Mootummaan Itiyoophiyaa Hidhamtoota Siyaasaa beellamaan jiran himata isaanii akka adda kutuu fi warreen murtii qaban akka Dhiifama godhee lakkisuun Dirree Siyaasaa bal’isuu qaba jedhe Dhaabbatni Falmaa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa .
Published Dec. 16, 2025, 2:43 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbatni Falmaa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa mootummaan hidhamtoota siyaasaa himanni irratti banamee jiru akka adda citee hiikamanii fi hidhamtoota yakkaan itti murtaa'ee jiruuf dhiifama gochuu akka qabu waamicha dhiyeesse.
Dhaabbatni falmaa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa , guyyaa Mirga Namoomaa Idil Addunyaa torban darbe kabajame sababeeffachuun ibsa har’a middle 15/2025 baaseen, waldhabdeen karaa nagaa akka hiikamu, mootummaa fi humnoonni hidhannoo walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan garaagarummaa isaanii marii karaa nagaa kara minjaalaa (Xarapheesaatti)akka fidanii akka hiikan , marii nagaa eegalameef dursinee kennamuuf akka qabu, akkasumas gargaarsi namoomaa hatattamaa qaamolee miidhamaniif naannoo waldhabdee fi naannoo hongeen miidhame, akkasumas buqqaatonni nagaan gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif taasifamuu qaba jedheera.
Dhaabbatichi haleellaa namoota qulqulluu irratti raawwatamaa jiru akka dhaabu, namoota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyeessu, akkasumas meeshaalee mirga namoomaa idil-addunyaa Itoophiyaan haaromsa seeraa fi imaammataatiin hin raggaasifne akka raggaasisus waamicha dhiyeessee jira.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.