Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Published June 18, 2026, 12:23 p.m. by FNN Staff

27



ODUU FNN

Dubbiin kan jallachuu jalqabe bubbuluu himan. Bulchiinsi aanaa Asakoo dhalattoota saba Amaaraa keessaa namoota fo'ee leenjiin loltummaa akka kennamuuf taasisuun milishoota jedhee hidhachiisee jedhan namni kun.

Milishoota dhalattoota Amaaraa ta'an qubattoota keessaa bulchiinsi aanaa leenjisee kan hidhachiiseef waltaanee WBO waraanna jechuun akka ta'e ibsan.

Milishoonni dhalattoota saba Amaaraa bulchiinsi aanaa leenjisee hidhachiise kun qabata WBO jedhuun uummata Oromoo hiraarsuutti akka gadi taa'an namni kun dubbatan.

Haleellaan sun raawwatamuun dura guyyaa 15 dursee godina Arsii aanaa Asakoo keessatti milishoonni dhalattoota saba Amaara ta'an kan Irreecha (Ganda Caffaa Quyyoo) keessa jiraatan hooggansi aanaa ittiin of eegaa jedhee hidhachise, gandoota Dirree Odaa, Biyyoo fi Caffee  jedhaman keessa sababa WBO sakattaana jedhuun seenanii manneen hawaasa jumlaan gubanii barbadeessanii, qabeenyas saamanii deebi'an jedhan namni maddeen keenya bakka sanaa dubbise kun. Kun kan ta'e ajajuma bulchiinsa aanaatiin akka ta'e dubbatan.

Achumaan borumtaa isaa immoo daldaltoota horii kan aanaa Shanan Kooluu irraa loon bituuf gara Irreechaa dhufan nama Afur ganda Ribuu jedhamu keessatti milishoonni Amaaraa kun ajjeesanii jedhan.

Gaafa 23/9/2018 Waraanni Bilisummmaa Oromoo magaalaa Caffaa seenuu kan dubbatan namni taatee achitti ta'e argan kun, milishoonni dhalattoota saba Amaaraa mootummaan hidhachiisee baadiyyaa jiran WBO waraanuuf gara magaalaa Caffaa kan naannawaa kiilomeetira 20 fagaattutti imaluu isaanii ibsan.

Milishoonni dhalattoota saba Amaaraa Irreecha irraa ka'uun ganda Biyyoo keessaan gara magaalaa Caffaatti yeroo socho'an ammas manneen qonnaan bulaa, mana jireenya barsiisotaa, Baabura midhaan daaku gubanii, qabeenya guddaatu manca'e jedhan.

Guyyaa sana magaalaa keessatti walwaraansi akka ture dubbatan.

Ergasii guyyaa itti aanu milishoota Amaaraa qabeenya uummataa barbadeessan kana deebisuuf hidhattoonni haleellaa jalqabuu himan.

Walwaraansa kana gidduutti manneen uummataa gubachuu kan himan namni kun, manni gubate garuu foyamee otoo hin taane kanuma nama hundaati jedhan.

Walwaraansa aanaa Asakoo tureen namoonni siiviilii 4, milishoonni Amaaraa 5, humni farra riphee lolaa Oromiyaa 2 lubbuun darbuu himan jiraataa  biraa irraa dhageenye.

Jiraataan biraa yaada nuuf kennan walitti bu'iinsa kana gidduutti bataskaanni hubame tokko ta'uu ibsan.

“Naannawaa sama bataskaana lamatu jira. Bataskaanni Gabri'eelii ganda Biyyoo jedhamu, Bataskaanni Madihaani'alamii immoo ganda Dhiibuu jedhamu jira” jedhan.

Naannawaa Bataskaana Gabri'eeliitti manneen uummataa gubachuu kan eeran namni ijaan argan kun, bataskaannis haleelamuu dubbatan.

Sababni bataskaanichi itti haleellaaf saaxilame milishoonni achi baqatanii dahachuu isaaniitiin akka ta'e himan.

Naannoo Bataskaana Madihaani'alamiitti immoo manneen muraasni gubachuu ibsanii, Bataskaanichi garuu akka hin tuqamne ibsaniiru.

Badii kana hunda kan dhale hooggansi aanaa milishoota dhalattoota saba Amaaraa leenjisee hidhachiisee bobbaasuu isaati jedhan namoonni yaada kennan.

Haleellaan milishoota saba Amaaraa otoo hin jiru ta'e rakkoon hawaasa mudatu hin turree jedhan.

Maaliif jennaan aanichatti barootaaf hordoftoonni amantiiwwan garaagaraa, dhalattoonni saboota garaagaraa walkabajanii jiraataa turuu himu.


Similar posts:

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman

Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa tarkaanfii godaantota seeraan alaa irratti fudhatamu himan.

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.