Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa qarshiin liqeeffatte haga dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ta'uun gabaafame.
Published Nov. 3, 2025, 1:26 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Liqaan biyyaa keessaa Itoophiyaarra jiru Birrii tiriiliyoona 2.56 ga'uun gabaafame
Liqaan Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqeeffatte dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ga’uufi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo gabaabaa malee kan yeroo dheeraa kennuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuu Ministeerri Maallaqaa beeksisuun gabaafame.
Fulbaana bara 2025 keessa qofa mootummaan gama caalbaasii liqaa yeroo gabaabaa ( T-bills) lamaan Birrii biliyoona 53.35 walitti qabuu ministeerichi ibseera. Liqaan walitti qabame kunis kan guyyoota 28 fi 91 irratti xiyyeeffate ta’uu kaasun, abbootiin qabeenyaa guyyoota 364 yookan waggaa tokkoof mootummaaf liqeessuuf fedhii akka hin qabne himan.
Abbootiin qabeenyaa sababni liqaa yeroo dheeraa mootummaaf kennuu didaniif sodaa qaala’iinsa jireenyaafi tasgabbii dhabuu maayikiroo ekoonomii ta’uu hayyoonni dubbachuu Gaazexaan Kappitaal gabaase.
Fedhii dhabuun isaanii kunis dhalli liqaa waggaa tokkoof abbootii qabeenyaaf kaffalamu dhibbeentaa 15 irraa akka dhibbeentaa 20 tti ol ka’u taasiseera jedhame. Kanas hayyoonni sodaa guddaa qaba jedhamee waan yaadamuufi hammi dhala liqaa isaanii dabalame jechuun gabaafame. Faallaa kanaan dhalli liqaa yeroo gabaaba xiqqaachaa deemuu ibsuun, kunis sodaa baay’ee waan hinqabneefi jedhame.
Liqeessitonni biyyaa keessaa gurguddoon liqaa biyya keessaa Itoophiyaarra jiru keessaa ga’ee guddaa qaban Baankii Daldala Itoophiyaa (%43), Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa (% 26.3) fi Fandii Sooramaa (% 19.3) ta’uunis himame.
Kurmaana itti aanutti liqaa yeroo gabaabaa dabalataa Birrii biliyoona 200 fi miliyoona 43.05 liqeeffachuuf kaaroorsuu Ministeerri Maallaqaa ibse jechuun Kappitaal gabaase.
Similar posts:
Dura taa'aan TPLFMootummaan Federaalaa marii jiddu-galeessa ta'e hojiirra oolmaa waliigaltee Pretoria irratti taasifamu ugguraa jira jechuun himate.
godina Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.
Mootummaan naannoo Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaa teessoo mootummaa naannichaa taasisuuf qophii taasisaa jiraachuun barame.
Haala Oromiyaa ilaalchisee oduu fi odeeffannoo torban kanaa.