Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Published March 27, 2026, 2:20 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Naannicha keessatti Paartileen siyaasaa mormitootaa jahaa fi gamtaan lama kaadhimamaa 101 galmeessaniiru.
Tigraay keessatti lakkoofsi kaadhimamaa waliigalaa ammatti dhiyaate lakkoofsa teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoo naannichi qabuun gadi ta'uun ibsameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Manni Maree Federeeshinii teessoo falmisiisaa ta'e irratti murtee kennuu isaa dura ragaan baase akka ibsutti, walumaagalatti Tigraay keessatti teessoo 182 qaba.
Kanneen keessaa 152 mana maree naannichaa, 38 ammoo Tigraay irraa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataati.
Boordiin Filannoo ibsa gara ji'a tokko dura Guraandhala 23/2018 baaseen, "naannolee filannoo shanan mootummoota Tigraay fi Amaaraa gidduutti waldhabdeen uumamanitti" naannoo Tigraayiin ala taa'anii filannoon akka keessatti gaggeeffamu murteessuu isaa beeksiseera.
Naannoleen filannoo Manni Maree Federeeshinii "kallattiin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf sagaleen isaanii akka galu kan ajaje" "Humaraa, Adi Ramet, Koram Ofla, Tsallamti fi Raayyaa" dha.
Tarreen kaadhimamtoot filannoo ifa godhe gamaaggame keessa bakka bu'oota naannolee filannoo kanneen keessatti dorgomuuf galmaa'an hin tarreeffamne.
Namoota siyaasaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) irraa adda bahaniin kan hundeeffame paartii Dimookraatawaa Simret Tigraayi (Simreet).
Simreet naannoo Tigraay keessatti kaadhimamaa olaanaa galmeesse.
Dhimma baha Afrikaa irratti gorsaa Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmad kan ta'an Dura taa'aan paartichaa Geetaachoo Raddaa hin kaadhimamummana hin dhiyaanne. Ammoo paartichi teessoo paarlaamaatiif kaadhimamaa torba galmeessee jira.
Gorsaa Ministeera Barnootaa fi itti gaafatamaa hariiroo alaa paartichaa kan ta'an Piroofeesar Kindeyyaa Gabrahiwoot dabalatee kaadhimamaa 30 ta'anis mana maree naannichaaf dorgomuuf kaadhimummaa isaanii dhiyeessanii jiru.
Paartiin Tnasae Saba Enderta kaadhimamaa paarlaamaa fi mana maree naannoo 24 qabachuun sadarkaa lammaffaa irra jira. Paartiileen Bilisummaa fi Walqixxummaa fi Raayyaa Raayyuu baay'ina kaadhimamaa itti aanan.
EZEMA fi dhaabni Tinsaa'ee Siri'aat Qaancii Haqqii jedhaman akkasumas Tibibbir La Itoophiyafi Salaam la Itoophiyaakan jedhaman kaadhimamtootasaanii
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte