Tarkaanfii WBO Kaaba Lixa Shaggarii fi WBO Zoonii Kibbaa

Published Dec. 31, 2021, 10:43 p.m. by FNN

6517



Irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kaaba Lixa Shaggar giddu galeessa Oromiyaa aanaa Meettaa Walqixxeetti tarkaanfii laalessaa waraana PP irraatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessuun magaalaa Minaaree guututti to'aannoo isaa jala galfateera. Kanumaan wal qabatee meeshaalee waraanaa fi hidhannoo diinaa danuu diina madoo fi du'aan adabuun irraa hiikee galii qabsoof oolcheera. Suuraa fi odeessa dabalataa sababa hanqina networkn waan nun dhaqqabneef akkuuma nugaheen isiiniin geenya.


Odeessa kan biraatiin waamicha Obbolummaa dhaga'uun kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalaman Moora diina diiguun akkuma itti fufetti jiraa.

Muddee 30/2021! 

Kushuu Waabaa miseensa milishaa magaala Nageelle Booranaa irraa AKM 1 fi rasaasa 236 fudhatee gara WBO Cibraa Soddom Boorootti kan dabalame yo ta'u inni lamaffaanis 
Korma Baggajjoo miseensa milishaa aanaa Liiban irraa AKM tokkoo fi rasaasa 200 waliin gara Cibraa Soddom Boorootti yo dhufuu torbee kana keesa miseensonni milishaaf poolisii Oromiyaa kan eenyummaa ofii baran namnii 20 oli gara moora Qabsoo Bilisummaa Oromoo Cibraa Soddom Boorootti dabalamaniiru.

Ammas kanneen haftanis qawwee alagaa baattanii saba keesan hacuucuu dhiiftanii gara obboloota keesaniitti dhuftanii akka Qabsoo Saba keesanii utubdanii fi cubbuuf daba kanaan dura uummata keessan irratti dalagaa turtaniif akka araara galtan waamicha itti fufiinsa isiniif goonaa!

Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame