Mootummaan hooggantoota ABO seera malee mana hidhaatti dararaa jira

Published Feb. 3, 2023, 6 p.m. by FNN

394



Dhimma  hoggantootaafi qondaaltota ABO mana hidhaa jiranii qaama gaafannu wallaallee jedhan Abukkaattoon Seeraa Obbo Tuulii Bayisaa .

Hoggantootaafi Qondaalota ABO olaanoon mana hidhaa jiran erga mana murtiitti dhiyaatanii waggaa caaleera jedhan abukaatoon qondaaltoota kanneenii Obbo Tuulii Baayisaa.

Qondaalonni ABO kanneen akka Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa fi Lammii Beenyaa fa'a mana murtiitti kan dhiyaatan ALI bara 2013 ji’a gannaa keessa ture 

Isaan qofa osoo hin taanes, qondaalonni ABO godinaaleerra jiran mirgi wabii isaanii mana murtiitti eegamuufilleen poolisiin gadhiisuu waan dideef ammayyuu hidhaa jiru jechuun dubbatu.

''Himanni irratti hin banamne, kaaniif ammoo mirgi wabii eegameeraaf. Garuu namoonni kunneen osoo himanni irratti hin  banamiin  akkasumatti hidhamanii jiru.

Hoggantootaafi Qondaalota olaanoo kanneen keessaa Obbo Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa fi Daawwit Abdataa mana murtii federaalaa fi Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin yakka kamirraayyuu bilisa jedhamanii turan.

Obbo Mikaa’el Booraniifi Kennasaa Ayyaanaa ammoo abbaan alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun, bilisa jedhamanii garuu akkasumatti hidhamanii jiraachu Abukkaattoon  isaanii  obbo  Tuulii Baayisaa   gaafiif Deebii BBC Afaan Oromoo irratti taasisaniiin mirkanessaniiru

kana malees Dr Gadaa Oljirraa fi Gadaa Gabbisaa kan jedhaman ammoo qorannaanis irratti hin dhiyaanne, hin himatamnes, erga qabamanii hidhamanii kaasee akkasumatti jiru.’’
'Qaama gaafannu wallaalle' jechuun himaniiru. 
Akka seera Itoophiyaatti namni tokko to’annoo jala oolee sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu qaba.Qondaalonni ABO olaanoo fi miseensonni paartichaa hedduun garuu erga mana murtiitti dhiyaatanii  waggaa irra darbanii jiru .
 
''Itoophiyaa keessatti amma akka seeraatti buluu fi akka humnaatti buluu gargar baasuun ulfaataa taheera. Kan jedhan Abukkaattoon seeraa obbo Tuulii Baayisaa  Osoo seerri hojiirra oola ta'e, silaa jarri kun sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu qabu turejedhan .
Itti dabaluun Yakkamaan mana murtiitti dhiyaatee mirgi wabii eegameef bahuu, ykn yoo yakki isaa guddaa ta'e ammoo mana hidhaa tura''Osoo himata irratti hin baniin, mirga wabii osoo hin eegiiniif akkasumatti nama tokko hidhanii kaa’uun ofuma isaatiin yakkadhas jedhan . Osooma beekanuu, nuyis isaanitti himaa turre,’’ jedhan yaalii taasisan yoo yaadatan.

Amma rakkoo kan ta'e eenyuun akka gaafannudha kan jedhan Obbo Tuuliin, Kolonel Gammachuu Ayyaanaa fa'i yeroo hidhaa turan dhimmi isaanii mana murtii federaalaan waan qabameef hanga mana murtii ijibbaataatti iyyachuun mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman gochuu dubbatu.
Warri kaan ammoo Oromiyaa keessatti hidhamanii jiru waan ta'eef, kan iyyattu mana murtii aanaatti waan taheef isa ammoo raawwanneerra jedhan.
Garuu manni murtii aanaa namoonni kunneen bilisa gadhiisaa jedhus poolisiin aanaa ''hin beeknu, nuyi miti kan hidhe’’ jedhu jedhan.
Komishinii Poolisii Oromiyaa deemnee yoo gaafatanitti nuti hin beeknu jedhamuu dubbatu.
''Mana murtiitu na miidhe jettee akka mana murtii olaanaa hin deemneef manni murtii aanaa gadhiisaa jedhee murtii kenneera.
''Namni marti na hin ilaallatu waan jedhuuf qaama gaafannu wallaalle. Silaa abbaa alangaatu itti adeemee raawwachiisuu qaba ture. Poolisin murtii kana kabachiisuu osoo qabuu hidhee kaa’era,’’ jedhan.
Obbo Tuuliin haqa namoota kanaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Ministeera Haqaati jedhan. Ministerichattis xalayaa barreesuun galchineerra.
''Waajjira pirezidaantii naannoo fi waajjira Ministera Muummeetti ergineerra. Inumaayyu Waajjirri Ministeera Muummee xalayaa kana hin fudhannu jedhanii nutti deebisan,’’ jedhan.
Kana dura Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa,  miseensonni Adda Biisummaa Oromoo haala seeraan ala ta'een hidhamanii jiran dabalatee, kanneen osoo himannaan irratti hin banamiin bakkee garaa garaatti hidhaarrratti argaman biroos hanga himannaan qabatamaan irratti hin dhiyaanneetti atattamaan akka gadi dhiifamaniif  mootummaa  Itiyoophiyaa gaafataa turus  miseensota ABO dabalatee Miseenstni partii KFO  hedduun mana hidhaa  bakkeewwaan garaagaraatti  hidhamanii akka jiran Dhaabileen siyaasaa Oromoo yeroo hedduu yaadachiisaa turan  .


Similar posts:

Paul Bernard Henze, a CIA Operative and Journalist's Advice to Meles to Destroy OLF

Ethiopian Prime Minister Faces Internal Strife and fires Minister of Peace Taye Dande'a

The Peace Talks between the OLF-OLA and PP government of Ethiopia Concluded Without Agreement

Ethiopia, A Failed State.