Dura taa'aan TPLFMootummaan Federaalaa marii jiddu-galeessa ta'e hojiirra oolmaa waliigaltee Pretoria irratti taasifamu ugguraa jira jechuun himate.
Published Nov. 10, 2025, 3:53 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dura taa’aan TPLF Debretsion Gebremichael hojii irra oolma Waliigaltee Piriitooriyaa irratti marii jiddu-galeessa ta’e gaggeessuuf tattaaffii taasifamu ugguruu jechuun himachuun, TPLFs ta’e jiddu-galeessitoonni walga’ii akkasii akka gaggeeffamuuf irra deddeebiin waamicha dhiyeessan.
Mootummaan Federaalaa fi nuti TPLF wal-argannee raawwii waliigalticharratti mari’achuu barbaanna,” kan jedhan Debretsion, TPLF gaaffii irra deddeebi’amee dhiheessitee akka turte, Mootummaan jiddu galeessaa marii akka taasifamu gaafataniiru. Haa ta’u malee, bakka jiddu-galeessitoonni argamanitti marii irratti hirmaachuu “kan dide Mootummaa Federaalaati” jechuun falmeera.
Debretsion giddu-galeessitoonni dhiibbaa gahaa gochuu dhabuu isaaniis qeequun, waliigaltichi hojiirra akka oolu cichanii gorsa kennuu qofa irratti of daangessaniiru jedhan. Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa U.S., #Mike_Hammer, kanaan dura hojiirra akka oolu dhiibaa kan ture ta’us, erga Hammer bahee fi namni bakka bu’u dhabamuu isaatiin garuu “qaawwi ifa ta’e mul’ateera” jechuun hubachiisaniiru.
Dura taa’aan kun kana kan dubbatan gaafii fi deebii chaanaalii ofiisaa qaama dhaabichaa Woyen waliin taasisaniin, yaada dhiheenya kana Ministirri Muummee Abiy Ahimad Waliigaltee Piriitooriyaa fi sadarkaa seeraa Wayyaanee ilaalchisee kennaniif deebii kennaniiru.
Similar posts:
Konfedereeshiniin Hojjetoota Itiyoophiyaa Dhaabbileen damee dhuunfaa irra caalaan isaanii mirga hojjettoonni gurmaa’uu dhoorgu jedha.
Vaayirasiin Marbargiin namoonni du'an torba ga'an; Vaayirasichi Hawaasaattis mul'achuun himame.
Komishiniin Siivil Sarviisii fooyya’iinsi mindaa yeroo jedhametti gama hundaan maaliif hojiirra ooluu akka hin dandeenye akka ibsu gaafatame.
Mootummaan Ertiraa gaaffii ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan irra deddeebiin gaafachaa jirtu gocha walabummaa biyyattii sarbuuf yaalamaa jiru waan ta'eef cimseen balaaleffadha jette.