MARII BIYYAALLESSAA FI GAAFFII UUMMATA OROMOO.

Published Aug. 23, 2026, 5:58 p.m. by FNN Staff

91



FNN XIINXALA MARII BIYYAALESSAA.

Xiinxala Siyaasaa Qabxiilee Murteessoo Sadii Irratti Hundaa’e.

Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo ammaa adeemsifame ilaalchisee yaadni gara garaa ka’aa jira.

1ffaa. Mootummaan adeemsa kana milkaa’ina guddaa fi tarkaanfii gara waliigaltee biyyaalessaatti geessu akka ta’e ibsaa kan jiru yoo ta’u,

2ffaa.Qaamoleen siyaasaa fi hawaasni garuu hirmaannaa, haqa qabeessummaa fi bu’aa mariichaa irratti gaaffii kaasaa jiru.

Keessumaa ilaalcha uummata Oromoo fi Qaamoole siyaasaa Oromoo irraa yoo ilaallu, gaaffileen sadii xiyyeeffannoo guddaa qabu:

1. Qaamoleen siyaasaa hedduun marii kanarraa hafuu.

2. Mariin kun mootummaa irraa kallattii tokkoon qajeelfamaa jiraachuu isaa irratti komiin ka’uu.

3. Murtiin dhimma Finfinnee irratti kenname, gaaffii abbaa biyyummaa uummata Oromoo guutuu hin deebisne jedhamee komiin ka'aa jiraachuufaadha.

1. QAAMOLEEN SIYAASAA HEDDUUN HIRMAACHUU DHABUUN MAAL AGARSIISA?

Marii Biyyaalessaa tokko keessatti wanti murteessaan baay’ina namoota hirmaatan qofa miti. Eenyyutu hirmaate? Eenyyutu hafee? Sagaleen eenyuu bakka bu’ame? jechuun gaaffiiwwan bu’uuraa keessaa isaan ijoodha.

Yoo qaamoleen siyaasaa bakka bu’ummaa guddaa qaban, keessumaa warri mootummaa waliin ilaalcha adda addaa qaban, marii keessaa hafan, bu’aan mariichaa “waliigaltee biyyaalessaa” jedhamee waamamuun isaa gaaffii keessa seenuu danda’a. Ammas kanumatu ta'e jechuudha.

Sababni isaa, waliigalteen dhugaa garaagarummaa dhabuu miti. Garaagarummaa qabaatanii, garaagarummaa sana karaa marii fi waliigaltee siyaasaa furuudha. Keessumattuu haala biyya kana keessatti deemaa jiruun Mootummaan PP osoo nagaa fi Marii dhugaa barbaadee qaamota kanneen hirmaachisee nageenyaa fi Diinagdee biyya tanaa tasgabbeessuu qaba ture.

Kanaaf, qaamni tokko marii keessatti hirmaachuu dhabuun isaa qofti mariin sun sirrii miti jechuu hin danda’u. Garuu qaamolee ijoo fi sagalee mormii bakka bu’an hedduun yoo ala hafan, bu’aa mariichaa irratti amanamummaa uummataa hir’isu danda’a. ammas kan ta'e kanuma jechuudha.

Keessumaa Itoophiyaa keessatti rakkoon siyaasaa kan uumame sababa garaagarummaa yaadaa qofa miti. Rakkoon sun seenaa, eenyummaa, qoodinsa aangoo, mirga uummattootaa, sirna federaalaa fi walitti bu’iinsa hidhannoo waliin walqabata. Kanaaf furmaata kan fiduu qabu Mootummaa biyya bulchaa jiru ture.

Yaada uummata Oromoo irraa ka'u.

Uummanni Oromoo Gaaffiin Isaanii maali?

“Oromoon barootaaf rakkoo siyaasaa keessa jira, garuu qaamoleen siyaasaa rakkoo sana bakka bu’an marii keessatti hin argamne, waliigalteen sun eenyu waliin taasifame kan jedhu yaa ilaallu.

2. MARIIN KUN MOOTUMMAADHAAN AKKA BARBAADAMUTTI QINDEEFFAME JEDHAMEE KOMIIN KA’AA TUREE. DHUGAAN JIRUS KANUMA.

Qabxiin lammaffaan dhimma amanamummaa adeemsa mariichaa ti.

Marii Biyyaalessaa dhugaa keessatti mootummaa fi qaamoleen siyaasaa biroo walqixa ta’anii waltajjii irratti argamuu qabu. Mootummaan tokko qofa adeemsa mariichaa irratti dhiibbaa guddaa qaba yoo ta’e, gaaffiin kun marii biyyaalessaa moo marii mootummaa? jedhu uumamuu danda’a.

Uummata Oromoo keessaa warri komii qaban, Mootummaan qajeelchaa fi hirmaataa ta’ee, akkasumas bu’aa mariichaa irraa faayidaa siyaasaa argachuu danda’u yoo ta’e, walaba ta’uun marichaa akkamitti mirkanaa’a? jedhanii gaafachuu danda’u. Kanaaf ammoo namoota ykn hirmaattota mootummaadhaan filamanii ykn deeggartoota dhaaba tokkoo hirmaachisuun rakkoo mataa isaa qabaa jechuudha.

Gaaffiin kun dhimma conflict of interest jedhamu waliin walqabata.

Kanaaf, adeemsi marii silaa ta'u qabu ture:

- iftoomina qabaachuu,

- sagalee mormii dhaggeeffachuu,

- bu’aa mariichaa mootummaa qofa osoo hin taane qaamolee hundaaf fudhatama qabaachuu,

- akkasumas qaama walabaatiin hordofamuu qaba ture.

Rakkoo guddaan maali?

-Rakkoo guddaan, uummanni marii sana akka adeemsa walabaatti amanuu danda’uu fi dhiisuu dha.

-Qaamni abbaa dhimmaa ykn kan rakkoo Uummataa dubbachuu fi fala kennuu danda'an hirmaachuu dhiisuu.

-Marii kana Mootummaan akka siif ta'utti kallattii kennuu fi qindeessuu.

-Marii biyyaalessaa keessatti amanamummaan dhabamuu fii kkf.

3. OROMOON DHIMMA FINFINNEE MAAL GAAFATE? MAALIMMOO BARBAADA?

Finfinneen magaalaa mootummaa federaalaa ta’uu ykn caasaa bulchiinsa addaa qabaachuu isaa qofa irratti mari’achuun dhimma bulchiinsaa fakkaachuu danda’a. Garuu gaaffiin uummata Oromoo, dhimma Finfinnee seenaa, lafa, eenyummaa, abbaa biyyummaa fi mirga siyaasaati.

Kanaaf, murtiin Finfinnee ilaalchisee kennamu, uummata Oromoo biratti magaalaan kun eenyu waliin hariiroo seenaa fi siyaasaa qabdi? jedhu irraa adda baafamee ilaalamuu hin qabu.

Uummanni Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa gaafachaa kan turan, Finfinneen Oromiyaa keessatti argamti; kanaaf dhimma Finfinnee murteessuuf aangoo kan qabu Uummata Oromoo qofa jechuudha. Kan ta'aa ture garuu falmii Oromoon Finfinneerraa homaa hin qabu kan jedhuu fi Finfinneen kan Uummata biyya kanaa hundaati yaanni jedhu kaafamaa turee jira.

Kana irraa ka’uun, yoo murtiin dhumaa Finfinneen mootummaa federaalaatiin buluu ykn teessoo mootummaa federaalaa ta’uu irratti xiyyeeffatee fi faayidaa addaa ykn faayidaa waloo jedhamee murteeffame, mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo eessa jira kan jedhu yaa ilaallu.

Akkuma olitti kaafne Oromoon barootaaf Gaaffiin Finfinneerraa qabu gaaffii abbaa biyyummaati. Akkuma beekkamu lafti fi qabeenyi Finfinnee kan Oromooti. Kana seenaanis ragaadha. Egaa kun osoo kana ta'ee jiruu marii biyyaalessaatti yaadonni Oromoon Finfinneerraa homaa hin qaban jedhu akkan ka'aa turee jira. 

Marii biyyaalessaa jedhamee mootummaadhaan qajeelfamee fi murtiin dhimma kanaan wal-qabatu darbes gaaffii uummanni gaafachaa ture cinaatti dhiisanii akka waan warrii PP Oromiyaa gaaffii kana deebiseetti injifannoo gonfanne jedhanii lafa dhiitanii uummata burjaajessaa jiru. Inumaayyuu gaaffii abbaa biyyuumaa cinaatti dhiisanii faayidaa waloo jechuun murtii dabarsuun isaanii seenaa dabaa akka ta'etti ilaalama.

4. MURTIIN MARIICHAA UUMMATA OROMOO MAALIIF HIN QUUBSINE?

Sababoota hedduu qabaachuu danda’a.

Tokkoffaa, gaaffiin Finfinnee uummata Oromoo biratti dhimma yeroo ammaa qofa miti; seenaa dheeraa fi eenyummaa waliin walqabata.

Lammaffaa, yoo uummanni tokko abbaa biyyummaa isaa irratti gaaffii qabaate, murtiin bulchiinsaa qofa kennamuun gaaffii isaa guutuu hin deebisu.

Sadaffaa, murtiin tokko yoo qaamolee hunda biratti fudhatama argachuu baate, qaamoleen murtii sana irratti ilaalcha adda addaa qaban dhaggeeffatamuu qabu.

Kana jechuun, namni murtii sana mormu marii hin barbaadu jechuu miti. Inni marii keessatti gaaffiin koo guutummaatti hin deebine jechuu danda’a.

5. GAAFFII GUDDAAN: MARIIN JEDHAME KUN EENYUUF? ISA JEDHUUDHA.

Kana hundumaa walitti qabnee yoo ilaalle, gaaffiin siyaasaa guddaan:

Yoo mariin: mootummaa qofaaf ta’e,

- paartilee muraasaaf ta’e,

- sagalee mormii hambise,

- gaaffii uummataa gara murtii mootummaa qofaatti geesse, waliigaltee haqaa uumuun isaa rakkisa.

Garuu yoo mariin:

- mootummaa, paartilee mormitootaa, uummata, naannolee, hawaasa sivilii, hayyoota, dargaggoota, dubartoota, fi qaamoleen rakkoo siyaasaa keessatti hirmaatan walqixa dhaggeeffate, bu’aa isaa irratti amantaan uumamuu danda’a.

Marii darberraa gaafa ilaallu garuu Mootummaan isaan kana raawwachuu dhiisee akka ofii barbaadetti gaggeessaa fi murtii mataa isaa kan Uummata bal'aa bakka hin buune Murteesse waan ta'eef mariin Kun anaaf hin qophoofne jedhee itti quufuu waan dadhabeef mormaa jira jechuun ni danda'ama.

XUMURA: WALIIGALTEEN DHUGAA MAALIRRAA DHUFA?

Marii Biyyaalessaa jechuun namoonni bakka tokkootti walitti dhufanii yaada isaanii ibsuu qofa miti.

Marii Biyyaalessaa dhugaa jechuun, sagalee nama si mormus dhaggeeffachuu, gaaffii nama si faallaa jiruuf deebii kennuu fi murtii irratti waliigaltee uumuu dha.

Kanaaf, uummata Oromoo keessaa sagaleewwan murtii Finfinnee irratti hin quufne jiran jechuun, marii biyyaalessaa guutummaatti diduu jechuu miti.

Faallaa kanaatiin, gaaffiin isaanii:

“Gaaffii keenya sirriitti nu dhaggeeffadhaa; mirga keenya kabajaa; Finfinnee irratti murtii nu ilaallatu keessatti sagalee keenya bakka buusaa; furmaata qaama tokko qofaaf osoo hin taane qaamolee hundaaf fudhatama qabu barbaadaa kan jedhuudha.

Kana irraa ka’uun, Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti milkaa’inni dhugaa lakkoofsa hirmaattotaa ykn xumura konfaraansii qofaan osoo hin taane, gaaffilee bu’uuraa uummattootaa—keessumaa gaaffii abbaa biyyummaa, mirga siyaasaa, qoodinsa aangoo fi bulchiinsa—akkamitti gara furmaata haqaa fi itti fufiinsa qabuutti jijjiiramanii nageenya waaraa fiduun danda'ama kan jedhu irratti xiyyeeffatamuu qaba ture. 

GALATOOMAA!


Similar posts:

GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.

Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira

Beeksisa Fnn