Oduu Injifannoo WBO Baha Oromiyaa

Published Dec. 27, 2021, 7:24 a.m. by FNN

645



Bobbaa WBO balleessuuf maqaa Duula Minilik jedhun mootummaan pp Oromiyaa irratti bante guyyoota 15 ol lakkoofisisee jira.  Irree fi gaachani ummata Oromoo WBOn Baha Oromiyaa konyaa Harargee Lixaa tarkaanfii laaleessaa gaafa Muddee 23, 2021 fudhateen gabroofataa PP  daaraa botoroo taasiisee jira.  Kanaan kan baragde,  PPn Mudde 25, 2021 WBOn Ciroo qabachuuf, yoo Ciroon qabamte nuu dhumate, jechuun humna guddaa fi meeshaa gurguddaa moortara, dishqaa, BKM fi B7 guurrattee itti bobbaate. Dullaa kana ofirraa ittisuun WBOn Baha Oromiyaa konyaa Hararee Lixaatti guyyaa marroo lammaafaaf injifannoo cululuqaan goolabe.

 

Anaa Mi'eessoo ardaa Dibaalaa irraa guyyaa harraa Mudde 26, 2021 lola sa'aatii 9:00Am eegalee, ardaa  Kuukkoo hanga ardaa Dhakaa Daakuutti hanga sa'aa 1:00 pm lola taasiiseen loltuu gabroofataa pp 70 ol ajjeese. Sa'aa 1:00pm booda loli aanaa Gubbaa Qorichaa magaala Kooraa itti fufee loltuu gabroofataa pp 38 ajjeesee hedduu madeessuun, aanuma Gubbaa Qorichaa ardaa laga Ardaatti hanga saa'a 7:00pm lola taasiiseen loltuu gabroofataa pp 51 ajjeesuun hedduu hojiin ala taasiseera.  Walumaagalatti lola guyyaa kana taasiifameen loltuu PP 159 ajjeeseera. Akkasumas madoon muummee hin qabne  irra gahe PPn konkolaataa Ampulaanisii 21 fi patrol 5 ol fe'attee hospital magaslaa Ciroo dhukkubsataa keessaa baasuun guyyaa guutuu itti guuraa oolte. Gama meeshatiin meeshaalee addaa addaa fi mi'oota waraanaa hedduu irraa booji'uun  injifannoo boonsaa irraa deebi'uun WBO Baha Oromiyaa galmeesseen duula Miniliki fashalsuu isaa beeksisee jira. 

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame