Mootummaan maqaa qabata WBOtiin Ummata nagaa mana hidhaattii guuree dararaa jiraachuun barame.

Published Dec. 19, 2025, 3:46 p.m. by FNN Staff

494



ODUU FNN

WBOn godina Lixa Wallaggaa ona Begii keessatti humna diina irratti tarkaaffii fudhachu beeksise

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn diina maqaa sakkattaa jedhun saamicha, ajjeecha, gudeeddii fi gochoota farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwachuuf bobbatee irratti guutuu Oromiyaa keessatti tarkaaffii irratti fudhachu jabeesse kan itti fufe yoo ta’u, Bifuma kanan godina Lixa Wallaggaa ona Begii ganda Aci'oo Hordaatti kaleessa Muddee 18,2025 miliishoota fi kaadiroota maqaa gibira jedhun hawaasa saamuuf deemtu irratti tarkaaffii laaleessa fudhaten ajajaa miliishaa nama maqaan isa Dhugaasaa Guutaa jedhamu battalatti du’aan yoo adabu, miliishaa maqaan isa Jamaal Horaa dabalatee milishoota biroo fi kaabinoota waliin turan madoo ulfaatan adabeera.

Kaabinoonni mada'aan dhabamuun humna waraana gudda bobbasuun barbaachisaa jiraachuun baramee jira. Tarkaanfii kanaanis meeshaa waraanaa qawwee AkM 1, Rasaasa AKM 90 fi gumbii lama irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii godhee jira.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

 Godina Baha Shaggar ona Booset keessatti hidhattoonni mootummaa namoota nagaa ajjeesuu, hidhanii dararuu fi horii uummataa saamuu jabeessanii kan itti fufan ta’uu jiraattonni maddeenitti himan.

Baha Shaggar ona Boosat keessatti hidhattoonni mootummaa namoota nagaa ajjeesuu, hidhanii dararuu fi horii uummataa 35 saamuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

Hidhattoonni mootummaa PP naamusaa fi sirna dhablummaa leenjifamuun kaayyoo isaanii uummata nagaa ajjeesuu tarsiimoo kan godhatan ona Boosat ganda Siifaa Battee bakka addaa Gombora jedhamutti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Taliilaa Waaqoo Abbooyyee jedhamu ati deggeraa WBOti ittiin jechuun nama jireenya dhuunfaa isaa jiraatuu fi tuttuqqii siyaasaa irraa bilisa ta'e mana isaatti dhaquun ajjeesuun gatanii akka deeman jiraattonni naannoo sanii ifoomsaniiru.

Bakkuma kanatti qabeenya namoota qonnaa fi horii horsiişuun jiraatan maqaan isaanii Obbo Kamaal Haji Armaanii fi Roobaa Qawweettii walumatti loon 35 jalaa ooffatanii buufata waraanaa Shaakkisaatti fudhatanii akka deeman itti dabaluun namoonni ijaan argan himanii, maanguddoo ganna 75 kan ta'an ijoollee isaanii jalaa hidhuun kophaa jiraachaa kan jiran maqaan isaanii Addee Hawwaa Naboo qabanii akka hidhanis jiraattonni kun addeessuun ganduma kana bakka addaa Shaakkisaa irraa Lammii Asheetuu fi Hawwii Yaamii Dinagdee magaalaa Dooniitti geessuun akka hidhanii dararaa jiran keessa beektonni ifoomsaniiru

Kana malees ganda Nuuraa Heeraa bakka addaa Barruu jedhamutti namoota sadii maqaan isaanii Kaliil Turkaa, Shaggaa Kadirii fi Fungee Gabii akkasumas qeerroo maqaan isaa Suudaa Abdallaa ganda Boosee dachee bakka addaa Waaccuu irraa qabanii deemuun achi buuteen isaa dhabamee akka jiru jiraattonni gandichaa maddeenitti himanii jiru.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

 

Godina Arsii Bahaa Ona Muneessaa fi Martii keessatti loltoonni mootummaa namoota nagaa 2 ajjeesuun dhaga'ame

Humnoonni naasuu  namaa hin qabne kan mootummaan PP bobbaase guyyaa dheengaddaa Muddee 17,2025 ona Muneessaa ganda Gujicha iddoo addaa Boqqaa jedhamu keessatti maanguddoo umrii 60 maqaan isaa Obbo Mangashaa Shundhaa Baatii jedhamu mana isaatii qabuun bakkeetti geessanii ajjeesuun reeffa isaa bosonatti akka gatan jiraattonni maddeeniif  ibsan.

Namni kun tuttuqaa qaama siyaasa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta'u, humnoonni mootummaa PP maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun nama nagaa mana isaatii baasanii rasaasa itti roobsanii haala suukkaneessaan akka ajjeessan gabaasaan nu qaqqabe ni ifoomsa.

Haaluma walfakkaatuun loltoonni mootummaa kunneen ona Martii ganda Heellaa Akkiyyaa iddoo addaa Maqaallaa irraa waardiyyaa baankii magaalaa Abboomsaa kan ta'e Obbo Musxafaa Shuumii Bajigaa kan jedhamu qabuun onichuma ganda Gaadullaa geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa isaas bakkeetti akka gatan jiraattonni maddeen keenyatti himanii jiru.

Obbo Musxafaan dhalataa ona Martii ganda Hoombaa yoo ta'u, warra intala irraa fuudhe ykn soddaa isaa dubbisuuf ganda Heellaa Akkiyyaa yeroo inni deemu Waraana Bilisummaa Oromoo bira deemuuf magaalaa irraa kaatee iddoo kana dhufte ittiin jechuun waan inni hin beekee fi gocha isaa hin taane itti maxxansanii akka ajjeesan gabaasni argannee ni ifoomsa.

Obbo Musxafaa nama nagaa fi hawaasa isaa keessatti akkaan jaal'atamaa yoo ta'u siyaasa dhaaba kamii illee kan hin deggarree fi hojii isaa qofa hojjatee maatii isaa jiraachifachuun akka beekamus jiraattonni madeenitti himanii jiru.

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Baha Wallaggaa Ona Guutoo Giddaa keessatti hidhattoonni Faannoo hawaasa Oromoo ajjeesuu, saamuu fi buqqisuun kan yeroo kaanii caalaa jabaatee kan itti fufe ta’uu hawaasni naannoo maddeenitti himan.

Godina Baha Wallaggaa Ona Guutoo Giddaa keessatti hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun waamaman gandoota onichaa garaagaraa keessatti uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu fi qe'eerra buqqisaa jiraachuu jiraattonni maddeeniif kan himan yoo ta’u,  haaluma kanaan gaafa Muddee 13-17,2025 gandoota onichaa afur kanneen bulchiinsa magaalaa mataa isaanii qaban irraa hawaasa meesha maleeyyiin humna hidhattoota kanneeniin ajjeefamuu, saamamuu, manni irratti gubachuu fi qe'ee isaanii irraa buqqifamaa jiraachuu jiraattonni addeessanii jiru.

Akka jiraattonni maddeenitti himanitti, gandoota kanneen akka Basuu, Markaatoo fi kanneen biroo keessatti lubbuun hawaasa hedduu ajjeefamuu fi qabeenyi danuun kan mancaafame yoo ta'u, uummanni hangi lubbuun hafe maatii isaa qofa qabatee onicha gadhiisuun gara magaalaa Ukkeetti godaanaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

 

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

,Godina Matakkal Ona Bulan fi Waanbaraa keessatti waraanni mootummaa hawaasa nagaa saamuu, hidhuu fi qe'eerra buqqisuu jabeesse itti fufuun dhaga'ame

Godina Matakkal Ona Bulan ganda Baqujjii keessatti ji'a tokko dura tarkaaffii guggubdu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn waraana mootummaa PP irratti fudhateen sodaa fi yaaddoo hamaa keessa seenuun hawaasa nagaa hariiroo homaatu siyaasaa waliin hin qabne namoota lama maqaan isaanii Nigaatuu Eebba fi Shunee Waanbaraa jedhaman mana hidhaa magaalaa Bulan keessatti guyyoota 20 oliif hiraarsaa turuun dhiheenyaa kana immoo gara mana hidhaa godina Matakkalitti dabarsuun achiitis dararaa ulfaata irraan ga'a jiraachuu maddeen keenya bakkichaa ifoomsanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namoonni kunnen badii tokkollee akka hin qabne fi garee siyaasaa kami irra bilisa kan ta'an manguddoo Nigaatuu Eebba maqaa obboleessa keetu bosona jira fi Aadde Shunee Waanbaraa immoo ilmaa keetu WBOti jechuun daban mana hidhaatti darbatanii hiraarfamaa jiraachuun baramee jira.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Naannoo Kibba Ityoophiyaatti Barsiisonni  daballii sirreeffama mindaa haaraan ji’a Adoolessaaf kaffalamuu qabu nuuf hin kaffalamne jedhan.

 Biiroon maallaqaa naannichaa gama isaatiin rakkoon kun hanqina odeeffannoo irraa kan ka’e ta’uu fi dhimmicha hiikuuf hojjechaa akka jiru ibseera.

Mootummaan federaalaa bara darbe ji'a Hagayyaa keessa daballiin mindaa hojjettoota mootummaa baatii Adoolessaa irraa eegalee hojiirra akka oolu beeksisee ture. Haa ta’u malee, Naannoo Kibba Ityoophiyaa dabalatee naannolee adda addaatti daballiin mindaa kun hanga Adoolessaatti harkifateera.

Biiroon Maallaqaa Naannoo Kibba Ityoophiyaa ibsa jalqaba baatii Adoolessaa baaseen, daballiin sirreeffama mindaa haaraa bu’uura godhate, liqii Adoolessa fi Waxabajjii booda hojiirra akka oolu beeksisee ture. Dura taa’aa waldaa barsiisota naannichaa Obbo Amanuel Paulos; Waajjirichi ibsa kana erga kenneen booda maddeenitti akka himetti, mindaan Onkoloolessaa barsiisotaaf kaffalamus, naannolee naannichaa irra caalaan mindaa baatii Adoolessaa akka hin kaffalamiin himeera.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Ameerikaan lootarii DV waggaa waggaadhaan gaggeeffamu addaan kutuu beeksifte.

Pirezidaantii Doonaald Tiraamp torban darbe Yunivarsiitii Biraawun keessatti dhukaasa jumlaa raawwatameen namoota lama ajjeefamuu hordofuun Lootorii Kaardii Magariisaa Ameerikaa (DV) addaan kutuun beekkamee jira.

Lammiin Poorchugaal haleellaa kana raawwachuudhaan shakkame, lootarii DV bara 2017 moo'achuun gara Ameerikaa kan seene yoo ta'u, kaardii magariisa argatee ture.

Ministirri Nageenya Biyya keessaa Kiriistii Nooam akka jedhanitti, sagantaan Dv loterii kun qajeelfama Tiraampiin yeroodhaaf addaan kan cite yoo ta’u, ''sagantaa kanaan lammiileen Ameerikaa kana booda akka hin miidhamneef yaadameeti jedhan.

Angawoonni U.S. shakkamaan ganna 48 Claudio Neves Valente jalqaba torban kanaa piroofeesara Inistiitiyuutii Teeknooloojii Masaachusets Nuno Lurero akka ajjeese yaadachiisuun,  Sagantaan Lootorii DV waggaatti namoota kuma 50aaf balbala carraa biyya ameerikaa kennu yeroof adda cituun baramee jira.

 

 

 


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.