Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Published April 23, 2026, 3:29 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Yuunaayitid Isteetis murteessummaa handaara naannoo Galaana Diimaa irratti hundaa’uun, hariiroo Eertiraa waliin qabdu haaromsuu fi qoqqobbiiwwan irra keesse laaffisuufii irratti xinxalaa jiraachuu gabaasni ‘Ze Wool Istriit Joornaal (WSJ) addeesse.
Qondaaltota ammaa fi kanneen duraanii wabeeffachuun gabaasichi akka jedhutti, yaadi kun ammallee gamaggamamaa kan jiruu, kaayyoon isaas biyya waggoota dheeraaf kophaa baafamtee turte fi sarara qarqara Galaana Diimaa maayila 700 ol to’attu kana waliin walitti dhufeenya dippilomaasii sadarkaa ol’aanaa deebisanii saaquu dha.
Tarkaanfiin kun kan dhagaa’ame, Waashingitan balaawwan sarara galaanaa irratti dhiyaachaa jiru, keessattuu kanneen Iraan fi michoota naannichaa irraa dhuufan deebii kennuuf carraaqqii gochaa jirtu waliin walqabateeti.
Dhiibbaan dippilomaasii kun darbawwan ulaa galaanaa daldalaaf murteessaa ta’an keessatti walitti bu’iinsi hammaachaa dhufuu hordofee ariifateera. Humnoonni Huutii kan Iraaniin deggeraman sarara ‘Bab al-Mandeb’—kan Galaana Diimaa fi Garba Adeen walitti qabsiisu—irratti sochiin tiraafikaa akka dhaabatu deddeebisanii doorsisaa kan jiran yoo ta’u, Teehraan gama isheetiin darba ulaa galaanaa Hormuuz irra qaxxaamuruu dhowwuuf mallattolee agarsiisaa jirti.
Qondaaltonni Ameerikaa akka amananitti, teessumni lafa Eertiraa sarara daldala galaanaa addunyaa fi sochiilee waraanaatiif murteessaa ta’an eeguu keessatti iddoo guddaa qabaachuu danda’a jedhee WSJ gabaaseera.
Carraaqqii kanaan walqabatee, ergamaan Yuunaayitid Isteetis kan Afrikaa Maasaad Buuloos, Prizidantii Eertiraa Isayyaas Afwarqii fi Ministira Alaa Osmaan Saalihi Mahaammad waliin walarguun mari’achuu isaanii fi marii kana keessatti Masriin giddu-seentummaanhaala mijeessuun ishee gabaafameera.
Ministeerri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetis hariiroo Eertiraa waliin qabu cimsuuf fedhii agarsiisus, adabbii kaasuu ilaalchisee karoora qabatamaa beeksisuu isaa gabaasichi hin mirkanneessine. Bulchiinsa Tiraamp keessatti dhimmoonni dursa kennamaniif kanneen akka dhimma Iraan fi Gaazaa, adeemsa kana akka laafisanis ibseera.
Haa ta’u malee, biyya addunyaa keessatti cunqursaa hammaataa raawwattu jedhamtee beekamtu waliin hariiroo nagaa uumuun ceephuu hordofsiiseera. Kaameeroon Haadsan, qondaalli intalajansii fi dhimma alaa Ameerikaa duraanii naannicha beekan akka jedhanitti: “Akka seeraatti adabbii kan kaasnu yoo biyyi sun waan adabbii irraa kaasuuf dandeessisu raawwattee dha. Eertiraan garuu kana hin goone. Dhugaa dubbachuuf, isheen akkuma bara 1993 sanaa biyya waraanaan bultuu fi abbaa irree dha. Adabbii irraa kaasuun yoo isaan badhaasne, nuyis maali arganna?” jedhaniiru.
Gabaasni WSJ dabalataan akka jedhutti, hariiroon Ameerikaa fi Eertiraa gidduutti uumamu Gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa bal’aa qabaachuu danda’a; keessattuu wayita muddamni Itiyoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru gara waraanaatti deebi’uu danda’a jedhu hammaachaa jiru kessatti dhimmi kun xiyyeeffannoo argateera.
Similar posts:
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise
TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse