Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Published March 4, 2026, 3:55 p.m. by FNN Staff

704



ODUU FNN

Lolli Iraanii fi Ameerikaa jidduutti gaggeeffamaa jiru guyyaa afraffaasaa wayita seenutti, Ameerikaa fi michoonni isii Galoo Galaanaatti meeshaaleen interceptoroonni diroonii fi misaa’ela Iraan ittiin cufuuf itti fayyadaman dhumataa akka jiran gabaafameera.

Yoo xiqqaate michuu Galoo Galaanaa tokko hanqinni misaa’ela ittisa qilleensaa muudataa jiraachuu fi dhiyeessii dabalataa US irraa gaafachuu isaa gabaafameera.

"Hanga ammaatti rifachuu hin qabnu, garuu ittisa dafnee yoo arganne gaariidha," jedhu maddeen naannoo.

Pireezidaanti Tiraamp waraanni kun torban 4 hanga 5 turuu akka danda'u kan dubbatan yoo ta'u, Ameerikaan garuu ''dandeettii yeroo dheeraaf loluu'' qabdi jedhu.

Tiraamp kuufamni meeshaalee waraanaa fageenna jidduu galeessaa ''yeroo kamiyyuu caalaa ol'aanaadha'' jechuun meeshaalee waraanaa sadarkaa ol'aanaa qaban irratti qaawwi akka jiru akeekkachiisaniiru.

Lakkoofsi qondaaltonni Ameerikaa dhiyeessan garaagarummaa oomisha meeshaa waraanaa gama lamaan jidduu jiru agarsiisa. Iraan ji'atti misaa'ela 100 ol akka oomishtu tilmaamameera.

US ji'atti interceptor 6 hanga 7 qofa oomishuuf dandeessi.

Ajajni Jiddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) guyyoota muraasa darban keessatti bakka Iraan 2,000 kan rukute yoo ta’u, Iraan ammoo misaa’ela balistikii 500 fi diroonii 2,000 dhukaasuun isii ibsee jira.

Kuusaan misaa’ela Ameerikaa Baha Jiddu Galeessaa keessatti qabdu gara fuulduraatti Chaayinaa waliin waldhabdee uumamuuf gahaa akka hin taane sodaatama.

Qorannoon akka agarsiisutti waraana guddaa Chaayinaa waliin taasiftu keessattillee kuufamni Ameerikaa guyyoota 25 keessatti dhumuu danda'a.

Tiraamp yeroo ammaa hanqina ittisa qulqullina ol'aanaa qabu kan US Yukireenif kenniteef bulchiinsa Baayiden komatan.

Biyyoonni Galoo Galaanaa (Baahireen, Qaxar, UAE, fi Sa’uudii Arabiyaa) hanqinni misaa’elaa yoo isaan muudate, haleellaa dhufu mara of irraa ittisuu caalaa filannoodhaan xiyyeeffachuuf dirqamuu danda’u.

Dhaabbileen ittisaa U.S. yeroo ammaa kana “bu’uura hatattamaa”tiin oomisha isaanii guddisaa kan jiran yoo ta’u, xiinxaltoonni indaastirichaa kuusaa dhume bakka buusuuf waggaa 1 hanga 3 fudhachuu danda’a jedhu.

Yoo waraanni kun itti fufe, U.S. maallaqa dabalataa Kongireesii gaafachuun isii waan hin oolle fakkaata.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise