Oduu Injifannoo WBO

Published Aug. 25, 2022, 7:08 p.m. by FNN

1574



Oduu tarkaanfii  WBO zoonii GG Hagayya 19, 2022
Irreef gaachanni Ummata Oromoo  WBOn zoonii GG tarkaanfii iddoo garagaraatti fudhateen injifannoo gonfatee jira.
Ona Kuyyuu ganda Uuyyee Cabareetti tarkaanfii humna diinaa irraatti fudhatameen 30 ol du'aan yoo adabu hedduu madeessun qawwee Akm 20 ol qabsoof galii godhee jira.
Ona Dagam ganda Yaayyaa Harootti tarkaanfii yeroo wal fakkaatatti fudhateen 15 battalatti yoo ajjeesu hedduu madoon adabuun qawwee Akm 14 hiikun qabsoof galii godhee jira.
Sirna dubaatti hafee ummata keenya balleessuf hongeessuf karoorfate kana dhabamsiisuf wareegama barbaachisu kamuu kafallee ummata keenya bilisa baasun dirqama filaannoo hin qabne ta'uu ajajaan zoonichaa jaal Abdii Dhugaa dhaamanii jiru.

Cuunfaa  oduu injifannoo  WBO  zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa 
Guyyaa Hagayya 22, 2022
Abdii fi wonteen ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u cibraan Odaa Adoola aanaa Waadaraa  ganda Sokoraa Jiidee iddoo addaa Bakka Biyyee Diimtuu jedhamutti tarkaanfii woraana PP irratti fudhateen loltu PP 6 battalatti yoo ajjeesu 4 madeesse jira. 
Ammas guyyuma kana aanaa waadara ganda handoyaa haroo  iddoo addaa markaatoo jedhamutti tarkaanfii cimaa fudhateen loltu pp 10 battalatti yoo ajjeesu 7 ammoo madeessee jira 
Ittuma fufuun cibraan odaa adoolaa aanaa waadaraa ganda gambeello iddoo addaa dibbee hadheessa jedhamutti tarkaanfii woraana pp irratti fudhateen 7 battalatti yoo ajjeesu 11 madeesse jira. 
Haaluma kanaan guyyaa Hagayya 23, 2022 cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu Ganamaan itti cabsuun tarkaanfii cimaa Woraana garboonfataa irratti fudhateen loltu PP 8 battalatti yoo ajjeesu 5 madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira.

Oduu injifannoo  WBO zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa 
Guyyaa Hagayya 25, 2022
Abdii fi wonteen ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa Konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u cibraan Odaa Adoolaa fi cibraan Soddom Booroo woliin tahuun aanaa Gooroo Doolaa ganda Dhuqqoo iddoo addaa Kilkillee Gombisaa jedhamutti woraana PP kan maqaa sakatta’aatiin bobbaate irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltu PP 13 battalatti yoo ajjeesu 10  madeessuun meeshaa kilaashii AKM 2  fi rasaasaa BKm fi meshaa adda addaa irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa oromootiif godhee jira. 

Oduu Injifannoo WBO ZooniiI Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa
Guyyaa Hagayya 25, 2022
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa cibraan Gooroo Dugdaa tii fi Cibraan Madda Albuudaa waliin ta’uun Aanaa Dugdaa Daawwaa Ganda Dhaddachaa Baayyaa seenuudhaan ganama sa aatii 11:00tti lukeelee diinaa hattootaa fi saamtota uummata Oromoo irratti lola baneen lama battalatti yommuu ajjeesuu 8 immoo harkumaan qabee dhuunfatee jira.
Ittuma fufiisaan Aanuma kana Ganda Wolgayii Meeddanoo iddoo addaa Telee bakka jedhamutti haxxee hidhuudhaan paatroolii tokko daaraa yommuu taasisuu 6 battalatti ajjeesuudhaan 2 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira. Gama meeshaatiin qawwee Akm 10 irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Oduu injifannoo  WBO zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa   
Guyyaa Hagayya 25, 2022
Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Handoyaa Haroo kaambii Maarkatoo jedhamutti tarkaanfii haleellaa woraana PP irratti fudhateen diina daara godhee deemsa daqiiqa 40 ari'uudhan loltu PP 25 battalatti yoo ajjeesuu 18  madeessee jira. 

Haaluma kanaan guyyuma kana cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu barraaqaan itti cabsuun woraana PP kan magaalaa Utuluu qubate irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen kaambii guutumaa guututti barbadeesse keessa baasuun loltu PP 27 battalatti yoo ajjeesu 21 madeesse bulchaa ganda utuluu nama maqaan isaa Soraa  jedhamus ajjeesuun injifannoo boonsaa galmeesse jira. 
IUOF


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

Ergaa Jaal Marroo Dirribaa | Guyyaa Gootota Oromoo

ODUU FNN | ADOOLESSA 29, 2023 | AJJEECHAA SORA ABDETA

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians