Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman
Published June 12, 2026, 11:36 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Haleellaa diroonii magaalaa Sudaan tarsiimawaa kan taate El-Obeid tti raawwatameen namoonni 23 ajjeefamuu isaanii Dhabbanni mirga namoomaafi jiraattonni kamisa kalleessa himan.Haleellaan kunis erga waraanni Sudaan jalqabee keessaa haleellaa qilleensaa isaa hamaa jedhaman keessaa isaa tokko ta’uun himameera.
Haleellaan diroonii Sudaan keessatti yeroo ammaa tooftaa waraana isa guddaa ta'aa jira. Walitti bu'iinsi kun Ebla 2023 irraa jalqabe waraana mootummaafi humnoota Finciltoota giddutti itti fufera.
Jiraataan naannoo Al-Matar magaalaa akka jedhetti, "Haalli sun baay'ee nama gaddisiisa. manneenii namoota irratti kufanii namoota keessa turan awwaalaman." jechuun balaa sana ibse. Namni maqaan isaa akka hin ibsamne AFP gaafate kuni "Manneenii namoota keessa jiran irratti jige," jedhera.
Jiraataan biraa naannoo Al-Qubba jedhamu keessa jiraatu immoo obboleessi isaa haleellaa kanaan jala ajjeefamuufi reeffii torba ol hospitaala naannoo sanaatti geeffaman arguu isaa dubbate.Maddi ogeessa fayyaa tokko akka AFPtti himetti, daa'imman lamaafi dubartiin haadha daa’iman sani ta’u hin ooltu jedhamuun shakkamtu namoota ajjeeffaman keessatti argamti.
Akka gabaasa Garee Abukaatota Yeroo Ariifachiisaa irra bahe mullisutti haleellaa jalqabaatiin namoonni siivilii shan du'uun 12 miidhamaniiru. Haleellaa itti aanee raawwatameen namoota awwaalcha irratti walitti qabaman irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, namoota afur ajjeesee torba ammoo madeessera.
Garee Abukaatota Yeroo Ariifachiisaa ykn (Emergency Lawyers Group) kan yakkoowwan waraanaa galmeessaa ture, akka ibsetti haleellaan kun Roobii galgalaa jalqabee hanga Kamisaatti kan itti fufe yoo ta’u. Haleellaan kun naannolee jireenyaa, bakka sirni awwaalchaa gaggeeffamaa tur fi konkolaataa nyaata fe'ee deemaa ture irratti kan xiyyeeffatudha jedhani.
Akkasumas namoonni biroon yoo xiqqaate 19 madaa'aniiru. Gareen kun haleellaa Garee Finciltoota Raappid Saappoorti Foorsis jedhamu himateera. Ta'us odeeffannoon kun gama mootummaa irraa mirkanaa'uu hin dandeenye, RSF immoo yeroo sana yaada hin kennine.
El-Obeid, magaalaa guddoo Kordofaan Kaabaa taate, ji'ootaaf walakkaatti humnoota Finciltoota marfamtee jirtu yoo ta'u, daandii tarsiimoo naannoolee RSF'n qabaman kan Daarfur keessaafi naannoolee waraana mootummaa jala jiran gama bahaatiin walitti hidhu irratti argamti.
Akka gabaasa Abukaatota Ariifachiisaatti (Emergency Lawyers), haleellaa jalqabaatiin namoonni nagaa shan du'anii 12 miidhamaniiru. Haleellaa itti aanee raawwatameen namonni gaddaafi awwaalchaafi walitti qabaman irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, namoota afur ajjeesee torba ammoo madeesseera.
Haleellaawwan dabalataa manneen jireenyaa naannoo Al-Muwazafin fi Al-Matar kan fiixee baha magaalattiitti argaman, akkasumas naannoo waajjira muummee Qajeelcha Raayyaa Ittisaa 5ffaa (Fifth Infantry Division) wiirtuu magaalattiitti argamu irratti raawwatameera. Kanaanis Namoonni siivilii 13 manneen manca'an duratti walitti qabaman ajjeefamaniiru, jedha gareen
sun.
Akkasumas, Kamisa ganama ganama dirooniin konkolaataa nyaata fe'ee gara kibba El-Obeid seenaa ture rukutuun konkolaachisaa isaa ajjeesee fe'umsa isaa guutuu barbadeessuun gabaafameera.
Similar posts:
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa tarkaanfii godaantota seeraan alaa irratti fudhatamu himan.
Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.
Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate
Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.