Mootummaan naannoo Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaa teessoo mootummaa naannichaa taasisuuf qophii taasisaa jiraachuun barame.
Published Nov. 6, 2025, 2:46 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Daba siyaasaa ummata Oromoo irratti hojjatameen magaalaan Dirree Dhawaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jalaa baafamuun chaartaraan akka bultu erga taasifamee booda dhiibbaan garagaraa ummata Oromoo irratti taasifamaa jira.
Barreessaa Iskuu Hamzaa yaada saamicha lafaa daangaa Oromiyaa fi dhimma magaalaa Dirree Dhawaa irratti yaada kenneen, mootummaan naannoo Somaalee walakkaa lafa Oromiyaa bahaa seenuun gaafii abbaa biyyummaa magaalaa Dirree Dhawaa irratti kaasaa jira jedha.
Dabareen bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa itti aanu kan Somaalee waan taateef carraa kanatti fayyadamani teessoo mootummaa naannoo Somaalee Dirree Dhawaa taasisuuf hojjataa jiru jedha.
Oromoon lafti isaa bulchiinsa Minilik irraa kaasee sirnoota Itoophiyaa bulchaa turan hunda keessatti saamamaa turuu eeruun, magaalaa Dirree Dhawaa amma falmiin irratti ka'aa jiru kun rakkoo siyaasaa ADWUI awwaaledha jedha.
Ummanni Oromoo dhiibbaa lafaa fi lafee isaa irratti adeemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf tokkummaan ka'uu qaba kan jedhu Iskuu Hamzaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin siinqee, hooggansi siyaasaa Oromoo, hayyoonni gargaaraa dhimma magaalaa Dirree Dhawaa fi weerara daangaa irratti ejjannoo tokkoon dhaabbachuu qabu jedha.
Dhirree Dhawaan seenaanis seeraanis, himaanis, teessumma lafaatinis, baay'inna ummataatiinis, marfama naannootins tan Oromooti.
Dirree Dhawaan teessuma lafaa, seenaa fi baay'innaa ummataatiins Oromiyaa keessa jiraattus HMFDRI keessatti hin Caqafamne, HMNO keessattis hin caqafamne. Kun ammoo daba siyaasaa Oromoo irratti hojjatameedha.
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad tibbana magaalaan Dirree Dhawaa qaama mootummaa naannoo Oromiyaati jechuun ibsuu isaanii hordofee dhalattoonni Somaalee magaalaan Dirree Dhawaa kan Somaaleeti waan taateef dhiifama gaafachuu qabu jechuun dubbataa turan.
Haa ta'u malee ummanni Oromoo dhimma magaalaa Dirree Dhawaa fi saamicha daangaa bakkoota garagaraatiin raawwataa jiru irratti tokkummaan dhaabbachuun falmachuu akka qabu Iskuu Hamzaa waamicha taasisee jira.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.