Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Published April 15, 2026, 3:11 p.m. by FNN Staff

400



ODUU FNN

Waraanni Baha Jiddu Galeessaa keessatti deemaa jiru gabaa anniisaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu akkuma  itti fufetti jira. 

Ministirri Inarjii Ameerikaa Kiriis Raayit sababa jeequmsa doonii daldalaa karaa Strait of Hormuz muudateen torban muraasa dhufan keessatti gatiin boba’aa sadarkaa ol'aanaa irra gahuu danda’a jedhan. 

Gatiin boba’aa sadarkaa amma irra jiru irraa dabaluu itti fufa. Hanga sochiin doonii hiika qabu karaa Strait of Hormuz deebi’ee jalqabutti hir’inni gatii boba'aa hin eegamu jedhaniiru. 

Ministirri kun gatiin “torban muraasa dhufan keessatti” sadarkaa ol'aanaa irra gahuu danda’u akeekan. 

Waldhabdeen US fi Iraan jidduu jiru yoo xummuramellee, gatiin boba’aa hatattamaan gadi bu’a jedhanii eeguun “dhugaa ta’uu irraa fagaateera” jechuun Ministirri Raayit akeekkachiisaniiru. 

Gatiinis hanga gannaatti (summer) tasgabbaa'uun isaa hin oolu jedhanii yaaduun rakkoo akka taye ibsameera. 

Gurraandhala.28/2026 irraa eegalee waldhabdee Ameerikaa-Israa’el fi Iraan jidduutti hammaatee booda, dooniiwwan biyya alaatif Strait of Hormuz cufaa tahuun 
gabaa tasgabbii dhoorgeera. 

Dhukaasa dhaabuu fi mariin nagaa torban lamaaf Paakistaan ​​jidduu galeessa godhate dhuma torbee darbee kufuun himameera. 

Kana hordofuun Ajajni Jiddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) buufata doonii Iraan irratti humna galaanaa cimaa akka ugguruu beeysise. 

Hoggantoonni addunyaa waldhabdeen kun akka dhaabbatu wayita gaafataa jiranitti, gabaan anniisaa rakkoo guddaadhaaf qophaa’aa waan jiru fakkaata.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman