Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.
Published May 17, 2026, 3:39 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi marii dippilomaasii sadarkaa olaanaa pireezidaantii Chaayinaa Xi Jiinping waliin Beejiingitti taasisaa turanitti, humnoonni nageenyaa Ameerikaa nageenna naannoo jila kanaa cimsanii akka turan himamaa jira.
Jilli kun meeshaalee Chaayinaarraa argate kamiyyuu osoo Xiyyaara pireezidaantii(Air force one) hin yaabbatin dura akka gatan (achumatti dhiisan) ajajni kennameefii jira jedhameera.
Akka gabaasaaleen mul’isutti, ergamtoonni Tajaajila Iccitii Yunaayitid Isteets naannoo ba’iinsa xiyyaarichaatti saanduqa kosii keessa kan kaa’an yoo ta’u, ergaan ifa ta’e “meeshaaleen Chaayinaa irraa maddan kamiyyuu xiyyaaricha keessa akka hin galchine cimsee dhorgaadha.”
Ibsa maddeen nageennaa kennaniin, gabaasa hin mirkanoofne miidiyaa hawaasaa irratti naanna’aa jiru kan faallessuun, Pireezidaanti Tiraamp bilbila dhuunfaa isaanii akka hin baasne himaniiru.
Inumaayyuu bilbiloonni kunneen bilbiloota gubaa, kan addatti imala Chaayinaa irratti akka itti fayyadamaniif kan murtaa'an, kan qondaaltonni nageennaa walitti qabanii balleessan ta'uun murtaa'eera.
Akkaataa pirootokoolii nageennaa cimaa Ameerikaatiin miseensonni jila kanaa fi gaazexeessitoonni waliin deeman kanaan dura meeshaalee elektirooniksii dhuunfaa isaanii gara Chaayinaa akka hin fidne dhoorgamaniiru.
Tarkaanfiin kun balaa nageenna saayibarii hir'isuuf kan fudhatame yoo ta'u, kanaa mannaa meeshaalee yeroof basaasaa kamirraayyuu bilisa ta'an isaaniif kennameera.
Kana malees, waraqaa eennummaa, baajii yaadannoo, boorsaa kennaa fi meeshaaleen biroo keessummeessitoonni Chaayinaa isaanii jila kanaaf kennan hundi gatamanii jiru.
Kunis meeshaaleen kunneen meeshaalee hordoffii dhokataa, kaameraa basaasaa ykn maaykiroochiipsii ulfaataa of keessaa qabaachuu danda'u jedhamee yaaddoo jedhu irraa kan ka'e ture.
Taatee hin baratamne kun, xiinxaltoonni siyaasaa akka jedhanitti, sadarkaa amantaa dhabuu gadi fagoo Waashingitan fi Beejiing jidduu jiru, hariiroo dippilomaasii dhiyoo qabaatanillee, fi of eeggannoo cimaa farra basaasaa dhaabbati nageennaa Ameerikaa hordofu kan mul’isuudha.
Similar posts:
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.