Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Published Dec. 25, 2025, 12:47 p.m. by FNN Staff

324



ODUU FNN

Mootummaan naannoo Somaalee karaa aanaalee Gumii Eeldalloo fi Liibaniin humna guddaa bobbaasuu jiraattonni dubbatan.

Haleellaan mootummaa naannoo Somaalee guyyoottan darban walitti aansee adeemsifamaa akka tures itti dabaluun jiraattonni himaniiru.

Mootummaan naannoo Somaalee humnoota garmalee hidhatan heddumminaan konkolaattota loltummaatiin nutti bobbaase jedhu jiraattonni.

Haleellaa humnoota mootummaa naannoo Somaaleetiin lubbuun namoota nagaa hedduun darbuu fi kanneen madaa'anis hedduu ta'uu himaniiru.

Mootummaan naannoo Somaalee Mi'eessoo hanga Cinaaqsan, Cinaaqsanii hanga Baalee fi Booranaatti duula cimaa weerara lafa Oromiyaa irratti erga banee bubbulee jira.

Lafoota kanneen irratti mootummaan naannoo Somaalee caasaa aanaa fi godinaa haaraa diriirfatee dhiheenyumma mana marii naannichaan raggaasise.

Mootummaan naannoo Somaalee Moyaale qe'ee Oromoo taatee fi heerri naannoo Oromiyaa keessa ta'uun beeku irratti caasaa magaalaa diriirfate.

Karaa godina Baaleetiin lafa Kiilomeetira hedduun Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Haroo Dibbee jedhamtu kan godina Baalee walakkaa jirtu giddugala godhachuun “Godina Gurra Dhaamolee” jedhee mootummaan naannoo Somaalee godina haaraa lafa Oromiyaa irratti labsate.

Gama Harargeetiin Cinaaqsanii fi aanaalee hedduu uummata buqqaasaa jiraachuu ragaaleen mul'isu. 

Dirree Dhawaa dachee Oromiyaa taate mootummaan naannoo Somaalee kooti jedhee Oromoon homaa akka keessaa hin qabne karaa namoota mootummaatti dhihoo jiraniitiin dubbachiisaa jira. 

Dubbii ministirri muummee Abiy Ahimad tibba darbe Dirree Dhawaa ilaalchisanii dubbataniif ministirri muummichaa dhiifama akka gaafatan hanga akeekkachiisuu gahame.

Kana malees pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad akka waan Dirree Dhawaan naannoo Somaalee keessa jirtuu kaabinee isaanii waliin ta'uun magaalaa Dirree Dhawaatti argamuun keessummoota mootummaa federaalaa wayita simatan mul'ate.

Dabalataanis humnoonni mootummaan naannoo Somaalee bobbaase dhiheenyuma magaalaa Dirree Dhawaa weeraruun uummata ganda tokkoo buqqisanii, dubartii ulfaa Naasiyaa Ziyaad jedhamtu lubbu dabarsan.

Kun marti gaaf ta'u mootummaan Oromiyaas ta'ee mootummaan federaalaa kan “Ilmaan Abbaa Gadaa”tu dursa ofiin jedhan wahuu hin jenne jedhee uummanni komiitti jira.

Mootummaan naannoo Somaalee ammas kanaan dhaabbataa hin jiru jedhu jiraattonni naannawaa daangaa. 

Humna guddaa bobbaasee uummata Oromoo irraa buqqaasee lafa bal'aa qabataa jiraachuu himaniiru.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.

Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.