Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.

Published Dec. 21, 2025, 2:44 p.m. by FNN Staff

365



ODUU FNN

U.S Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Magaalaa Gaazaa taasifte. Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.

Biyyoonni kunneen hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa jalqabaa gamaaggamuuf Filooriidaa Maayamiitti walga’aniiru.

Waashingitan, Ankaaraa, Kaayiroo fi Doohaanis haal-duree gara marsaa lammaffaatti ce’uuf yaada wal jijjiiraniiru.

Bakka bu’oonni Turkiyaa dhimma waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa sirnaan hojiirra hin oolle jechuun kaasaniiru.

Lammiileen Gaazaa dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa keessatti ummata ofii to’achuu akka danda’an irrattis mariin gaggeeffamee jira.

Katar ,Turkiin fi Ameerikaan Baha Jiddu Galeessaa keessatti nagaan akka argamu qarqaaruun kan beekaman waan ta’eef ammallee furmaanni ni argama jedhamee abdatama.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.