Godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataatti barsiisonni gandoota baadiyyaa irra barsiisan bulchiinsi aanichaa gaaffii lafa mana jireenyaa argachuu keenya sarbee jedhan.

Published March 21, 2026, 3:16 p.m. by FNN Staff

404



ODUU FNN

Barsiisonni maddeeniif yaada isaanii kennan, inisheetiivii mootummaan bocee gadibuuse keessaa tokko dhimma lafa mana jireenya barsiisotaa akka ta'e himan.

Haa ta'u malee aanaan Ilfataa mirga barsiisotaa sarbee jira jechuun komatan.

Kunis, barsiisota gandoota baadiyyaattii barsiisaniif lafti mana jireenyaa hin kennamu warra magaalaatti barsiisan qofaaf malee jechuun mirga barsiisaa baadiyyaatti barsiisee dhaloota qaraa jiruu mulqanii jiru jedhan.

Barsiisaan baadiyyaatti barsiisu bakki jireenya isaa magaalota aanaa keessa ta'uu eeranii, achii deddebi'anii dadhabe nuffe otoo hin jenne barsiisaa akka jiran dubbatan.

Haata'uutii garuu gaafa lafa mana jireenyaa kennuun dhufu warra baadiyyaatti barsiisu hin ilaallatu jechuun gituma kamiinuu fudhatama hin qabuu jedhan.

Qajeelfama mootummaan Oromiyaa baases kan faallessuudhaa jedhan.

Saffisaan tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamus gaafataniiru.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan