Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Published Dec. 28, 2025, 2:37 p.m. by FNN Staff

398



ODUU FNN

Oppireeshiniin amma jalqabame duula tuttuqanii dhiisuu akka hin taane jiraattonni mootummaa gaafataniiru.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, mootummaan duula amma finxaaleyyii irratti jalqabe itti fufee haala nageenya uummataa waaraan mirkaneessu irra gahuu qabaa jedhan.

Humna finxaalessaa Faannoo akka deebi'ee sodaa nageenyaa uummataa hin taanetti tarkaanfii irratti fudhachuu akka qabu himaniiru.

Duula jalqabame milkeessuuf poolisoonni Oromiyaa fi milishoonni uummata waliin qindaa'anii akka socho'uu qaban kan dubbatan jiraattonni, uummanni naannawaa sana waan sirriitti beekuuf humnoota aantummaa sabaa qabaniif eeruu fi deeggarsa barbaachisaa gochuun humnoota finxaaleyyii faana dhahanii naannichaa akka qulqulleessan hubachiisaniiru.

Rakkoo guddaan kan biraa seeliiwwan humna finxaalessa Faannoo caasaa mootummaa aanaalee fi godinaalee kanneenii keessa dahatanii kan jedhan namoonni yaada kennan, mootummaan Oromiyaa caasaa mootummaa naannawaa sanaa gadi fageenyaan sakatta'ee akka qulqulleessuu qabus gaafataniiru.

Poolisoonni fi milishoonni wareegamaa kan jiran akkasumas hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo akka miliqan taasisaa kan jiru eeruu seeliiwwan Faannoo waajjira mootummaa keessa taa'anii hidhattoota Faannootiin dursanii gahaa jiraniin akka ta'e himaniiru.

Kana malees qubattoota keessaa warra hidhattoota Faannoo waliin hidhata tolfatee dahoo ta'utu jira, warra kanas mootummaan sirriitti qoratee seeratti akka dhiheessu jechuun gaafataniiru.

Hidhannoo meeshaa waraanaa deeggaartoota Faannoo irraa hiikuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.

Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.