Godina Shawaa bahaa aanaa Boosat ganda Qaawwaa jedhamutti waraanni mootummaa guyyaaa kaleessaa jechuunis Onkoleessa 06, 2022 manneen maatii qonnaan bulaa 8 gubuun dhagahame

Published Oct. 8, 2022, 3:46 p.m. by FNN

331



Godina Shawaa bahaa aanaa Boosat ganda Qaawwaa jedhamutti waraanni mootummaa Onkoleessa 06, 2022 manneen maatii qonnaan bulaa 8 gubuun dhagahame. Ganda Qaawwaa iddoo addaa Haraa jedhamtutti sababa tokko malee mana qonnaan bulaarra naannayee ibidda itti qabsiisuun maatii warra kanaa mana malee hambise jedhu jiraattoonni naannichaa.  

Qabeenyi maatii Qonnaan bultoota kanneenii manneen keessa jiru tokkollee osoo hin hafin gubamuun, maatii kanneen harka qullaatti hambifamuu maddeen keenya naannicha irraa gabaasaniiru.

Gandoota aanaa Boosat baay’ee keessatti waraanni mootummaa uummata nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun manneen irratti gubaa, hidhaa, ajjeesaa jiraachuu irra deddeebiin gabafamaa tureera.

Sanyii Abboomaa tu barreesse.


Similar posts:

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

ODUU FNN | ADOOLESSA 29, 2023 | AJJEECHAA SORA ABDETA

Sabboontota fi diina Oromoo

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?