Oduu Injifannoo WBO fi Kan Biroo Amajjii 02-2022

Published Jan. 2, 2022, 9:58 p.m. by FNN

1926



Amajjii 2 2022
Irreef gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa Kaaba Lixa Shaggar Ona Hidhabuu Abooteetti guyyaa kaleessaa Amajjii 1, 2022 tarkaanfii humna diinaa waraana faashistii koloneel Abiy Ahmad uummata Oromoo dararuuf deemtu irraatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira. Lola kana irratti haleellaa jajjabduu Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhateen humni diinaa baayyinaan 103 ol tahan du'aan yoo adabaman waraana faashistii PP 117 ol madoo dandammii hin qabneen adabuun of duuba deebisee jiraachuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ibsee jira. Guyyaa har'aa Amajjii 2 ganamarraa ka'uun naannoo lollii itti taheetti madoo fi reeffa ishii guuraa ooluu ishee oduun nu dhaqabe ni ibsa. Gama biraatiin waraanni diinaa lola kanaan wareeruun gargar facaate walitti hin deebi'in jiraachuun beekamee jira. 

Odeessa biraatiin Kaaba Lixa Shagar Darraatti lammilee nagaa 20 tahani fi qabeenya uummata nagaa irratti mootummaan abbaa irree Abiy Ahmed dirooniin boombii itti roobsuun ajjeessuu oduun achirraa arganne ni mullisa. Ballina oduu kanaa akka arganneen gara fuulduraatti kan dhiheessinu taha. 

Gama biraatiin, Haragee Lixaa aanaa Habroo magaalaa Daalloo keessatti maqaa inshuraansii fi shanee jedhuun abbaan araddaa fi abbaan gandaa dargaggoo fi hawaasa waraana irratti bobbaasuun akkamalee miidhutti akka jiran maddeen keenya nuuf dhaamanii jiran. Magaalaan Daalloo giddugala jimaa waan taateef hawaasa dafaa kararraagalaa booda nuun hinboohinaa jedhanii lallabuun sa'aatii 6 booda waraanaan mana manarra deemanii ilmaan namaa harka duubatti hidhuun hidhatti guursisaa jirachuun beekamee jiraa.

Hawaasni sodaa kanaaf jimallee akka itti gurguratu gabaa akka itti baafatu dhabuu odeessi achirraa nu gahe ni mullisaa. Maqaa shanee fi inshuraansii kanaan namni Jamaal Abdurumaan abbaa afooshaati ifiin jedhu koottaa shaneen laga xabalaatti galtee jedhee waraanaan itti duulee misoomallee dhoorkaa jiraachuun beekamee jiraa. Walumaa galatti Amadee kaliil fi Jamaal Abdhrumaan milishaa fi polisii aanaa lakkoofsaan baaye'ee tahan halkan sa'aatii 6 booda maqaa shanee fi inshuraansiitiin namarratti bobbaasuun hawaasa sodaa hidhaa, reebichaa, fi ajjeechaa saaxiluun ummanni dalagatanii nagahaan mana ifiitti galanii akka hin bulle yaaddoo guddaa keessa galchaa jiraachuu jiraattotni dhaammatanii jiruu. 

Ijoollee hidhamte san hanga ammatti namni dubbise kan hin jirre yoo tahu, arra halkan sadaffaatti qarshii kum 6000  kaffalaa ykn milishummaan nuuf hojjadhaa kanaan ala hin baatan jachaanii jiraa odeessi achirraa arganne ni mullisaa.
Maqaan Qeerroowwan hidhamaniii:
1. Taajoo Husseen
2. Yaassin Idiris 
3. Naasir Isaa
4. Nasruu Aliyyii
5 . Rafiiqoo Jamaal faa akka tahan FNN odeeffatee jiraa. 


Gara fuulduraatti sochii WBO fi haala hacuuccaa saba keenyarra gahu jala buhuun kan isin dhageessifnu tahuu isin beeksifna. 

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame