Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Published April 14, 2026, 1:28 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdallaa Hamdok, yeroo waggaa sadaffaa waraana Sudaan sababeeffachuun magaalaan Berliin konfaransii keessummeessuuf qophaa’utti jirtutti, sagaleen jiraattotaa karaa seera qabeessa ta’een carraaqqii idil-addunyaa waraana adeemsifamaa jiru dhaabsisuuf taasifamu keessatti yeroo jalqabaaf dabalamaa jiraachuu dubbatan.
Konfaransiin ministeerota idil-addunyaa Sudaan irratti xiyyeeffatu kun Ebla 15 kan gaggeeffamu yoo ta’u, Kunis yaa’ii bara 2024 waggaa 1ffaa waraanichaa ilaalchisuun Paariisitti fi bara 2025 waggaa 2ffaa ilaalchisuun Laandanitti gaggeeffaman hordofee kan dhihaatedha. Mariiwwan darban lamaan dhukaasa dhaabuu yookiin furmaata siyaasaa amansiisaa ta’e uumuu hin dandeenye.
Jarmanii, Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurooppaa (EU), Faransaay, Yuunaayitid Kiingidam (UK) fi Ameerikaan waliin ta'uun konfaransii kana ni qopheessu. Sagantaa kan irratti Ministeeronni dhimma alaafi qondaaltonni biyyootafi dhaabbilee kanneenii akka, bakka bu'oota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN), dhaabbilee gargaarsa namoomaa gurguddoofi hirmaattota hawaasa siivilii Sudaan Berlinitti ni argamu jedhamee eegama.
Obbo Hamdok, hirmaannaan siiviliotaa marii Berlin kana irratti mul’achuun isaa konfaransiiwwan kanaan dura kan siivilionni irratti hin hirmaanne irraa adda akka taasisu ibsaniru.
Magaalaa Berlin deemuun dura gaaffiifi deebii bilbilaan Ze Naashinaali waliin taasisaniin, 'Waraana kanaaf furmaanni amansiisaan jiru karaa adeemsa siyaasaa hundee irraa sababa walitti bu’iinsa kanaa furuun qofa,' jedhan. Itti dabaluun, Jilli siivilii dhimmoota akka gargaarsa namoomaa dhiyeessuu, namoota nagaa eeguufi adeemsa siyaasaa waraana kana dhaabsiisu irratti dhiibbaa ni taasisu jedhanii kan eegamu ta’u dubbataniiru.
Dabalanis jalqabaa irraa kaasee waraana kanaaf furmaanni waraana hin barbaachisu dubbachaa turre, kan jedhan Hamdok, gareen tokkolleen injifannoo guutuu gonfachuu hin danda’u. Bakka bu’oonni siivilii bal’aa waraana kana mormaniifi nagaa labasn walitti fiduun, ibsa ejjennoo tokko ni baasna jennee eegna.” jedhaniru
Waraanni kun kan jalqabe baatii Ebla bara 2023 yoo ta’u, kunis waldhabdeen Humna Waraana Sudaan (SAF), kan Jeneraal Abdel Fattah Al Burhaniin durfamuufi Garee Finciltoota Raappid Saappoort Foorsis (RSF) kan Jeneraal Hamdaan Dagaloo durfamu gidduutti uumame gara waraanaatti erga jijjiiramee boodadha.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate