Oduu torban kanaa, Oromiyaa fi Aduunyaa

Published April 8, 2026, 3:56 p.m. by FNN Staff

337



ODUU FNN

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaatti namoonni nagaa hedduun Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhamanii hidhaatti dararamaa jiraachuun ibsame.

Namoonni miseensi maatii isaanii waraanicha keessa jiraachuu qofaan hidhamanillee heddu ta'uu jiraattonni maddeen keenyatti himaniiru.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, namoota nagaa waa'ee siyaasaa quba hin qabnetu hidhaatti dararamaa jiraa jedhan.

Maanguddoonni ganna 80 oliillee hedduu akka ta'an kan himan jiraattonni, ilmaan keessantu bosona jira jedhamanii akka hidhaman dubbataniiru.

Kana malees dubartiin deessuun ulmaa ciiftu abbaa manaa keetu bosona jira jedhamtee akka hidhamtee jirtu himaniiru.

Dubartiin ulfi mana hidhaatti deesses akka jirtu jiraattonni dubbataniiru.

Manni hidhaa keessatti hidhaman baay'ee dhiphaa ta'uu ibsanii, namoonni hedduun kutaa dhiphaa keessatti hidhamuun bakka ciisan dhabanii taa'aa akka bulan faa himan.

Mana hidhaa sana keessa sababa siyaasaatiin namoonni hidhamanii jiran dhibbootaan akka lakkaa'aman kan dubbatan jiraattonni, namoonni nagaan badii tokko malee waggaa 1 hanga 3 hidhamanii akka jiran ibsaniiru.

 

Hanqina boba'aatiin Oromiyaatti rakkoo geejibaa hamaan mudachuu jiraattonni himan.

Kana malees shaqaxoota irratti daballiin gatii mul'ataa jira jedhame.

Jiraattonni kutaalee Oromiyaa garaagaraatii maddeen dubbise, yeroo ammaa kana konkolaataa argatanii bakka tokko deemuuf tasa danda'amaa hin jiru jedhan.

Namoota dhukkubsatan dhaabbata fayyaatiin gahuunillee akka ulfaate eeranii, lafa fagoo uummanni gamtaan bahee baatee deemee qaqqabsiisuuf akka dirqamaa jiru dubbatan.

Yoo konkolaataan akka tasaa argame immoo kafaltiin taarifa ture dachaa sadii fi afuriin caalaa jedhu.

Haala hammaataa keessa jiraachuu kan himan jiraattonni, uummanni dhimma jabduullee yoo qabaate dhiisuuf dirqamaa akka jiru dubbataniiru.

Rakkoo geejibaan ala shaqaxoota irratti daballiin gatii olaanaan mul'ataa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Walwaraansa naannawaa galoo galaanaatti Ameerikaa fi Israa'eel gama tokko goranii Iraan waliin walwaraanaa jiraniin ulaan Hoormuuz kan boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'u ittiin darbu Iraaniin cufamuun biyyootii gaaga'ama keessa galchaa jira.

Kana malees Iraan sababa buufanni waraanaa biyyoota isaanii keessatti argamaniif biyyoota baha giddugaleessaa garaagaraa oomisha boba'aatiin beekamanis haleeluun oomisha boba'aa irraan dhiibbaa gahuutu dubbatama.

 

Lammiileen Itoophiyaa Somaaliilaand jiraatan haala ulfaataa keessa jiraachuun ibsame.

Lammiileen Itoophiyaa harka caalaan dhalattoota Oromoo ta'an hedduun Somaaliilaand keessa jiraatan kanneen maddeen dubbise, mirgi isaanii garmalee sarbamaa akka jiru himaniiru.

Reebichi hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu himanii, namoota maallaqa qaban irraa maallaqa dirqamaan fudhachuu faatu raawwatama jedhan.

Kaan ammoo doorsisaa fi dararaa garaagaraatiin rakkifamaa jiraachuu himataniiru.

Haalli kun lammiilee kanneen irratti yaaddoo guddaa uumaa jira jedhan.

Rakkoo kana haala maqsuun danda'amu irratti hojjachuuf Gareen Humna Oromoo Somaliland keessa jiru waamicha ariifachiisaa dabarsuunis ibsameera.

Dhalattoonni Oromoo Somaaliilaand jiraatan tokkummaa fi gamtaa isaanii cimsachuu akka qaban eeramee, dhalattoonni Oromoo hooggansa cimaa ijaarrachuu akka qabanis ibsameera.

Kunis rakkoo isaan mudatu bifa gurmaa'een falmachuu fi ofirraa ittisuuf dandeessisa jedhameera.

 

Jiddugaleessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti bidiruun godaantoota feetee turte garagaluun lubbuun namoota 70 olii darbe.

Bidiruun gara namoota 105 fe’attee turte Sambata darbe Liibiyaa irraa erga kaatee booda jiddu galeessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti dhidhimuunsii dhagahameera.

Dhaabbileen miti mootummaa Mediterranean Saving Humanity fi Sea-Watch jedhaman reeffi namoota lamaa kan baafamee fi yoo xiqqaate namoonni 70 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu ibsaniiru.

Jiddugaleessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti bidiruun godaantota fe’attee garagaltee lubbuun namoota 70 ol du’uu isaanii Sea-Watch fi Mediterranean Saving Humanity miidiyaa hawaasummaa isaatiin beeysiseera.

Sambata waaree booda bidiruu namoota 105 fe’attee Liibiyaa irraa kaate keessaa namoonni 32 baraaramanii jiru.

Reeffi namoota lama kan baafame yoo ta'u, kanneen hafan achi buuteen isaanii dhabameera.

Dhaabbanni miti mootummaa Mediterranean Saving Humanity jedhamu fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka barreessetti balaan kun kan muudate naannoo barbaacha fi baraarsaa aangawoota Liibiyaan gaggeeffamu keessatti akka ta'e barreessee jira.

Namoonni lubbuun hafan dooniiwwan daldalaa lamaatiin baraaramanii gara odola Xaaliyaanii Lampedusaatti geeffamaniiru.

Seera galaanaa idil-addunyaa jalatti dooniiwwan nama balaa galaana keessatti liqimfamuu danda’u kamiifuu qarqaarsa gochuun dirqama.

Viidiyoon qilleensarraan Sea-Watch maxxansee namoonni lama qaama bidiruu garagalte kanaatti maxxananii doonii daldalaa keessaa tokkotti rarra'an ni agarsiisa.

Dhaabbanni Meditiraaniyaanii Saving Humanity balaa kana “bu’aa imaammata mootummoonni Awurooppaa godaantotaaf daandii nageenna qabuu fi seera qabeessa ta’e banuu diduudhaan” jechuun ibseera.

Odola jiddu galeessaa Meditiraaniyaanii Lampedusa — kaaba Liibiyaa fi kibba lafa guddittii Xaaliyaanii — godaantota Kaaba Afrikaa irraa Awurooppaa dhaquuf yaalan bakka ijoo ta’uun beekamti.

Jalqaba bara 2026 irraa eegalee yoo xiqqaate godaantotni 683 du’uu ykn dhabamuu isaanii Dhaabbanni godaantota Mootummoota Gamtoomanii IOM ibseera.

Akka mootummaan Xaaliyaanii ibsutti, yeroo wal fakkaataa keessatti namootni 6,175 dachee Xaaliyaanii galaniiru.

 

Somaaliyaan yeroo jalqabaaf Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa keessatti teessoo argatte

Erga Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa bara 2003 hundeeffamee as, seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf #Somaaliyaan mana maree kana keessatti teessoo argachuun ibsame.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa mana maree  kana keessatti waggoota lamaaf akka tajaajilu kan filatame Gurraandhala 2018 (ALH) yoo ta'u; kunis biyyoonni Afrikaa gahee Somaaliyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa ijaaruu keessatti bahuu dandeessu irratti amantaan isaan qaban guddachaa dhufuu isaa kan argisiisudha jedhameera.

Ambaasaaddarri Somaaliyaa kan Itoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa, Abidullaahii Warfaa, teessoo waajjira mana marichaa irratti alaabaa Somaaliyaa ifaan fannisuun, biyyattiin itti gaafatamummaa haaraa kana fudhachuu ishee kan ibse jechuun himan.

Abbootiin taayitaa mootummaa gocha kana galmee seenaa fudhatama Somaaliyaan sadarkaa addunyaatti qabdu ol kaasu ta’uu ibsuun; keessumaa ardii Afrikaa keessatti nageenya buusuu, tasgabbii uumuu fi tumsa gama kanaan jiru keessatti hirmaannaa ishee kan cimsu ta’uu addeessaniiru.

 

USA fi Iraan Torbee lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigaluu isaanii hordofee, Gatiin boba’aa gadi bu’e!

Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf wayita waliif galaa jiranitti Gatiin boba'aa addunyaa haalaan gadi bu'eera.

Erga addunyaa guutuutti gaga'amni hamaan uumamee booda, Pireezidaant Doonaald Tiraampii fi mootummaan Iraan haleellaaf beellamni xummuraa qabatan sa’aatii muraasni wayita hafutti walii galuun gatii boba'aa gadi buuse.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa fi hulaan Hormuz banamuun isaa gatii boba’aa addunyaa irratti jijjiirama guddaa fi hatattamaa fideera.

Ameerikaa fi Iraan torbee lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru, kunis kanaan dura gabaa addunyaa irratti jijjiirama guddaa fideera. Gatiin nagaa, gara doolaaraatti yeroo jijjiiramu akka armaan gadiitti:

Jiddugaleessa Teeksaas Dhihaa (WTI) .

%18 gadi bu’uun doolaara 92.60 ta’eera.

Boba'aa jikitaa ykn jabaa (Brent) %6 gadi bu’uun barmeela tokkoof doolaara 103.40 ta’eera.

Kufaatiin kun waliigaltee dhukaasa dhaabuuf itti deemamaa jiru;hordofee kan dhufe yoo ta’u, guyyoota dhufan keessatti yeroo Strait of Hormuz guutummaatti doonii idil-addunyaaf banaa ta’ee fi sochiin bilisaa jalqabutti gatiin daran akka gadi bu’u ogeeyyiin diinagdee tilmaamaniiru.

Erga guyyaan xummuraa Donaald Tiraampi bu'uuraa misoomaa Iraanirratti  Tarkaanfii fudhachuuf yeroon kennan xummuramuu kayee jiddu seentummaa (Maanguddummaa) Paakistaaniin Torban lamaaf yeroon waliigalteen irra gahamu kennamee sa’aatii muraasa keessatti, gatiin boba’aa addunyaa kanaan dura olka’ee ture dhibbeentaa 14% hanga 16% gadi bu’uun doolaara 100 gadi bu’eera.

Waliigalteen kun yeroof sodaa waraana guddaa kan qabbaneesse yoo ta’u, addunyaan xiyyeeffannoo guddaan marii Jimaata Islaamaabaad keessatti eegalamu eeggataa jirti.

 


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte