Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humnoonni finxaaleyyii Faannoo haleellaa qindaa'aa raawwachuuf qophiitti jiraachuun dhagahame.

Published March 21, 2026, 3:30 p.m. by FNN Staff

381



ODUU FNN

Akka ragaa maddeen argatan ibsanitti gandoota aanaalee haleellaan hidhattoota finxaaleyyii Faannoo itti heddummaatuutti humni kun irra deebiin tibbana ofgurmeessaa fi bobbii fudhataa jiraachuu dhageenye.

Kana malees hidhattoonni dabalataas Goojjam irraa ergamanii itti dabalamaa jiraachuun ibsameera.

Meeshaaleen waraanaas heddumminaan Faannoo naannoo Amaaraa irraa ergamuufii odeessi argame mul'isa.

Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo kan naannoo Amaaraa keessa socho'an guyyoota muraasa dura naannoo Amaaraa Kibba Gondar aanaalee fi magaalota garaagaraa weeraruun badii guddaa geessisan. Haleellaan hidhattoota kanaa bifa duulaan godinicha irratti wayita adeemsifamu baatii 1 keessatti kun marsaa 2ffaa dha.

Marsaa lamaaniinuu hooggantoonni mootummaa, humnoonni nageenya mootummaa fi warri isaan morme heddutu dhume.

Marsaa 1ffaa irratti aanaalee godina Kibba Gondar irratti haleellaan wayita raawwatamu yeroo walfakkaataatti Faannoon godinaalee Wallaggaa keessa socho'u duula walfakkaataa adeemsisee badii guddaan gahuun waan yaadatamu.

Amma immoo guyyoota muraasa dura akkuma kanaan duraa Kibba Gondaritti haleellaan raawwatamnaan, humni finxaalessa Faannoo godinaalee Wallagga keessa socho'us haleellaa walfakkaataa raawwachuuf akka jiru dhagahameera.

Gareen humna finxaalessa Faannoo naannoo Amaaraa Kibba Gondaritti haleellaa raawwatuu fi kan godinaalee Wallaggatti Izzii Bizaamoo jedhamee kutaa waraanaa 6n socho'u ajaja giddugalaa garee Zammanaa Kaasee faa irraa akka fudhatu ragaan argame mul'isa.

Gareen Zammanaa Kaasee kun gamtaa mootummaa Eertiraa fi humnoota Tigraay mootummaa federaalaa mormanii kan ta'e “Tsimdoo” waliin hidhata akka qabutu dubbatama.

“Izziin Bizaamoo” ofiin jedhu godinaalee Wallaggaa hunkuraa jiru immoo ajajni isaa olaanaan garee Zammanaa Kaasee fa'aa akka ta'e ragaan mul'isa.

Hidhattoonni “Izzii Bizaamoo” jedhamu keessa jiran immoo kuun naannoo Amaaraatii ergame, kuun milishaa Amaaraa qubattoota Amaaraa Oromiyaa keessa jiran keessaa mootummaan Oromiyaa fi federaalaa filee leenjisee hidhachiise, kuun immoo kanneen gartuuleen siyaasaa Amaaraa garaagaraa, dureeyyiin Amaaraa fi Daayaaspooraan Amaaraa hidhachiise, kuun immoo namoota dhuunfaan hidhatani.

Warri kun walitti qabamanii kutaa waraanaa 6n “Izzii Bizaamoo” jedhamu hundeeffatanii godinaalee Wallaggaa hunkuru.

Izzii kana gareen Zammanaa faa akeeka Faannoo milkeessuuf itti dhimma baha. Akeekni kunis Wallagga keessatti godina addaa ijaarrachuu darbees mootummaa federaalaa fonqolchanii olaantummaa Amaaraa Itoophiyaa keessatti mirkaneessuu akka ta'etu ibsama.

Mootummaan Oromiyaas ta'ee federaalaa garee diina uummata Oromoo ta'e kana godinaalee Wallaggaa keessatti akeeka garaagaraaf akka itti fayyadamu ragaaleen mul'isu.

Duraan jara waliin ta'anii WBO waraanuuf ture jedhan. 

Amma immoo Faannoon Tsimdoo waliin hidhata tolfannaan hammeenya Faannoon uummata irraan gahu uummanni akka dhamdhamee humna kana hadheeffatee jibbu, gartuun siyaasaa Oromoo kanuu garee kana waliin gamtaa tolfatu uummataan akka balaaleffatamu gochuuf mootummaan callisee uummata irratti ilaala jedhan.

Kana qofaas miti mootummaan Oromiyaa tibba darbe garee kana irratti Wallaggatti oppireeshinii jalqabee guyyaa 3ffaatti ajaja waajjira ministira muummee irraa dhufe jedhameen dhaabsifame.

Ajaja waajjira ministira muummeetii dhufe duuba harki paartiilee siyaasaa Amaaraa kanneen akka ABIN, Biltsiginnaa naannoo Amaaraa, Ihaappaa, INNAT paartii jedhaman faa akka jiru maddeen gabaasanii jiru.

Erga oppireeshiniin Faannoo irratti godhamu dhaabsifamee booddee humni kun baatii otoo hin guutin Wallaggatti duula banee tibbana gandoota jumlaan gubee, lubbuu namoota nagaa jumlaan dabarsee badii guddaan gahuun ni yaadatama.

Kanaaf gaafatamaa guddaan mootummaa oppireeshinii humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee guyyoota muraasa keessatti dhaabee uummata Oromoo balaaf saaxileedha jedhanii hedduun jabeessanii qeeqaa jira.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise