Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Published April 29, 2026, 2:21 p.m. by FNN Staff

364



ODUU FNN

Akka gabaasa Tokkummaa Mootummootaa (UN) Wiixata baheetti, Sudaan Kibbaa keessatti walitti bu’iinsaa fi buqqaatii dabalaa dhufuun rakkoo namoomaa duraan ture caalaatti hammaachiseera; kanaan walqabatee namoonni miiliyoona 7.8 ta’an balaa beela hammaataaf saaxilamaniiru. Gabaasni kun akka jedhutti, baatiiwwan dhufan keessatti lammiilee biyyattii keessaa dhibbeentaa 56% kan ta’an hanqina nyaataa hammaataatu isaan mudata jedhameera.

Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa (FAO), Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) fi Dhaabbanni Gargaarsa Daaimmanii Tokkummaa Mootummootaa (UNICEF) hawaasni addunyaa "miidhaa ofirra deebiisuuf hammaa ta’e" jedhanii ibsan kana ittisuuf tarkaanfii ariifachiisaa akka fudhatu waamicha dhiheessaniiru.

Gabaasichi akka nuffisiisutti, lakkoofsi daaimman ji’a ja’aa hanga waggaa shaniitti jiran kanneen hanqina nyaataa hammaataa (acute malnutrition) irra jiran baatiiwwan ja’an darban keessatti 100,000’n dabaluun waliigala miiliyoona 2.2 ga’eera.

Daaimman 700,000 ta’an balaa du’aa guddaa jala akka jiran tilmamameera.

Sudaan Kibbaa keessatti walitti bu’iinsa itti fufeen kan ka’e tajaajiloonni sirna nyaataa hedduun miidhamaniiru yookan cufamaniiru. Kunis namoota hanqina nyaataaf saaxilaman dabaleera. Karaa biraatiin, hanqinni dhiyeessii fi deeggarsa maallaqaa yaala lubbuu baraaru argachuuf danqaa uumeera.

Rakkoon namoomaa biyya addunyaa irratti quxisuu taate kana keessatti uumame walitti bu’iinsa gosaa, jijjiirama qilleensaa fi dhiibbaa waraana biyya ollaa Sudaan irraa dhufeen kan ka’e hammaachaa dhufe. Rakkoon dinagdee biyyattii mudate haalicha caalaatti hammeesseera; Sudaan Kibbaa ammas biyyoota addunyaa irraa hiyyeeyyii ta’an keessaa ishee tokkodha jechuun Aljaazeeraan gabaaseera.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman