Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Published Dec. 28, 2025, 3:02 p.m. by FNN Staff

316



ODUU FNN

Faransaay seenaa keessatti doonii waraanaa guddaa humna niwukilaraa hojjetu ijaaruuf karoorfachuu isii beeksiste. 

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera. 

Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon daawwannaa loltoota Faransaay Abu Daabiitti taasisaniin akka jedhanitti, dooniin haaraan kun ulfaatina toonii kuma 78 fi tilmaama Yuuroo biiliyoona 10.25 ykn Doolaara biiliyoona 12 akka baasu himaniiru. 

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan pirojektiin kun ol'aantummaa humna galaanaa Faransaay fi dandeettii ittisa biyyattii yeroo dheeraaf murteessaa ta’uu ibsaniiru. 

Dooniin haaraan kun doonii alaabaa amma jirtu Chaarlis de Gool kan bara 2038 soorama ba'uuf jirtu bakka bu'a. 

Ijaarsi doonii kanaa bara 2032 kan eegalu yoo ta’u, dhuma bara 2030tti guutummaatti hojiirra ni oola jedhamee eegama. 

Yeroo xummuramu dooniin kun doonii waraanaa hanga ammaatti Awurooppaa keessatti hojjetame keessaa isa guddaa ta’uun Faransaay Gamtaa Awurooppaa keessatti doonii xiyyaara fe’umsaa humna niwukilaraa hojjettu qofa taasifti. 

Pirojektiin hawwii guddaan kun qaama kaayyoo guddaa Faransaay olaantummaa galaanaa addunyaa ishee mirkaneessuu fi dandeettii waraanaa isii ammayyeessuuf qabdu keessaa tokko.


Similar posts:

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.

Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.