Waraanni Oromiyaa keessaa dhaadannoodhaan otoo hin taane marii hundagaleessaa fi haqaqabeessa ta'een furamaa jedhame

Published March 19, 2026, 1:22 p.m. by FNN Staff

348



ODUU FNN


Akkuma barootaaf argaa turre Oromiyaan nagaa dhabdee lubbuun dhibbootaa darbuu, dhiigni kumootaa dhangala'uu fi hedduun manaa, qabeenyi isaanii  jalaa manca'uu fi hedduunis qe'ee gadhiisanii baqachuun kan beekkamuudha.

Namoonni yaada isaanii maddeeniif kennan akka jedhanitti, gareen tokko qofti qaama wayii ijaaree dhaadannoo “Walwaraansi Obbolaa Gidduutti Haa Dhaabbatu” jedhu ajandeessuu qofaan waraanni hin dhaabbatuu jedhan.

Kun immoo waggoota 7 darban qabatamaan mul'achuu eeranii, waraanni Oromiyaa keessaa dhibdee siyaasaatu dhale dhibdeen siyaasaa kun marii hunda hirmaachisee fi kennanii fudhachuu ofkeessaa qabuun furamaa jedhu.

Otoo dhaadannoodhaan kan dhaabbatu ta'ee uummanni maaliif waggoota 7 darban gatii hanga kana kafala jechuun gaafatu.

Dhugaadha uummanni Oromoo guutuun waraanni obbolaa gidduutti akka dhaabbatu fedha, walwaraansa kanaan hunda caalaa uummata bal'aatu gatii guddaa kafalaa jiraa kan jedhan namoonni yaada kennan, rakkoo walwaraansa uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiru kana dhale hundeen furuutu waraanichatti xumura godhaa jedhanii falmu.

Kana gochuuf immoo mootummaan gahee leencaa akka qabu hubachiisu.

Kutannoon mootummaan rakkinicha marii siyaasaan furuuf qabu hunda caalaa murteessaa akka ta'e eeranii, gartuuleen siyaasaa biroos gahee isaan irraa eeggamu bahuun dirqama ta'uu dubbatu.

Gartuuleen siyaasaa Oromoo warra aangoo irra jiru irraa jalqabee hanga kan bosona jirutti fulla'uun, kanneen karaa nagaa qabsaa'anii jalqabee hanga namoota Oromoo biratti dhageettii guddaa qabanii fi waldaalee siiviikiitti waldhaggeeffatanii ilaa fi ilaameedhaan rakkoo uummata Oromoo harkaa qabu kana furuu qabuu jedhan.

Kana gochuuf immoo marii hunda hirmaachisee fi kennanii fudhachuu ofkeessaa qabu gochuun dhimma murteessaa ta'uu dubbataniiru.

 


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate