Oduu Injifannoo WBO Mudde 24 2021

Published Dec. 24, 2021, 11:16 p.m. by FNN

4528



Oduu Injifannoo Cibraa Soddom Booroo 

Mudde 20-21/2021

 

Abdiif Gaachanni Sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Cibraan Soddom Booroo lukkeele fi Uuradhoote Godina Boorana bakkoota gargaraa irraa walitti funaanamte labuu galaana irraan Cibraa Soddom Boorootti duuluuf karaa Malkaa Halluu dhufte  irratti galaana taakku dhowwuun aduu guyyaa sa'aati saddet irratti galaanuma gamatti osoo isheen bishaan dhugaa jirtuu tarkaanfi haleellaa cimaa fudhateen iddoo addaa Malkaa Halluu jedhamutti  diina irra nama 2 ijjeese 3 madeessuun galaana dhuguu dhowwee dheebichaan gaggeesseera. Madoon isaaniis Areerotti yaalama kan jirtu ta'uu maddeen keenya ifoomsaniiru. Haaluma kanaan Malkuma Halluutti Mudde 21 ganama keesaa sa'aatii 01:30 hanga sa'aati 02:30 irratti tarkaanfi cimaa fudhateen diina irraa nama 8 ajjeesuun 5 madeesse Injifannoo Boonsaa Galmeesse saba Oromoo gammachiiseera. Lolli hanga galma bilisummaatti kan itti fufu ta'a!

 

ODUU  INJIFANNOO WBO Zoonii Kibbaa

21/12/2021

Irree fi gaachanni ummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Cibiraan Gumaa Baasi Tuulaa Surroo koonyaa Gujii Lixaa keessa socho'u Aanaa Galaanaa Ganda Dhamee jedhamutti  humna waraanaa faashistii Abiy Ahmad ummata Oromoo dararaa deemu irrattii tarkaanffi laalessaa fudhateen nama 22 ol yoo ajjesuu, nama 13 kan ta'u immoo madoon adabeera. Lola sa'a lama ol gaggeffameen humni waloo birmannaa PPf jecha daangaa Oromiyaa seenee WBO loluuf naannoo bulchinsa ummata kibbaa irraa dhufee humni addaa saba Geedi’oo namni kudhani ol du'eera. Ajajaan dhibbaa humna addaa Oromiyaa aanaa Galaanaas du'eera.

DUULAA IMALA GARAA FINFINNEE 

Gootichii Wraana Bilisummaa Oromoo (WBO) n Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Bahaa cibraan Laga Dambii guyyaa kalleesa godina Gujii Bahaa Aanaa Sabbaa Boruu ganda Haaroo Garrii iddoo addaa Dakkara jedhamuti tarkaanfii fudhateen loltoota sirnaa nafxanyaa 15 madoon 7 du'aan adabee jira.

Gama meshaatin kilaash AKM 2 fi hidhannoo 3 diinaa irraa hiikun galii qabsoo bilisummaa Oromootifi olchee jira. 

ODUU INJIFANNOO WBO Zoonii Kibbaa KONYAA Gujii Lixaa

 Mudde 19/2021

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) n Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa cibraan Madda Albuudaa buttaan Baddaa Magaadaatiif Malkaa Sooddaa waliin ta’uun lola lukkeelee diinaa irratti baneen Aanaa Qarcaa ganda Gurraachuu seenuudhaan baradaa itti buuseen tiksitootaa fi leellistoota impaayeera xoophiyaa tortoraa kanaa tiksituu 31 battalatti yommuu ajjeesuu 22 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee Akm 6 fi nyoroorroo bireenaa rasaasa 1500 waliin booji’uun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Ittuma fufuun Mudde 21/2021 Ona Glaanaa Ganda Dhamee iddoo addaa Dannii Tooree jedhamtutti gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBO n Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa cibraan Gumaa Baasaa Tuulaa Surroo dursee haxxee hidhuudhaan lukeelee diinaa kan maqas sakattaa WBO tiif olii gadi fiigdu abidda itti qabsiiseen lukeelee diinaa 32 battalatti yommuu ajjeesu 68 immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee Akm 7 irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira. Lolli hanga bilisummaatti itti fufaa injifannoon hidhannoo qofaan dhufa.

Gabaasa qindaayeef Jaal Bulee Boruu Gujii Lixaa irraati. 

WBOn giddu galeessa Oromiyaa Kaaba Lixa Shaggar Ona Dagam gandoota lama keessatti guyyaa kaleessaa Mudde 23, 2021 humna diinaa sakaattaaf bobbaate haleeluun ofirraa deebisee jira.

Kaaba Shaggar Ona Dagam ganda Yaayyaa Harootti lola ganama sa'a 3 irraa eegaluun hanga sa'aa 10tti adeemsifameen WBOn humna diinaa iddoo addaa Qarree jedhamuutti haleellaa taasiseen 52 du'aan yoo adabu humna diinaa hammaan baayyee ta'aan madoon adabee jira. 

Bifuma walfakkaatuun onuma Dagam ganda Qundee Agamsa iddoo addaa Laanqisaa jedhamuutti tarkaanfii diinarratti fudhateen paatrool lama waraana diinaa guutuu baayyinni ishii 28 waliin yoo barbadooftu Isuzu tokkos haleelamtee jirti. Lola kana irraatti walii galaatti 61 du'aan yoo adabamtuu danuun madoo dandammii hin qabneen gaggeeffamee jirtii. 

Lolaa guyyaa kalee gandoota kana lamaan irraatti taheen madoon hospitaala Fiichee ciisaa jiru nama 163 dha. 

 

Imaalli gara Finfinnee hanga qe'ee keenya diinan ciniinamtee irraatti salphaanne irraatti alaabaa keenya dhaabnuutti kan itti fufuu tahuu WBOn gad jabeessee hubaachiisa. 

DUULAA IMALA GARA FINFINNEE

ODUU INJIFANNOO WBON Zoonii Kibbaa KOONYAA GUJII BAHAA

Irreef gaachani ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Bahaa cibraan 

Odaa Adoolaa jajjabduun akka sibiilaa  qaqqalloon akka sonsaa iddiitun akka kanniisa Mudde 22/2021 ganama hardhaa sa'aatii 1:00 irraa kaase hanga sa'aati 6:30tii  godina Gujii Bahaa Aanaa Adoolaa Reede ganda Abbulloo Rukessa iddoo addaa Faachoo keessati tarkaanfii fudhateen loltoota sirna haabashaa wal duraa dubaan humnaa reebuu kallaatti sadiin dhuftee goottummaan duraa dhaabate rukkuutee deebise jira.

Dabalataanis qaamota caasaa moottummaa humna addaa irraa kaase bulchinsaaf nageenya aniichaa akkasumaas poolisi, milishaa kaase hanga kaabinetti kan Waraanaa  Bilisummaa Oromooti dultee heeddu ishee du'aaf madoon adabee jira.

Oduu Injifannoo

Gootichi WBO Zooni Bahaa godina Harargee Lixaa ona Mi’eessoo araddaa Dammaa bakka addaa Xiixxuu ykn goda Asaabot jedhamutti humna weerartuu PP kan sakkatahaf konkolaata 9 baate irratti tarkanfii fudhateen 25 battalumatti du’aan yoo adabu 37 mado dandammii hin qabneen adabee jira; 4 immoo fayyatti harkaan qabuun ajajaa dhibbaa kan federalaa fi ajaja kudhanii harkaan qabuu beeksiseera. Gama meeshaatin immoo AKM 15 hidhannoo waliin galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo taasiseera.

Oduu Injifannoo Cibraa Soddom Booroo Mudde 19/2021

Abdiif Gaachanni Sabaa Waraanni Cibraa Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Booranaa irratti tarkaanfi haleellaa cimaa fudhateen iddoo addaa keella Dooloo jedhamutti diina irra nama 5 ajjeesuun 7(torbaa) oli madoon adabeeraa. Akkasuma galgala sa'aati 11:30 irraa hanga halkan sa'aati lamaatti kaambi diina Aanaa Liiban Ganda Daarusalaam irratti tarkaanfi cimaa fudhateen diina irraa nama 15 ajjeesuun 23 madeessee meesha AKM 4 fi Motoora haarawa lama fi qarshii kuma 30 irraa hiikuun kaambi diina guutumaan guutuutti too'anna ofii jala oolchuun injifannoo boonsaa galmeessee saba Oromoo gammachiiseeraa! Akkasuma nama tokkos qawwee fi hidhannoo guutuu wajiin waamicha harka kennadhaatiin booji'eeraa! Lolli hanga galma bilisummaatti kan itti fufu ta'a!

Injifannoon Uummata Oromoof!

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame