Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Cibiraa Soddom Booroo

Published Jan. 8, 2022, 1:01 a.m. by FNN

750



Ammajjii 5/2022-6/1/2022!

Irreef Gaachanni Sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Booranaa irratti diina sakattaaf magaala keesa baate irratti haxxee diinatti hidheen Roobii Ammajjii 5/2022 Ganama sa'aati 12:00 irraa kaase hanga galgala sa'aati 12:30tti lola deddeebi'aa taasiseen waraana weerartuu PPn humna dabalataa jette kadhattee fidde dabalate irraa nama 57 ajjeesuun nama 143 oli yo madeessu, madoon PP tun ambulaansi 11 fi paatrooli waraana afuriin(4) walumaa gala konkolaata 15 guutte irraan qaqaariyaa hospittaala guddicha magaala Nageelle Booranaa seenuu qabatamatti maddeen keenya irraa qulqulleeffanneerra.

Ittuma fufuun Guyyuma Ammajjii 5/2022 naanno sa'aati 08:00tiitti madoo riiferii ampulaansi shaniin gara hospittaala riiferaala guddicha Hawaasaatti waraana paatrooli lamaatiin geessa jirtu irratti abdii fi gaachanni sabaa Cibraan Odaa Adoola Harqalloo fi Waadara jidduutti haxxe hidhuun paatrooli lamaan daara botoroo yo godhu madoon paatrooli shananii karaa ittiin yaalamtu dhabdee baqachuun gara magaala Nageelleetti  ofduuba deebite jirtii. Lola kana irratti gama meeshaatiin Cibraan Soddom Booroo Qawwee AKM 17 fi meeshaale biroo kanneen akka Rasaasa BKM, Rasaasa AKM, Bombii F1, fi hidhannoole hedduu waliin diina irraa hiikkachuun moora qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheeraa. Yeroo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfi kana fudhatetti waraanni maafiyaa PP poolisii humna addaa jedhamuun waamamu lola irraa baqattee manneen uummata nagaa 12 oli namaa fi qabeenya guutuu waliin abidda itti qabsiisuun gochaa duguugga sanyummaa uummata Oromoo Booranaa irratti akka rawwatte oduun arganne ni ibsa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Cibraan Soddom Booroos Ittuma fufuun guyyaa haaloo duule gumaa Uummata Oromoo harkaa harkatti deebisuun Kamisa Ammajjii 6/2022 galgala keesa sa'aati 12:00 irraa kaasuun baqattuu diina tan magaala Nageelle Booranaa walakkaatti boolla qotattee keesa ciciiftutti dhufuun leenconni Soddom Booroo magaalaa Godina Gujii Bahaa Nageelle Booranaa walakkaa seenuun lukkeelee diina rukutuun, diina irraa nama 11 ajjeesuun nama 16 oli madeessuun meesha Qawwee AKM 7 hidhannoo guutu waliin irra hiikuun lukkeele diina kanneen hafanis hanga halkan sa'aati 03:30tti maaratooni magaalatti keesa oliif gadi fiigsisuun tabichi dirree isaan ofiif qopheeffatan irratti  gaggeessuun injifannoo boonsaan goolabuu isaa gabaaseera. 

WBOn lolichii hanga xummura gabrummaatti kan itti fufuudha jechuun murannoo isaa ibsee jira.

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame