Walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaan namootni kuma dhibbaa ol Itoophiyaatti baqachuun gabaafame

Published March 19, 2026, 12:29 p.m. by FNN Staff

181



ODUU FNN

Ajaja waraanni Sudaan Kibbaa magaalaa garee Finciltootaan qabamte Akooboo akka gadi lakkisaniif baase hordofuun, namoonni kuma 100tti tilmaamaan daangaa qaxamuruun gara Itoophiyaatti baqachuu Gamtaa Mootummootaatti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) beeksise. 

Magaalaan Akooboo,  naannoo Joongili bahaatti kan argamtu yoo taatu,  waraana mootummaafi Finciltoota gidduutti ka’een guutumatti gara waraana siiviliitti deebi’uuf qarqara jirti. Waraanni biyyattii Bitootessa 6 irraa eegalee dhaabbilee gargaarsaa alaa dabalatee namoonni hundi magaalattii akka gadi lakkisan bahan ajajeera.

Waraanni biyyattii ergasii Akooboo to’annoo jala oolchuu isaa dubbatus, haala qabatamaa lafa irratti jiru ilaalchisee gabaasni wal-faallessu dhiyaachaa jira, kunis sababa quunnamtiin addaan citeef mirkaneessuun hin danda’amne.

Maddi qaama nageenyaa tokko dhaabbata oduu  Faransaay  ‘Agence France-Presse (AFP)tti  akka himetti, waraanni biyyattii buufata waraanaa  Akooboo keessatti argamu to’annoo jala oolchuu isaafi naannoo sana naannoo dahannoo gochuu jecha gamoowwan naannoo sana jiran diiguu isaa himeera. ta’us gabaasni kuni ragaa qulqulluun ammatti hin mirkanoofne.

Dhaabbanni gargaarsa daa’immanii kan Mootummota Gamtooman  akka jedhetti, naannoo Joongilli keessatti sababa jeequmsaafi waraanni hammaachaa jiruun 'haalli daa’immanii daran akka cimuu taasiseera jedha.

Kanaanis  'Namoonni tilmaamaan 100,000 ta’an daangaa qaxamuruun gara Itoophiyaa seenaniru kaan immoo naannoo Joongilifi Naayil olii keessatti gara bakkeewwan nageenya amansiisoo ta’anitti socho’uu ifoomse.

Namoonni Hospitaala Akoobootti kanaan dura dhukkubsataniifi madaa’anii akka iddoo tasgabbii  tajaajilaa ture keessatti yaalamaa turan hundi magaalattii gadi lakkisaniiru. Hospitaalli sun erga saamamee booda cufamuu isaa gabaasni mirkanaa’aan ni agarsiisa. Daa’imman buqqaatti  gidduutti hammi hanqina nyaataa baayee 'yaaddessaa' ta’uu isaas dhaabbatichi beeksiseera.

Bara kana qofa naannoo Joongili  keessatti tajaajiloonni fayyaafi nyaataa 28 saamamuun, diigamuun ykn cufamuun isaanii gabaafameera,  kunis yeroo naannichi dhukkuba koleeraan weeraramaa jiru kanatti ta’uun isaa dhaabbatichi beeksisera.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise