Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sochiin finxaaleyyii Faannoo itti fufuu jiraattonni himan.

Published April 3, 2026, 3:16 p.m. by FNN Staff

366



ODUU FNN


Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Abee Dongoroo fi Jaardagaa Jaartee keessa ammas humni kun bakkeewwan garaagaraatti sochiitti akka jiru dubbataniiru.

Humna finxaalessa kana tuttuqanii dhiisuun balaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Mootummaan tarkaanfii keessa deebii hin qabne humna kana irratti fudhatee nageenyi waaraan akka dhufu gaafataniiru.

Humna kana adamsuun gamatti hidhannoo meeshaa waraanaa seeraan alaa akka malee lubbuu uummataa gaaga'aa jiru qubattoota bira jiru hiikkachiisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Bakka mandarri guutuun meeshaa hidhate faatu jira kan jedhan jiraattonni, achi keessa caasaan hidhattoota finxaaleyyii Faannoo akka jiru dubbataniiru.

Yeroo Faannoon haleellaa raawwatu warri dhoksaan meeshaa waraanaa seeraan alaa hidhate itti makamee akka isaan haleelus dubbataniiru.

Darbees yeroo humni mootummaa guddaan dhufu humni finxaalessi Faannoo meeshaa isaa dhoksee qubattootatti makamee nama nagaa fakkaatee akka socho'us himaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf sakattaa cimaan taasifamuu akka qabu akkasumas hidhannoo meeshaa waraanaa seeraan alaa hiikkachiisuun dhimma murteessaa akka ta'e hubachiisan.

Hidhattoota finxaaleyyii Faannoo tuttuqanii dhiisuun balaa guddaa akka qabu hubachiisaniiru.

Tibba darbe oppireeshiniin naannawaa sanatti humna kana irratti jalqabamee guyyoota muraasa keessatti ajaja gubaadhaa dhufe jedhamee dhaabsifame.

Ergasii humni finxaalessi sun haaloo bahiinsa uummata irratti fudhateen manneen 400 ta'antu dhalattoota Oromoo jalaa gubate jedhan.

Dubartii ulfaa, deessuu ulmaa ciisaa jirtu, daa'immanii fi maanguddoota dabalataa nama hedduutu humna kanaan dhume jedhan jiraattonni.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman