Magaalaa Finfinneetti uummanni tajaajilli geejibaa dhabamuu isaatiin rakkoo hamaa keessa jiraachuun ibsame.
Published April 7, 2026, 12:47 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Jiraattonni magaalattii keessa jiraataan maddeen keenyaaf yaada kennan akka jedhanitti, haalli geejjibaa rakkisaa ta'uu fi yeroo barbaannettii baanee galuu dadhabuurraan kan ka'e baasii hamaaf saaxilamuun cinaatti hojii keenyarratti dhiibbaa nurraan ga'aa jiraa jedhan.
Hanqinni boba'aa mudachuu hordofee rakkoo geejibaa mudateen taaksii argachuuf sa'aatii 1 hanga 2 faa akka hiriira galanii eeggatan himan.
Kan kanaan dura galgala sa'aatii 1tti mana gahu amma hanga sa'atii 4tti guyyaan ture faa akka jiru dubbate.
Jiraataan magaalaa Finfinnee biraan immoo haala kanaan tasa itti fufuu hin dandeenyu jedha.
Ganama obboroo sa'aatii 11:30 dabaree qabachuuf akka bahu kan dubbate jiraataan kun, galgalas taaksii argachuuf sa'aatiiwwan dheeraaf dhaabbana jedha.
Kana irratti gatiin kafalamu kan duraanii dachaadhaan akka caalu dubbate.
Rakkoon jiru kan ammaa qofa akka hin taane hima.
Yoo rakkoon boba'aa furamellee biyya kanatti gatiin waan tokkoo yeroo hanqinni turetti dabalame achumatti dhaabbatee hafa malee deebisee hin hir'atu jedhe.
Itoophiyaa keessatti waanti barame tokko jira jedha namni kun, hanqinni waan tokkoo yoo mudate battala qaamoleen tajaajila kennanii fi oomisha dhiheessan gatii akka dabalan hima.
Ergasii hanqinni mudate yoo furames daballiin gatii yeroo hanqinni mudate taasifame deebi'ee akka hin sirranne eera jiraatan kun.
Rakkoon amma uummata harkaa qabu hanqina geejibaa qofa akka hin taane ibsee, hanqina boba'aa hordofee gatiin wantoota hundaa dabaluu maddeenitti himan.
Gatiin dabalame kun ammaaf haala jiru waliin walqabachuu akka danda'u ibsee, garuu gaaf rakkoon hanqina boba'aa mudate furame bakka turetti deebi'uu akka qabu hubachiisa.
Qaamoleen mootummaa dhimmi kun ilaallatu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennanii yeroo rakkoon boba'aa amma mudate furame daballiin gatii geejibaas haa ta'uu kan shaqaxootaa irratti warra tajaajila kennuu fi daldaltoota oomisha dhiheessaniin taasifame bakka rakkoo kanaan dura tureetti deebisuu akka qaban dhaamaniiru.
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte