TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse
Published April 20, 2026, 2:11 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaan federaalaa angoo bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaan hogganamu waggaa tokkoof dheeressuu hordofee TPLF hin fudhadhu jechuun bulchiinsa yeroo diiguuf murteesse.
Inumaayyuu osoo waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame hin eegalin dura filannoo naannichatti gaggeeffameen "mootummaa filameen" bakka buusuf murteessuus ibsa baaseen beeksise.
TPLF kana kan beeksise wal-gahii ariifachiisaa koreen giddu galeessaa dhaabichaa Ebla 7 - 8, 2026 magaalaa Aksuumitti taa'een yoo ta'u, mootummaan federaalaa aangoo bulchiinsa yeroo dheeressuunsaa seeran ala akka ta'eefi Waliigalteen Piritooriyaa cabuus ibse.
"Mootummaan Itoophiyaa obsaafi fedhii uummanni Tigraay nagaaf qabu akka dadhabinaatti fudhateera; Waliigaltee Piritooriyaa ammoo fedhiisaa [naannoo Tigraay] irratti fe'uuf itti fayyadameera," jechuun erga waliigaltichi mallattaa'ee as tarkaanfiwwan mootummaan federaalaa fudhatu dubbii kan hammeesse ta'uu ibse TPLF.
TPLF bulchiinsa yeroo diiguun mootummaa filannoo bara 2020 naannichatti gaggeeffameen filame jedheen bakka buusuuf akka murteessu kan taasise keessaa tokko waa'ee "humnoota daangaa naannichaa qabatanii jiru" jedhuuti.
Mootummaan federaalaa akkaataa Waliigaltee Piritooriyaan humnoota kana daangaa Tigraay keessaa baasurra akka isaan humna jabeeffatanii "uummata Tigraay dararaniif haala mijeessera" jechuun himata.
Mootummaan Itoophiyaa Waliigaltee Piritooriyaa akka golgaatti fayyadamuun caasawwaniifi dhaabbilee Tigraay turan diiguuf akka dhimma itti bahaa jirus hadheessee himata.
Gama biraan ammoo mootummaan federaalaa humna waraanaa gara Tigraayitti bobbaasuun irra deebin waraanni akka ka'u gochuun nageenyafi jireenya uummata naannichaa balaarra buusuufi jechuun himata.
Pirezidaantii duraanii bulchiinsa yeroo Tigraay kan ta'aniifi amma gorsaa MM Abiy kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa, murteen koreen giddu galeessaa TPLF bulchiinsa yeroo naanichaa diiguuf fudhate "tarkaanfii balaafamaa" jechuun ibsan.
"Mootummaan Jeneraal Taaddasaa Warradaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo ta'anii akka itti fufan gochuusaa TPLF ifatti kufaa gochuunsaa Waliigaltee Piritooriyaa ifatti diiguusaa kan agarsiisudha," jechuun TPLF naannicha gara rakkoo wal-xaxaatti geessaa akka jiru ibsan.
Murteen koreen giddu galeessaa TPLF fudhate naannicha waraana biraatti kan geessu ta'uu kan akeekan Obbo Getaachoon, garuu "uummanni Tigraay waraana biraatti seenuuf qophii miti" jedhan.
TPLF ofiisaatiin Waliigaltee Piritooriyaa keessaa bahuunsaafi bulchiinsa yeroo waraana booda hundaa'e diiguuf murteessunsaa "waraanni deebi'ee akka eegaluuf tuttuqqaa kaasuuf akka ta'e kan namatti agarsiisudha" jechuun hawaasi idiladdunyaa tarkaanfii TPLF fudhataa jiru akka quba qabaatu waamicha godhan Obbo Getaachoon.
TPLF gamasaan mootummaan federaalaa aangoo bulchiinsa Jeneraal Taaddasaa waggaa tokkoof dheeressuun seera qabeessa akka hin taane ibsuun bulchiinsa yeroo akka diigu ibseera.
Bakka bulchiinsa Jeneraal Taaddasaa diigamuu ammoo kaabinee filanannoo bara 2020 naannoo Tigraayitti gaggeeffameefi mootummaa federaalaan kufaa ta'e, filameen bakka buusuf murteessera.
TPLF ibsa Ebla 19 baaseen, filannoo waraana dura naannichatti gaggeeffameen namoonni miliyeena 2.8 sagalee kennuun mootummaa 'isaanif ta'u filachuu' isanii ibse.
Ministiirri Muummee Abiy Ahmad Ebla 10 aangoon pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay waggaa tokkoof akka dheeratu godhan.
Jeneraal Taaddasaa Warradaa mootummaa federaalaaf gabaasa dhiyeessuuf akkasumas aangoon bulchiinsa yeroo dheerachuurratti MM Abiy waliin mariyachuuf osoo Finfinnee hin deemin dura garuu TPLF irraa akeekkachiisi kennameefii akka ture ibsanii turan.
Akeekkachiisi TPLF Jeneraal Taaddasaaf kenne, "aangoo siif kennamu akka hin fudhanne" kan jedhu ture.
Pirezidaantiin Yeroofii naannoo Tigiraay kun gara Finfinnee kan deeman afeerraa MM Abiy AHimediin tahuu himan.
Jeneraal Taaddasaan pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'anii aangoonsaanii waggaa tokkoof dheerachuu Waajjirri Ministeera Muummee beeksisuu hordofee, TPLF aangoon Jeneraal Taaddasaa dheerachuu mormuun ibsa baasee ture.
Ebla 19 ammoo bulchiinsa yeroo diiguun kaabinee bara 2020 filannoo gaggeeffameen 'filame' jedheen bakka buusuuf murteessuu isaa beeksise.
Tarkaanfii mootummaa yeroo naannichaa diiguu TPLF fudhachuuf jiru kana ilaalchisee hanga ammaa mootummaa federaalaa irraa waanti dhagahame hin jiru.
Similar posts:
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok