Ajjeechaa Jumlaa Godina Shawaa Dhihaa, Ona Gindabaratitti -Ibsa ABO

Published Jan. 8, 2022, 12:42 a.m. by FNN

288



Ajjeechaa Jumlaa Godina Shawaa Dhihaa, Ona Gindabaratitti Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffame Gadi Jabeessinee Balaaleffanna.
Ibsa ABO- Amajjii 7, 2022
ABOn ajjeechaan Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati Siivilii Oromoo irratti raawwate gadi jabeessee balaaleffata. Akka maddee keenya qabatamaarraa hubannetti gaafa Amajjii 1, 2022 Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati keessatti duguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwatee jira. Waraanni Paaartii Bilxiginnaa Dr Abiy Ahmediin durfamu bakka kanarraa quunnamtii kutuudhan dhukaasaa ummata siviliirratti banee namoota 39 ajjeesee jira. Ajjeechaan kunis bakka sadiitti qindaawee raawwate. Isaanis:
1. Ganda Gurraa Jarjartuu Oromoota Sivilii 17 bakka tokkotti fixan.
2. Ganda Faajjii Oromoota Sivilii 15 bakka tokkotti ajjeesan.
3. Ganda Baatilee Oromoota Sivilii 7 bakka tokkotti ajjeesan. Walumaagalatti Oromoota Sivilii 39 guyyaa tokkotti Ona Gindabarati keessatti ajjeesan.
Ajjeechaa Oromoo kuni hedduu akka nu rifachiise ibsachaa firoottan isaanii, fi ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina.
Ajjeechaan Oromo irratti raawwatu haala dhuma hin qabneen itti fufuun badii biyyi keessaa bahuu hin dandeenetti geessaa jira. Oromiyaa guutuuttii duulli ajjechaa juumlaa mootumaa Bilixiginnaa tiin geggeeffamaa jiru yeroo yeroon dabalaa jira. Yeroo ammaa kanaa humni waraana Bilxiginnaa fi humni addaa Amaaraa akkasumas loltuu Ertriyaa dabalachuudhan guutummaa Oromiyaa irratti bobba’anii jiru. Humni kunis sadarakaa adda addaatti gochaa suukanneessaa ummata irratti raawwachaa jira. Qabeenyaa ummataa saamuu, reebicha akka malee fi hidhaan daran hammaatee jira.
Ajjeechaan akka dhuunfattii, akka maatiitti fi juumlaa haala dhaabbataa ta’een itti fufuun duguggaa sanyii akka ta’e haala gartuun biyya bulchaa jiru qabatamaan gochaa jirurraa hubatamaa dha. Humni gartuu Bilxiginnaa ajjeechaaraatti ajjeechaa dabaluudhan badii keessaa bahuu hin dandeenye keessa seenee jira. Kunis itti gaafatamummaa sanyii duguuguu ( genocide) keessa akka isa galce hubatee kanarraa akka dhaabbatu ammas irra deebifnee akeekkachiifna.
Haala sanyii duguuggaa amma deemaa jiru kana keessatti Oromoo tokkuummaan ka’ee uf ittisuu akka qabu gadi jabeessinee hubachiifna. Yeroo ammaan tana Oromoon humna ufii jabeeffatee falmaachuurraa kan hafe fala biraa akka hin qabne hubachuu feesisaa dha. Kanaaf Oromoon dangaarraa daangaatti wal hubatee diina isa balleessuuf carraaqaa jiru ufiraa ittisuu dirqama lammii Oromiyaa hundaa akka ta’e ammas irra deebifnee hubachiifna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 7, 2022
Finfinnee
 
 
 
 
 

Similar posts:

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

𝐌𝐢𝐫𝐠𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮.

OLF operations & drone attack in Oromia

Oduu Injifannoo WBO