Lammiileen Itoophiyaa Somaaliilaand jiraatan haala ulfaataa keessa jiraachuun ibsame.
Published April 7, 2026, 12:41 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lammiileen Itoophiyaa harka caalaan dhalattoota Oromoo ta'an hedduun Somaaliilaand keessa jiraatan maddeeniif yaada keennan akka jedhanitti, mirgi isaanii garmalee sarbamaa akka jiru himaniiru.
Reebichi hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu himanii, namoota maallaqa qaban irraa maallaqa dirqamaan fudhachuu faatu raawwatama jedhan.
Kaan ammoo doorsisaa fi dararaa garaagaraatiin rakkifamaa jiraachuu himataniiru.
Haalli kun lammiilee kanneen irratti yaaddoo guddaa uumaa jira jedhan.
Rakkoo kana haala maqsuun danda'amu irratti hojjachuuf Gareen Humna Oromoo Somaliland keessa jiru waamicha ariifachiisaa dabarsuunis ibsameera.
Dhalattoonni Oromoo Somaaliilaand jiraatan tokkummaa fi gamtaa isaanii cimsachuu akka qaban eeramee, dhalattoonni Oromoo hooggansa cimaa ijaarrachuu akka qabanis ibsameera.
Kunis rakkoo isaan mudatu bifa gurmaa'een falmachuu fi ofirraa ittisuuf dandeessisa jedhameera.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.