ODUU INJIFANNOO WBO

Published Feb. 11, 2022, 12:05 a.m. by FNN

554



Gurraandhala 9/2022

Abdii fi Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Lola Guyyaa 9ffaa Diina tiksitoota Impaayera Itoophiyaa kanneen godinoota gargaraa irraa walitti funaanuun Cibraa Soddom Booroo balleessina jettee duulaaf bobbaate kokkee qabee gootummaan dura dhaabbatee lola walirraa hin cinne taasisuun godina Gujii Bahaa diina magaala Nageelle Boorana irraa karaa Dhaka Qallaa qabattee sochoote irratti lola guyyaa 9ffaa taasiseen bakka addaa #Adaammaa_Rigattuu jedhamutti diqaalota Minilik waltiguure waraana bilxiginnaa 23 ajjeesuun 30 madoo taasisuun tortorsee dhukkeesseera.

Haaluma kanaan Gurraandhala 8, 2022 halkan keesa sa'aati 02:30 irraa kaase hanga sa'aati 03:00tti godina Gujii Bahaa magaala Nageelle Boorana iddoo addaa #Keella_Dooloo jedhamtutti haftee waraana Bilxiginnaa kan keella eegdu 4 ajjeesee 7 madeessuun adabeeraa.

Hanga ammaatti lollii adda waraana irratti deemaa jiru kan walirraa hin deebi'in waan ta'eef akkuma dhukaasni itti deddeebi'aa deemuun gabaasa jiru isin biraan geenyaa. Hordoffiin keessan nufaana hata'uu jenna. 

WBOn Kaaba Lixa Shaggar Salaalee Hidhabuu Abooteetti tarkaanfii fudhateen ajajoota 4 dabalatee 40 ajjeesee hedduu madeessuun meeshaa AKM 32 fi rasaasa isaa 1000, BKM 1 fi rasaasa isaa 600 bilbila quunnamtii 4 waliin booji’ee.   

 Salaalee aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Qacameetti 15 ajjeesuun, Salaalee ona Dagam keessatti hedduu ajjeesuun qawwee 40, akkasumas Salaalee ona Yaayyaa Gullallee keessatti ammoo waraana hedduu haleeluun qawwee 10 irraa hiikkachuutu dhagahame.

Gurraandhala 5, 2022 Lixa Aanaa Cophii ganda Marsaa Lakkuu fi Goraa Lalisaatti WBOn tarkaanfii fudhateen 1 ijjeessee 5 madoon adabee jira. 

 Gurraandhala 4, 2022 WBOn Zoonii Giddu Galaa Aanaa Kaachis Magaalaa Kaachisittis kaampii waraana mootummaa yoo barbadeessu, aanaa Abuuna Gindabarat ganda Ererii Keeppo bakka Comee jedhamutti ammoo waraana mootummaa hedduu galaafachuu ifoomseera.  

 Gurraandhala 4, 2022 WBOn Zoonii Lixaa Wallagga Lixaa Toongootti kaampii waraana bilxiginnaa seenuun 6 ajjeessee hedduu madeessuun AKM 6 hidhannoo guutuu waliin qorichoota fi meeshalee adda addaa booji'ee jira.

 

Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u guyyaa 2/4/2022  cmCibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu walakkaa ganda Lolootuu fi Odee kalaalaatti iddoo addaa Tarcaa  jedhamutti tarkaanfii waraana pp irratti fudhateen  loltuu pp 7 battalatti ajjeesuun 8 ammoo madoo dandammii hinqabneen adabee jira.

Haaluma kanaan Gurraandhala 5, 2022 cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Sokoraa Haartee keessatti tarkaanfii fudhateen 6 battalatti ajjeesuun 6 ammoo madeesseera. 

Ammas itti fufuun Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Zambaabaa iddoo adda Neetwoorkii Oronee jedhamutti ammas tarkaanfii fudhateen loltuu Bilxginnaa 9 ajjeesee 12 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Gurraandhala 6, 2022-Oolimayaa gooticha WBO Cibiraa Sodom Booroo:

Lola guyyaa 6 Kibba Oromiyaa magaalaa Nageellee Booranaa hari'as itti fufee, ganama gaafa 06/02/2022 waraana faashiistii Abbiy Ahmad fi Eertiriyaa, RIB , Poolisii fedaraalaa, waraanaa nannoo Soomalee Suufituu fi Dooloo Baaleen taakisiise fide, waraana humna addaa Oromiyaa fi minlishaa walitti gara 5000 adda lolaa lamatti hiriirsee lola kallatti aanaa Liiban ganda Simiintoo, bakka addaa Odaa Jabbii jedhamtuutti gootootii Cibraa Sodom Booroo waraana 3000, Zoo 23 tokko fi moortaraa dishqaa hedduu hidhatee wal harkisaa yaa'uu haxxee keessa seensiisuun lola daarseeaa ganama sa'a 7:00AM eegaleen basrugduu itti buusitee, lola daqii xiqqoon loltuu 13 ajjeesite batalatti bakka Ayyar Maarfaa jedhamutti guurachiifte. Humna diinaa yoo xiqqaate km 8 oli qabatee meeshaa gurguddaa Zoo 23, moortaaraa fi dishqa hedduu hidhate gootummaa fi jaginnumaa diina rifaasiise hanga lola harkaa fi harkaatti tarkaanfatuu lolli hangaa sa'aa 3:00PM itti fufe.  Zoo 23 lola kanarratti hirmaate daaraa godhuun loltuu diinaa reefaa fi madoo konkolaataa patrol 10 fi konkolaataa oraalii 1 n fe'atte. 

Zoo 23 gubate ammoo oraarlii tokkoon fe'achiisee bakka kaampii kifila xoorii jedhamuu fi qajeelicha poolisii godiinaatti guurataa  ooltee. Gootichii onnee barbadaa injifannoo fira gamnachiisee, diina mataa gad qabachiise lola hadhaa'a harkaa fi harkaa gootummaan gaggeessen hoomaa diinaa diigee gara magaalaatti of duuba deebisuun baaragduu itti buusee, magaalaa Nageellee ittisuuf carraaqi diinaa mogolee buusaa oole.

Anaa Bulee Horaa ganda Gaaleessaa bakka addaa Bantee Hadaamaa jedhamutti WBOn Gujii Lixaa lola gaafa 02/08/2022 sa'aa 10:00AM irraa haga  2:00PM itti lola gaggeesseen ajaja 100 Akiliilu Tsagaayee Nigaate dabalatee nama 40 ajjeesee 30 ol madoo taasiusuun qawwee BKM 1 fi Akm 11 irra hiikuun galii qabsoo taasiisee jira. Lolli Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruuttis ganda Siree Buqqee bakka addaa Qilixaa jedhamutti waraana Bilxginnaa patrol 4 deemuu irratti haxxee hidheen daraa godhee jira. Lolli bakkoota adda addatti aanaa Sabbaa Boruu keessatti ta'e odeessa dabalataa ammatti hin arganne. Karaan Finfinne ti Nageelle Booranaa kaleessarra jalqabee cufamee jira. 

Dheengadda lola Liibaniitti gaggeefamaa ooleen injifannoon galeemeefamee jira. Magalaa Nageellee keessatti halkan kaleessaa lolli deemaa turuutu gabaafame.

Imalli gara Finfinnee itti fufa!

Waraana Bilisummaa Oromoo


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame