Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate.

Published Nov. 1, 2025, 4:29 p.m. by FNN Staff

118



ODUU FNN

Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil Addunyaa eyyami Odu – Gabaastota Dooche Veelee dhooggamuu balaaleffate.

Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate. Dhaabbatichi eyyamni gaazexeessitoota kunneenii dafee akka bakkatti deebi’us gaafatee jria.

Ibsa Onkoloolessa 31, 2025 baaseen dhaabbatichi, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, duudhaa oguma gaazexeessummaa sarbuun gaazexeessitoota kunneen himate jedhe.

Feedereeshinichi dabaluudhaan, taateen kun gaazexeessitoota Dooche Veelee sodaachisuu fi cadhisiisuuf kan fudhatame jechuun ibsee, kunis mirga lammileen biyyattii odeeffannoo dhugaa fi madaalamaa ta’e keessumaa kan walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti deemaa jiru illachisee argachuu qaban kan uggurudhas jedhe.


Similar posts:

Dura taa'aan TPLFMootummaan Federaalaa marii jiddu-galeessa ta'e hojiirra oolmaa waliigaltee Pretoria irratti taasifamu ugguraa jira jechuun himate.

godina Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.

Mootummaan naannoo Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaa teessoo mootummaa naannichaa taasisuuf qophii taasisaa jiraachuun barame.

Haala Oromiyaa ilaalchisee oduu fi odeeffannoo torban kanaa.