Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!
Published April 11, 2026, 1:41 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Qondaaltonni Kremlin daa’imman Raashiyaa keessa jiran “jaalala biyyaa” horachuuf umurii isaanii waggaa sadiitti leenjii waraanaa mootummaan deeggaramu irratti akka hirmaatan hayyamuuf murteessuu isaanii gabaafameera.
Kaarikulamiin haaraan “Taphoota Gaarii”
(Kind Games) jedhamuun moggaafame kun Amajjii 1 irraa eegalee guutuu Raashiyaa keessatti manneen tursiisa daa’immanii keessatti hojiirra oola.
Ijoolleen uffata waraanaa uffachuu, qawwee meeshaa taphaatiin walitti dhukaasuu, loltoota madaa'an yaalan gochuu ni barsiifamu.
Daa’imman umuriin isaanii waggaa 3 hanga 5 ta’e dhaadannoo “Nuhi baay’eedha, adda adda taanee; garuu jaalala Raashiyaaf qabnu keessatti tokkummaa qabna.
Hundi keenna Biyya Haadha keennaa ittisuuf qophiidha.”
Ijoolleen kaartaa Raashiyaa irratti naannoo ofii isaanii adda baasuun kan barsiifaman yoo ta’u, kunis naannoowwan Yuukireen Raashiyaan qabatte keessattis kan hammatuudha.
Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin labsii Gurraandhala bara 2024 baasaniin barnoonni jaalala biyyaa umurii baay’ee xiqqaa irraa eegaluu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
''Daa'imni tokko umurii isaa waggaa shaniitti qawwee meeshaa taphaa taphachuun ‘loltuu ta’uu barbaada’ jechuu danda’a, kanas kaayyoo guddaadhaaf, qarqaarsa ogeessotaatiin fayyadamuu qabna,” jedhan Puutiin.
Tarkaanfiin kun erga Raashiyaan Yukireen irratti weerara guddaa raawwattee booda cimee kan dhufe yoo ta’u, amma manneen barnootaa keessatti shaakala boombii darbachuu fi qawwee AK-47 walitti qabuu, leenjii diroonii fi leenjii boolla qotuu, akkasumas “kilaboota waraana-jaalala biyyaa” kuma kudhaniin lakkaa’aman kanneen leenjii barnootaan ala kennan dabalata.
Kana malees, ijoolleen mana barumsaa kuma tokkoo ol ta’an uffata waraanaa, toora kaameraa fi meeshaalee waraanaa biroo oomishuuf leenji’aniiru.
Qondaaltonni Raashiyaa tokko tokko leenjiin yeroo dhalatan jalqabuu qaba jedhanii amanu.
Kana jajjabeessuuf yaadni daa’imman reefuu dhalataniif kennaa “Jaalala biyyaa” kennuu yaadameera.
Yaadni isaas daa’imni yeroo dhalatu ergaa “Raashiyaan si barbaaddi, ati biyya keetiif barbaachisaadha” jedhu kennuudha.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan