CUUNFAA ODUU INJIFANNOO WBO

Published Jan. 15, 2022, 9:10 p.m. by FNN

326



KONYAA WALLAGA LIXAA

Guyyaa 01 /15/2022 

ONA MANDII

Bakka addaa Maqa Harawwee jedhamutti humna dabalata Orali 1 FI 3F 2 akka isheen fiigaa jirtutti WBOn daaraa godhee jira.

ZOONII KIBBAA: CIBRAA ODAA ADOOLAA

Leencichi bosona irreef gaachanni ummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa konyaa Gujii Baha Cibraan Odaa Adoolaa torban kana injifannoolee addaa galmeessa turun isaa ni dhagahame.

Gaafa guyyaa 01/11/2021 aanaa Gooroo Doolaa ganda Gooroo Daraaraa Boruu barraqaan ka'ee leencichi haxxee hidhuun iddoo addaa Sodduu Raaba jedhamun beekamutti weerartuu patrol kudhanii afur gara Adoolaa deemaa jirtu irratti dhukaasa baanen 7 ajjeessun 8 madeese jira. Itti fufuun aanaa Wadaraa ganda Gudubaa Buruuri keessatti reeffa irratti reeffa madoo irratti madoo dabaluun of irraa dabarsuun haxxee marsaa sadaffaa aanumaa Wadaraa ganda Gudubaa Buruuri seensumaa magaalaa Wadaraa cinaatti lola guddaa godhen weerartuu sagal yoo ajjeessu hedduu madeese jira.

Gaafa guyyaa 01/12/2022 lola isaa itti fufuun aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo Bureer keessatti sakkataa cimaa daandii guddichaa Nagellee irraa Finfinnee deemu irraatti taasiseen tikaa mootummaa Abiyoot cimaa kan ta'ee itti gaafatamaa waajjiraa koominkeeshinii aanaa Gooroo Doolaa obbo Nugusee Waaqoo Genale hidhannoo guutuu waliin booji'ee jira.  Itti fufuun guyyumaa san aanaa Gooroo Doolaa ganda Canaa Mansaa keessatti lukkeelee diina dhokatte gara manatti deebitee qabun meeshaa AKM tokko irraa fudhee jira. Haaluma wal fakkaatun achuma ganda Canaa Mansaa keessatti magaalaa Gaannalee keessa konkolataa sinotruk tokko kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa taate galii qabsoof godhe jira. 

Itti fufuun guyyaa hardha jechuun 01/15/2022 aanaa Wadaraa magaalaa Wadaraa jalatti weerartuu sakkataa magaalaa Cinaa jettee deemtu irratti haxxee hidhuun 7 battalatti ajjeessun 3 madeese jira.

IUOf!


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame