Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Published April 23, 2026, 2:43 p.m. by FNN Staff

60



ODUU FNN

Amineestii Internaashinaal sarbamni mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti itti fufuun isaa, keessattuu gocha seer maleessa raawwatamuuf itti gaafatamummaan dhabamuu, waraana hidhannoo itti fufee jiruu fi bara 2025 keessa mirgi sochii mirga hawaasaa dhiphachaa dhufuu isaa irratti yaaddoo guddaa uume jechuun saaxileera.

Gabaasa isaa waggaa kan bara 2026, “Haala Mirga NamoomaaAddunyaa” (The State of the World’s Human Rights 2026) jedhuun, Aminastiin yakka waraana naannoo Tigraay keessatti bara 2020 raawwatameef “haqni fi itti gaafatamummaan seera idil-addunyaa jalatti tokkoyyuu hin raawwatamne” jedheera. Adeemsi itti gaafatamummaa mirkaneessuu waraanichi erga dhumate waggoota boodas lafa harkifachaa jiraachuus akeekkachiiseera.

Dhaabbatichi dabalataan, “sarbamni mirga namoomaan walqabatee waraana hidhannoo naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fufan keessatti raawwatamu ammallee itti fufee jira,” jechuun miidhaan Tigraayiin ala jiruus kan hin dhaabbanne ta’uu addeesse.

Gocha hammeenyaa kanaan dura raawwatamaniif furmaata kennuuf yaaliin taasifamu lafa harkifachaa jira. Amineestiin akka jedhetti, “adeemsi haqaa (transitional justice) erga mariin jalqabamee waggaa sadii boodas lafa harkifachaa jira,” kunis waadaa mootummaan itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gale irratti yaaddoo uumeera.

“Sarbama kanaan duraa fi amma raawwatamaa jiraniif adabbiin dhabamuun itti fufeera,” jedhe Amineestiin; kunis hanqina sirna qorannoo gaggeessuu fi yakkaan gaafachuu gufachuu agarsiisa jedheera.

Qe’ee irra buqqisuu waliin walqabatee, gabaasichi buqqaatii namootaa, keessattuu magaalaa Finfinnee keessatti qe’ee irra buqqisuu humnaa irratti xiyyeeffateera. Abbootiin taayitaa “jiraattota qubannaa seeraan alaa (informal settlements) Finfinnee keessa jiran humnaan buqqisaniiru,” kunis namoonni hedduun manni jireenyaa madaalawaa ta’e ykn kaffaltiin beenyaa osoo hin kennaminiif akka hafan taasiseera, jedhe gabaasa isaatiin.

Abbootiin taayitaa “Piroojektii Misooma Koridoorii” akka misooma magaalaa murteessaa, “bu’uuraalee misoomaa, manneen jireenyaa fi bakkeewwan uummataa fooyyessuuf” yaadameetti ibsanis, hojiirra oolmaan isaa garuu Finfinnee fi magaalota biroo keessatti namoota kumaatamaan lakkaawwaman “humnaa fi hedduuminaan qe’ee irraa buqqisuu” hordofsiiseera.

Gabaasichi akka jedhutti, gochi kun namoota hedduu “mana dhabeyyii fi hiyyummaa hammaataaf” saaxileera. Dabalataan, mootummaan buqqatii kana kan morman irratti tarkaanfii ukkaamsuu fudhachuu isaas gabaasichi ni addeessa: “Abbootiin taayitaa jiraattota buqqatii isaanii morman doorsisuu fi namoota dhimma kana miidiyaaleef gabaasan irratti sodaachisa raawwataniiru.”

Gochi kun namoota kanaan dura miidhaaf saaxilaman caalaatti balaaf akka saaxilu fi rakkoo buqqatiinsa biyyaalessaa waraanaa fi piroojektoota misoomaan walqabatu akka hameessullee akeekkachiiseera.

Daangaan sochiin mirga hawaasaa dhiibbaa jala seenuu

Gabaasichi dhimma jijjiirama seeraa iddoo sochii mirga hawaasaa dhiphisuu danda’u irratti xiyyeeffateera. Labsii waldaalee siiviikii irratti fooyya’iinsi yaadame “bilisummaa fi to’annoo murtii laaffisuu… akkasumas humni to’annoo ala ta’e qaama raawwachiisaa harkatti akka kufu gochuun iddoo siiviikii ni dhiphisa,” jedheera.

Akkasumas, gabaasichi bara 2025 keessa hiriira ogeeyyii fayyaa Itiyoophiyaa waliin walqabatee namoota hidhaman galmeesseera. Abbootiin taayitaa “ogeessota fayyaa 140 ol hiriira biyyaalessaa irratti hirmaataniiru jechuun hidhaniiru,” isaan keessaa tokko tokko kaffaltii xiqqaa fi haala hojii hammaataa mormuun isaaniitiin ji’a tokkoof hidhamaniiru.

Waraana keessoo Itiyoophiyaa ilaalchisee, gabaasichi dubartootaa fi shamarran miidhaa waraanaa ulfaataadhaaf saaxilamaa jiraachuu eere. “Dubartootaa fi shamarran miidhaa saal-qunnamtii waraanaan walqabatuuf saaxilamuun itti fufeera,” jedha gabaasichi; keessattuu Tigraay keessatti warra miidhaman kanaaf haqni ykn beenyaan madaalawaa ta’e akka kennamu tarkaanfiin qabatamaan hin fudhatamne.

Naannolee waraanaa alaas, miidhaan koorniyaa irratti hundaa’e hammaachuu isaa fi kunis “waraana dheeraa hordofee ol’aantummaan seeraa dadhabuu” irraa kan ka’e ta’uu ibseera.

Baqattoota fi Muddama Naannichaa

Amineestiin dabalataan abbootiin taayitaa Itiyoophiyaa mirga baqattootaa sarbaa jiru jechuun yakkeera. “Itiyoophiyaan baqattoota Eertiraa yoo xiqqaate 600 ta’an seeraan ala qabdee gara Eertiraatti deebisteetti,” jedha; namoonni deebi’an kunis hidhaa, humnaan achi buutee dhabsiifamuu fi dirqamaan waraana keessatti hirmaachisuuf saaxilamaniiru.

Bitootessa 2025 keessa, Ammunaastiin Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UNHRC) baqattoota Eertiraa dirqamaan deebisuu kanaan dura raawwatame akka balaaleffatu gaafatee ture.

Haalli kun daangaa Itiyoophiyaa fi Eertiraa gidduutti muddama uumameen caalaatti hammaachuu isaa fi kunis baqattootaa fi namoota buqqa’aniif balaa guddaa uumuu isaa gabaasichi ni addeessa. 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise

TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse