Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Published April 23, 2026, 2:55 p.m. by FNN Staff

52



ODUU FNN

Cancallii gurgurtaa daldalaa “piiraamid” jedhamu fayyadamuun miidhaa geessisan kan jedhaman adabbiin hidhaa haga waggaa 17fi kan maallaqaa irratti murtaawuun gabaafame. Mala gurgurtaa kanaan qarshii miiliyoona 40 tti tilmaamamu faayidaa dhuunfaa isaaniif oolfataniiru himata jedhuun Manni Murtii Olanaa Lidataa Ramaddiin Dhaddacha yakka adda addaa tokkoffaa namootaafi qaamota kana irratti harra murtee dabaresee jira. 

Kanaanis labsii daldalaa lakk 813/2006 fi seera yakkaa keewwata 34 cabsuun kan yakka raawwatan himatamtoonni Tiyaansi Itoophiyaa kan Itti Gaafatamni isaa Murtaaye, Dooyoongi Gaangi fi Obbo Teewoodroos Baqqalaa himanni irratti banamee jira. 

Akka himanni Abbaa Alangaa Mootummaa ibsetti Dhaabbanni Tiyaansi Itoophiyaa KIGM, eyyama eyyama nyaata anniisa namaa ta’u galchuuf qabuun bara 2004 - 2008 qorichaafi nyaatawwan anniisaa kennan karaa faddaaltotaa gurguraa ture jedhe. 

Dhaabbati kun namoota hedduu toora ijaarsa fakkaatu keessa galchuun buusii maallaqaas walitti qabaa ture jedhameera. Kana malees namootni yoo miseensa dabalataa fidan faayidaa fi badhaasa argattan jechuun daldala piiraamiidii raawwachuun himatameera. Kana malees himatamaa tokkoffaan qarshii seeraan ala argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuuniifi labsii 780/2005 baheen himatameera. 

Kanaanis dhaddachi harraa himatamaa tokkoffaa Tiyaansi Itoophiyaa KIGM adabbii qarshii miiliyoona 20 kan irratti mure yoo tahu, himatamaa lammaffaa fi sadaffaan ammoo tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 17 fi qarshii miiliyoona 10 akka adabaman murteesseera. Poolisiinis angawoota Tiyaansi kana bakka jiranii qabee akka dhiyeessu manni murtichaa ajaja dabarseera jechuun maddeen gabaasanii jiru.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise

TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse