Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte

Published April 14, 2026, 1:18 p.m. by FNN Staff

254



ODUU FNN

Ibsa harra baasteen Chaayinaan murtee Yuunaayitid Isteetis ulaa galaanaa Hormuz cufuuf taasifte "tarkaanfii balaafamaafi itti gaafatamummaa kan hin qabne" jechuun balaalfeffatte; tarkaanfiin kun naannoo durumaan tasgabbii hin qabne keessatti jiruun akka ittuu hammaatu taasisa jettee akeekkachiifte.

Ibsa gaazexeessitootaa torbanitti Beejiingitti kennamu irratti dubbi himaan Ministeera Alaa Chaayinaa Guyoo Jiyaakun akka jedhanitti, murteen kun “walitti bu’iinsa ni hammeessa, dhukaasa dhaabuu ammaaf lafa hin qabanne kana ni diiga, akkasumas karaa bishaanichaa kan deemsa daldalaatiif furtuu ta’e keessatti nageenya dooniiwwanii caalaatti sodaachisa” jedhan.

Guyoo akka jedhanitti, "dhukaasa dhaabuu sirnaa" ta'e qofatu haala rakkoo karaa bishaanichaa lhirrisuu danda'u uuma. Dhimmichi kan ilaallatu hundi walii galtee dhukaasa dhaabuu jiru akka kabajan, marii fi naannawaaf dursa akka kennan, akkasumas haala jiru tasgabbeessuufi socho'a dooniiwwanii hatattamaan gara bakkatti deebisuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan gaafataniiru.

Waraanni Ameerikaa akka jedhutti, erga mariin sadarkaa ol’aanaa Islamaabaaditti waraana Iraan waliin jiru dhaabuuf taasifame fashalaa’ee booda, Wiixata har’aa irraa eegalee dooniiwwan buufata doonii fi qarqara galaana Iraan galanis ta’e ba’an hunda irratti cufiinsa ni taasisa.

Murteen kun kan dhufe, mariin dhuma torbee gidduu bakka bu’oota USA fi Iraanitti taasifame walii galtee malee xumuramuu hordofeeti; kunis carraaqqii dhukaasa dhaabuu laafaa ta’e tasgabbeessuufi hamuumma naannichaa hir’isuuf taasifamuuf gufuu ta’eera.

Ibsa kanaan dura dhiyaateen, Prezidanntichi Chaayinaa Shii Jiinpiing Giddu-galeessa Bahaatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf yaada furmaataa qabxii afur of keessaa qabu dhiyeessanii turan. Yaadni kun kan dhiyaate Beejiingitti Angawaa Bulchiinsa Abu Daabii Sheek Kaalid biin Mohaammad biin Zaayid Al Naahiyaan waliin wayita mari’atanittidha.


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate