Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sochiin humnoota finxaaleyyii Faannoo hammaataa dhufuun dhagahame.

Published March 27, 2026, 2:13 p.m. by FNN Staff

640



ODUU FNN

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, dhalattoonni saba Amaaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannichatti bobbaafame keessa jiran meeshaa waraanaa qabatanii jaratti makamaa jiraachuu himan.

Guyyoota muraasa dura dhalattoota saba Amaaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turan 52tu godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichootti meeshaa waraanaa guutuu waliin humna finxaalessa Faannootti harka kennachuu fakkeessee makamee jedhan.

Bifuma walfakkaatuun dheengadda godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa jedhamutti dhalattoonni saba Amaaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turan 13 meeshaa waraanaa guutuu waliin humna finxaalessa Faannootti makamuu maddeen irraa dhageenye.

Dhalattoonni saba Amaaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannichatti bobbaafame keessa jiran Raayyaa Ittisa Biyyaa keessas taa'anii finxaaleyyii waliin akka hojjatan maddeen ibsaniiru.

Guyyoota muraasa dura Andoodee Dichootti dhalattoonni Oromoo Raayyaa Ittisa Biyyaa keesaa jiran 40 caalaan kan dhuman shira waraanicha keessatti dursee xaxameen akka ta'es keessa beektonni himaniiru.

Humni finxaalessi Faannoo naannawaa sana socho'u inumaa haleellaa biraatiif sochiitti akka jirutu dhagahame.

Humni finxaalessa Faannoo godinaalee Wallaggaa keessa socho'u “Izzii Bizaamoo” jedhee ofwaama.

Kutaalee waraanaa 6 ofjalaa akka qabu maddeen gabaasanii jiru.

Mootummaan humna kana irratti tarkaanfii jabaa fudhachuu dhabuu isaatiin komatamaa jira.

Inumaa humni kun akka badu hin barbaadu jedhamees dubbatama.

Tibba darbe oppireeshiniin humna kana irratti jalqabame guyyaa 3ffaa isaatti ajaja gubbaadhaa dhufe jedhamuun dhaabsifame.

Humni kun yeroo uummata haleelu milishoota fi poolisoota naannawaa akkasumas miseensota humna farra riphee lolaa Oromiyaa muraasa aantummaa uummataa qaban naannicha jirantu hanga humna isaanii uummata irraa ittisuuf socho'u jedhame.

Humni finxaalessa Faannoo naannawaa sana jiru immoo garmalee guddaa akka ta'etu dhagahame.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan