Pireezidaantiin Naannoo Kibba Lixaa Somaaliyaa Abdiyaziz Hasan Mohammad wal-dhabdee Siyaasaa hammmaateen aangoo gadhiisan
Published March 19, 2026, 3:57 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Pireezidaantiin Naannoo Kibba Lixaa Somaaliyaa Abdiyaziiz Hasan Mohaammad Laftagareen, Paartii Haqaa fi Tokkummaa (JSP) kan Pireezidaantii biyyattii Hasan Sheek Mohammuudiin hoogganamu irraa aangoo gadhiisuu isaanii beeksisan.
Abdiyaziz Hasan Mohammad, kan dura itti aanaa dura taa’aa paartichaa ta’uun tajaajilaa turan, Bitootessa 18, 2026 irraa eegalee aangoo isaanii gadhiisuu isaanii ibsa miidiyaa biyyittii Hiiraani'f kennaniin mirkaneessaniiru.
Ibsa isaanii keessatti, “Gocha heera mootummaa faallessu fi tokkummaa biyyaa laaffisu deggaruu hin danda’u,” jechuun ibsanii, tokkummaa, dimokiraasii fi olaantummaa seeraa Somaaliyaaf kutannoon isaanii akka itti fufu hubachiisaniiru.
Pireezidaantichi, bu’uurri heera mootummaa seera qabeessa Somaaliyaa heera bara 2012 qofa ta’uu himachuun, fooyya’iinsi hojimaata seeraa sirna heeraan alaa gaggeeffame kamiyyuu fudhatama akka hin qabne ibsaniiru. Akkasumas, mootummaan federaalaa tarkaanfiiwwan tokkummaa biyyaalessaa balaadhaaf saaxilan fi naannicha keessatti tasgabbii dhabsiisan hordofaa jira jechuun himataniiru.
Himata isaanii keessaa, mootummaan giddugaleessaa milishoota mootummaa ala ta’an naannichatti sochoosuun nageenya irratti dhiibbaa uumaa jira jedhan.
Aangoo gadhiisuun isaanii kun kan dhufe naannoon Kibba Lixaa Somaaliyaa hariiroo siyaasaa fi tumsa Moqaadishoo waliin qabu addaan kutuu isaa erga beeksisee guyyaa tokko booda. Bulchiinsi naannichaa gama isaatiin, qondaaltonni federaalaa dhimma siyaasaa, nageenyaa fi bulchiinsa isaa keessa seenuu, akkasumas bobbaa waraanaa fi deeggarsa gareewwan hidhatan mootummaa naannichaan beekamtii hin qabneef kennuu isaanii irra deddeebiin himateera.
Similar posts:
GABAASA TORBAN KANAA
Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan