimiif dhufan viizaa "B1/B2" gaafatanirrattiidha. 

Iyyattoonni viizaa argachuu fedhan maallaqni qabsiisan dolaara 5,000, 10,000, 15,000 akka ta'u ibsameera. 

Namoonni viizaa argachuuf iyyatan maallqa murtaa'an keessaa isa hangamii akka qabsiisuu qaban kan itti himamu kan murtaa'u yeroo gaaffiifi deebii viizaaf dhiyaatanittiidha. 

Itiyoophiyaanonni bifa kanaan viizaa argatan dirqamawwan gara garaatu isaanirra kaa'ama. 

Akka ibsa ministeera dhimma alaa Ameerikaatti, lammileen maallaqa qabsiisan gara Ameerikaa seenuu fi bahuu kan danda'an karaa buufata xiyyaaraa daldalaatiin qofa. 

Karaa daandii lafarraan, galaanarraan, xiyyaara kiraatiin (chartered) ta'een ykn imalawwan waliigalaa akka xiyyaara dhuunfaatiin taasifamu gargaaramuun gara Ameerikaa seenuus ta'e bahuu hin danda'an. 

Itiyoophiyaanonni yoo karaa hayyamameefii seenanii fi bahan socho'an, akkasumas guyyaa turtii viizaan itti dhumurra ykn dursanii Ameerikaa yoo bahan maallaqni qabsiisuuf galchan "battalumatti' deebiyaaf. 

Viizaa iyyatan argatanii booda gara Ameerikaa osoo hin deemin yoo hafan ykn Ameerikaa gahanii akka deebiyan yoo taasifamanis maallaqa isaanii deebisanii argatu. 

Dirqamoonni kaa'aman kan caban taanaan, waajirri dhimma nageenna biyya keessaa Ameerikaa dhimmicha gara tajaajila lammummaa fi immigireeshiniitti akka geeffamus ibsameera. 

Itiyoophiyaanonni erga Ameerikaa seenanii booda kolu galtummaa gaafachuu dabalatee bakka jiranirraa adeemsawwan namni sadarkaa baqataa ta'e tokko irra jiru guutuu kan jalqaban taanaan maallaqni qabsiisan sun akka hin deebineef ragaan waajjirichaa ni mul'isa. 

Viizaa imaltoonni argatan guyyaan itti dhumati erga darbee booda Ameerikaa keessaa ba'uu fi guyyaan isaa dhumee booda biyyattii keessa turuunis akkuma kana akka seera cabsuutti lakkaa'ama. 

Bulchiinsi pireezidaant Doonaald Tiraamp tarkaanfiiwwan lammileen biyyoota gara garaa akka gara Ameerikaa hin seenne fudhatan keessatti Itiyoophiyaa yeroo maku kun kan jalqabaa miti. 

Bara darbe Adoolessa keessa Itiyoophiyaanonni daldalaa fi daawwannaaf gara Ameerikaa deeman yeroon turtii viizaa isaaniif kennamu waggaa lama kan turerraa gara ji'a sadiitti hir'achuun isaa ni yaadatama. 

Takka viizaa argannaan yeroon turii hanga xumuramutti irra deddeebiin gara biyyattii seenuun kan hayyamamaa ture amma jijjiirameera. 

Hojmaanni haaraan turtiin yeroo viizaa argatanii xummuramuu baannaan takkaa Ameerikaa keessaa erga bahanii booda viizaadhuma sanaan deebiyanii seenuun akka kanaan duraa hin danda'amu. 

Muddee darbe keessa ammoo Itiyoophiyaanonni mirga kolu galtummaa hin qabne kuma shanii ol ta'an Ameerikaa keessaa akka hin ari'amne hojmaata dahoo seeraa kennamee ture mootummaan biyyattii akka addaan citu godheera. 

Hojmaata kanaan Itiyoophiyaanonni Ameerikaa keessa turan guyyoota 60 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahaniif ajajni kennamee kan ture ta'us, manni murtii murtee kana yeroodhaaf dhoorgee jira.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise