Yakka Saamicha Qabeenyaa Qarshii Miiliyoona 5 Olii, Cunqursaa Gurmaa'e Caasaa Gadii fi Balaa Nyaataa fi Yaalii Fayyaa Lubbuu Da'ima koo Irra Ga'e Beeksisuu

Published Oct. 4, 2026, 2:52 a.m. by FNN

20



Dhimma: Waraabbata Miidiyaa Ariifachiisaa – Yakka Saamicha Qabeenyaa Qarshii Miiliyoona 5 Olii, Cunqursaa Gurmaa'e Caasaa Gadii fi Balaa Nyaataa fi Yaalii Fayyaa Lubbuu Da'ima koo Irra Ga'e Beeksisuu.
 
Kabajamoo Hooggantoota fi Gaazexeessitoota Miidiyaa,
 
Ani maqaan koo Daani'eel Milkisaa Jiiruu jedhama. Lakk. Waraqaa Eenyummaa Biyoolessaa: FCN 3814 8046 5091 7067 | Lakk. TIN: 0056776500 yoo ta'u, Lakk. Bilbila koo 0910984288 fi Lakk. Herrega Baankii Daldala Itoophiyaa (CBE) koo 1000008461628 dha. Ani hundeessaa fi abbaa qabeenyaa "Waldaa Hojii Mukaa Nugusee, Daani'eel fi Hiriyaa Isaanii" kan bal'ina isaa isquweer meetira 106 ta'e fi sheedii IMX hojii mukaa irratti bobbaa'e ture dha. Teessoon walda qabeenya koo kanaan dura Bulchiinsa Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Gadaa Faajjii jala kan ture yoo ta'u, erga Magaalaan Sheger hundeeffamte booda gara Aanaa Mudaa Furriitti waan makameef, yeroo ammaa waldichi Aanaa Mudaa Furii keessatti argama.
 
Ani abbaa ijoollee sadiiti (3). Yeroo ammaa sababa tarkaanfii fi dhiibbaa seeraan alaa hooggantoota caasaa gadii kanaan narratti raawwatameen jireenya baqattummaa suukanneessaa keessan jiraadha. Kanaan kan ka'es, ani fi maatiin koo yaaddoo jabaa, dhabama manaa, sarbama mirga jireenyaa fi beela hammaataa du'aaf nu saaxilu jala jirra. Kanaan dura abbaa qabeenyaa dhuunfaa irraa ji'atti qarshii 10,500 kaffalaa mana kiraa keessa kan jiraannu yoo ta'u, hojiin daldalaa koo seeraan alaa waan jalaa saamameef fi gara hiyyummaatti waan hammaanneef kiraa mana ji'a afurii (4) kaffaluu dadhabeera. Kanaan kan ka'es, abbootiin qabeenyaa mana kiree nu baasanii jiru; yeroo ammaa haala gaddisiisaa fi nama suukanneessuun dirree fi daandirratti gatamnee, goodaatti dhiphachaa argamna. Bulchiinsi aanichaas ana haaloo ba'uuf jecha deggersa hawaasummaa fi bu'uuraa kamiyyuu dhiibbaa siyaasaatiin nu dhowwatanii jiru.
 
Gocha seeraan alaa, sassaabbii lubbuu, kiyyoof dhiibbaa malaammaltummaa fi beeksisa sobaa humnaan na dirqisiisuun dorgommii fi madaallii sobaa (foorjarii) sanadootaa narratti raawwatame, akkasumas hojii daldalaa koo kan diige, jireenya maatii koo kan diige fi mirga namummaa koo kan mulqe kanaan gadiitti tartiiba isaatiin dhiyeessa:
 
1. Seenaa Duubaa fi Qabsoo Jireenyaa
Bara 1973 Naannoo Oromiyaa, Zoonii Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Amaya, Ganda Xummii Sombó Biinootti dhaladhe. Haati koo Damaanachii Milkisaa Jiiruu daaimummaa isheetti balaa abiddatiin gubattee miilli ishee tokko waan kutameef, mana abbaa isheetti na deese. Ani kan na guddise mana akaakayyuu koo obbo Milkisaa Jiiruu keessatti maqaa isaaniitiini. Akaakayyuun koo bara 1985 dhukkuba dingataatiin addunyaa kanarraa boqotan. Sana booda jibbiinsi eessumni koo naaf qabu hammaachaa waan dhufeef, dhumarratti qe'ee akaakayyuu koo gadi lakkisuuf dirqame.
Bara 1997 gara Finfinneetti dhufuun mana namoota dhuunfaa keessatti hojii meeshaalee manaa (Furniture) qarshii guyyaa 6n qacaramee ogummaa koo guddifachaa deemuun dhaabbata "3f Finfinnee Fernicher" keessatti dorgomee qacaramee waggaa 10f hojjadheera; maashinaroota adda addaas dhuunfaan bitachaa of danda'eera.
 
2. Caasaa Waldichaa, Carraa Hojii Uumuu fi Dhugaa Fandii Liqii (WALQO)
 
Hundeeffama Waldichaa fi Waliigaltee Kiree Sheedii: Bara 2010 maashinaroota hunda dhuunfaan waan na harkaa jiraniif, ulaagaa mootummaan baasu guutuun namoota biraa gurmeesse. Waldaan keenya ana dabalatee dargaggoota hojii dhabeyyii 12f carraa hojii bal'aa uumeera. Sheediin bal'ina isaa isquweer meetira 106 ta'e kun kennaa tola nuuf kenname osoo hin taane, mootummaan dargaggoota gurmaa'aniif akka hojjataniif kan ijaare fi nuyi ji'a ji'aan kiree kaffaluuf waliigaltee sirrii mallatteessinee, kiree mootummaa osoo hin hir'isin kaffalaa kan keessa hojjachaa turreedha. Koppiin jalqabaa waliigaltee keenyaa harka koo kan jiru yoo ta'u (Magaalaa Sebetaatti Lakk. Koppii Waliigaltee MSME: Ue/IMX/550/2010 Guyyaa 22/05/2010 kan mallatteeffame), keeyyata 9 jala barri xumura waliigaltee hin barreeffamne (kan banameedha). Fuulli dhumaas mallattoo chaappaa tokko qaba, barri xumura sobaa kan irratti hin jirre sanada orijiinaala.
 
Waa'ee Fandii Liqii Walqoo (WALQO) fi Dhugaa Wabii: Maallaqa fandii liqii sana kan nu liqeese caasaa mootummaa seeraa kan ta'e Maayikiroo Faayinaansii Oromiyaa (Walqoo isa duraa) malee hooggantoonni caasaa gadii kana miti. Nuyi ulaagaa baankichaa guunnee waan argamneef baankichi seeraan liqii qarshii 250,000 nuuf hayyamee, qarshii 150,000 gadhiisee ture. Liqii kana nuyi hojiirra oolchinee, waliigaltee baankichaa wajjin gannetti ji'a ji'aan hojii daldalaa keenyarraa baankichaaf deebisaa turre. Nuu fi baankicha gidduutti dhimmi wal-dhabdee ykn rakkoon uumame tokkollee hin jiru. Liqiin kun seeraan yeroo hayyamamu Caamri Waguu, Hirphasaa Ergosaa, Phaawulos Tsaggaayee, Abuluu Negaa fi Alii Tamaam kan jedhaman dhuunfaan wabi seeraa guutuu (Guarantors) ta'uun sanadicharratti ifatti mallatteessaniiru. (Waliigalteen liqii kun hooggantoota baankichaa obbo Gamachuu Tasfaayee fi Gabisaa Naddoo tiin kan mallatteeffame fi kan mirkanaa'eedha).
 
Meeqa Saamicha fi Sassaabbii Jalqabaa: Shira diiggaa fi saamichaa kun kan jalqabe hooggantoonni hidhata faayidaa (Network) caasaa gadii kanaan. Baankichi liqii seeraa kana nuuf gadhiise booda, hooggantoonni kun sassaabbii jabaadhaan "Maallaqa baankii irraa siif hayyamame sana nuuf kennuu qabda; yoo ta'uu baate garuu si rakkisna" jechuun kiyyoof kiyyeessanii, maallaqa liqii sana kallattiin nu harkaa saamaa turan. Maallaqa sassaabbidhaan saamame sana isaan faayidaa dhuunfaa isaaniitiif oolchan malee ani hojii daldalaa kootiif hin fayyadamne.
 
3. Hidhata Yakka Gurmaa'e fi Gahee Caasaa Saamtotaa
Namoonni maqaan isaanii kanaan gadiitti tarreeffame, taayitaa mootummaa fi hidhata faayidaa dhuunfaa isaanii fayyadamanii; qabxii yaa'ii sobaa, beeksisa dirqisiisoo sobaa fi sassaabbii humnaa fayyadamanii hojii daldalaa koo guutummaatti diiguu fi jireenya maatii kootirratti balaa guddaa geessisuu keessatti kallattiin hirmaataniiru:
 
1ffaa. Burtukaan Germaa (Kanaan dura Bulchituu Aanaa Mudaa Furrii): Taayitaa mootummaa ishee isa olaanaa malee fayyadamuun, garee diiggaa kana wajjin faayidaan wal-simuun fi iyyannoo ittisa manneen murtii koo kufaa gochuun; hidhata hattaa fi saamicha sheedii seeraan alaa olaantummaan kan dursite fi miidhaa kan geessiste dhuunfaa isheeti. (Galmee mana murtii Lakk. 01336 qabxii yaa'ii sobaarra sanada sobaa qindeessitee jirti). Mangistuu Zawudee guyyaa 16/12/2015 A.L.H akka waan muudamee godhuun nama hojjiirra jiruuf xalayaa muudama sobaa mana murtitiif dhiyessitee jirti. Lakk. Xalayaa: B/AMF/1593/15.
 
2ffaa. Fraa'ol Aberra (Kanaan dura Hoogganaa Biiroo Carraa Hojii fi Ogummaa kutaa Magaalaa Furii): Maallaqa Walqoo kan ani seeraan hojiif baankii irraa liqeeffadhe seeraan alaan fudhate, sheediin haa uggalamu jechuun sanada sobaa qopheessee galmee mana murtii Lakk. 01336 tiif kan dhiyeesse fi beeksisa sobaa adda addaa mallattoo isaatiin kan baase, akkasumas adde Maskaram Laataa yeroo hojiirra turte dhoksee "Hayyama waggaarra turte" jechuun xalayaa sobaa (Lakk. WCHUOKMF/227/15) mana murtitiif kan dhiyeesse gargaaraa kallattiiti.
 
3ffaa. Xirunesh Kumaa (Kanaan dura Ofisara Gurgurta Meeshaalee fi Bulchiinsa Sheedii): Seeraan alaan qabiyyee sheedii fudhuuf xalayoota sassaabbii sobaa barreeffaman (Fakkeenyaaf: Lakk. WCHUO-AMF/1336/15) irratti ofii isheetii mallatteessuun; ragaalee baankii fi seeraa dhoksuun hojiin daldalaa keenya akka diigamu kan goote miseensa furtuu hidhata yakkaati.
 
4ffaa. Mangistuu Zawudee (Kanaan dura Hoogganaa Carraa Hojii Aanaa Mudaa Furrii fi hoogganaa saamticha): Namni kun guyyaa Adoolessa 11 bara 2015 humnaan gara iddoo hojii koo dhufuun "Bulchiinsa Aanaatiif qarshii 150,000 fidi" jechuun sheedii koo guutummaatti qabeenya keessa ture wajjin adde Maskaram Laataa, poolisii fi humna milishaa wajjin ta'uun natti saamsanii deeman. Sanarraa gara ji'a tokkoo booda dhiibbaa fi sassaabbii sobaa sana fayyadamuun, ragaan tokkollee osoo hin jirre qarshii 100,000 faayidaa dhuunfaa isaatiif nu harkaa saamee sheedicha gartoodhaan naaf bane. Garuu deebi'ee guyyaa Adoolessa 17 bara 2015 (galgala sa'aatii 12:30 irratti) gara iddoo hojii koo dhufuun "Qarshii 50,000 dabalataa amma kaffali" jechuun kan na gaafate yoo ta'u; ani maallaqa kaffaluuf humna dhabuu koo fi gaaffii isaa fudhachuu dhabuu kootiin, debi'ee adde Maskaram Laataa, poolisii fi milishaa wajjin sheedii koo saamsuun hojii daldalaa koo fi jireenya koo guutummaatti diiganiiru. Mana murtitti galmee yakka sobaa Lakk. 01336 fi 04428 irratti ragaa sobaa duraa ta'uun kan na kase isadha.
 
5ffaa. Maskaram Laataa (Kanaan dura Hoogganaa Qindeessaa Gurmaayinsa Carraa Hojii fi Ogummaa Aanaa Mudaa Furrii fi miseensa hidhata diiggaa gurmaa'e): Isheen kun obbo Mangistuu Zawudee wajjin faayidaan wal-simuun guyyaa Waxabajjii 11 bara 2015 humnaan gara iddoo hojii koo dhufuun sheedii koo qabeenya keessa jiru wajjin poolisii fi milishaa wajjin natti saamsitee jirti. Sana booda sassaabbii jabaa sana fayyadamuun, ragaa seeraa malee qarshii 100,000 saamichaan akka natti saamamu gahee duraa kan taphatte yoo ta'u, debi'ee guyyaa Adoolessa 17 bara 2015 (galgala sa'aatii 12:30 irratti) dhufuun qarshii 50,000 dabalataa humnaan kan na gaafatan yoo ta'u ani kaffaluu dhabuu kootiin poolisii fi milishaa wajjin sheedii koo lammata saamsuun qabeenyi koo akka badu fi iddoo hojii kootii akka na ari'amu gootee jirti. Mana murtittis galmee yakka sobaa Lakk. 01336 fi 04428 irratti ragaa sobaa ta'anii dhiyaataniiru.
 
6ffaa. Abbaa Alangaa Mergaa Kumsaa (Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Furrii): Taayitaa abbaa alangummaa isaa meeshaa daldalaa dhuunfaa godhachuun; Mana murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furriitti galmee Lakk. 00006/2018 (fi Galmee Lakk. 04428) irratti yakka sobaa banuun hojiin daldalaa koo akka saamsamu gahee olaanaa taphateera.
 
7ffaa. Obbo Diidaa Daamee Qumbii (Daayirektara CHUO Magaalaa Sheger): Guyyaa Guraandhala 25 bara 2018 xalayaa Lakk. WETuOMS60206/20 (qabxii yaa'ii sobaa fuula 38 qabu kan Waxabajjii 25/2018 barreeffame) gara mana murtii erguun; garee saamtota kanaaf sanada seera daldalaa sobaa uumuun hojii daldalaarraa akka na ari'amu dhiibbaa gudbaa geessiseera.
 
8ffaa. Feqaduu Bikilaa (Hoogganaa Uuminsa Carraa Hojii Kutaa Magaalaa Furrii): Hidhata faayidaa (Network) kana olaantummaan dursaa; seeraan alaan iyyannoo sobaa uumuun; koppii waliigaltee seeraan alaa irratti harkaan keeyyattoota dabaluun fi mana murtii wajjin wal-simuun sheedii koo waggaa 4 fi ji'a 8 akka saamsamu godheera.
 
9ffaa. Shaawul Garamuu (Hoogganaa Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Furrii): Taayitaa abbaa alangummaa seera kabachiisuuf kennameef faayidaa dhuunfaa isaatiif oolchuun; nu sassaabuu fi sagaleen keenya akka ukkaamamu kan godhe; dhimmi koo galmee seeraarraa akka haqamu fi sheedii koo akka saamsamu adda durummaan hojjateera.
 
10ffaa. Daani'eel Guddisaa (Hoogganaa Ammaa Qindeessaa Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Aanaa Muudaa Furii): Namni kun bara 2011 jalqabee narratti shira xaxuun jireenya koo kan balleesse fi hoonga hammaataaf kan na saaxile nama duraati. Yeroo yerootti sassaabbii jabaadhaan meeshaalee maamiltootaa dabalatee; meeshaa hojiif qophaa'e fi maamiltootaaf dhiyaatu kan daldalaa seeraan alaan fi ragaa malee na saamaa fi na saamsisaa ture. Harka koo irraa maallaqa argachuu yeroo dadhabetti; Kutaa Magaalaa fi sadarkaa adda addaatti hooggantoota jiran qindeessuun; humna poolisiitti fayyadamee sheedii koo samsiisee qabeenya koo kan balleesse; jireenya koo guutummaatti kan gufachiise dhuunfaa isadha. (Yaa'ii qabxii sobaa Waxabajjii 24/2018 irratti hirmaateera).
 
11ffaa. Alemuu Gudataa (Saamicha fi guraandhala sanadaa): Onkololeessa 7 bara 2018 gara kootti bilbiluun "Kolejjii TVET Sebetaatti guyyaa intarpirenarshippii addunyaa kabajuuf tishartii, kofiyaa fi iskaarf bituuf kan oolu qarshii 60,000 hanga sa'aatii 10:00 tti fidi; Hoogganaa CHUO Kutaa Magaalaa Furrii kan ta'e Feqaduu Bikilaati kan na ajaje" jechuun na sassaabeera. Ani maallaqa dhiyeessuu dadhabuu kootiin guyyaa 3 booda gara iddoo hojii koo dhufee "Gara investimantiitti si ceesisna" jedhuun na gowwoomsee koppii waliigaltee koo na harkaa fudhate. Sana booda sanadni orijiinaalli sun chaappaa tokko qofa kan qabu ta'us; sanada sanarratti seeraan alaan harkaan (keeyyata 9 jala qubee S fakkaatuun) barreeffama sobaa dabaluun fi chaappaa sobaa dabalataa irratti gubbaa gochuun; waliigalteen keenya waggaa 5 qofa akka ta'e kan fakkeessu sanada guutuu sobaa qopheessee mana murtitti na kaseera.
 
12ffaa. Garamuu Beenyaa; 13ffaa. Wubishet Shifarraaw; 14ffaa. Aster Temesgen; 15ffaa. Amaan Dayyeesaa; 16ffaa. Mootii Bayyanaa; 17ffaa. Caalaa Dureessaa: Namoonni tarreeffaman kun hundi ragaa baankii fi ragaa kaffaltii osoo hin jirre qabxii yaa'ii sobaa (Waxabajjii 24/2018) irratti dhoksaan mallatteessuun; iyyannoo sobaa uumuun fi mana murtii (Galmee Lakk. 01336 fi 04428) irratti ragaa sobaa kennuun hojiin daldalaa koo akka saamsamu godhaniiru. (Miseensota koree keessaa obbo Bayyanaa Dabaa kan jedhaman yakka kana keessaa harki isaanii jilaa bilisa).
 
4. Tartiiba Shiraa, Saamicha Raawwatame fi Hoonga Ga'e
Saamichi narratti raawwatame bara 2011 jalqabee hanga xumura bara 2018tti kan turre dha. Hooggantoonni hidhata saamtota kanaa sheedii koo yeroo adda addaatti waliigala yeroo 6 saamsanii jiru; waliigala waggaa 4 fi ji'a 8 guutuu hojiirraa ugguramee sheediin sun cufamee ture.
 
A. Saamicha Maallaqaa fi Qabeenyaa: Sassaabbidhaan maallaqa saamame qofa osoo hin taane; meeshaalee qophaa'an kan soofaa, algaa fi saayidboordii keessaa filatanii na harkaa fudhatu turan. Meeshaalee manaa oomishuuf maashinaroonni ugguramuu isaaniitiin hoongi kallattiin ga'e qarshii 236,560 yoo ta'u; maatii kootirratti miidhaan ga'e immoo qarshii 166,560 ta'uun sanadaan mirkanaa'eera. Yeroo adda addaattis qarshii 50,000; qarshii 20,000; qarshii 60,000; qarshii 80,000; qarshii 45,000 fi qarshii 25,000 hooggantoota caasaa gadiitiin humnaan na harkaa fudhatameera.
 
B. Yakka Feqaduu Baayisaa Eddoo (Naasee 12 Bara 2016): Naasee 12 bara 2016 mootor saayikilii mootummaatiin nama Garamuu Beenyaa jedhamu wajjin gara iddoo hojii koo dhufuun erga na sassaabee booda "Qarshii 10,000 fidi" naan jedhe. Harka koo kan cartoon ture qarshii 5,000 qaamaan na harkaa fudhate deeme; guyyaa sana galgala bilbilee "Kan hafe yoo ergite malee ganama sheedicha ni saamsina" jechuun waan na sassaabeef; lakk. herrega Baankii Daldala Itoophiyaa dhuunfaa isaarratti (CBE: 1000016119605 - FIKADU BAYISSA EDO) kaffaltii baankitiin mirkaneessa (Tran Ref: FT25018MSDP8) maallaqa sanaaf ergeefi jira.
 
5. Injifannoo Seeraan Argame Diiguu fi Kiyyoo Dhumaa
Bara 2013 Mana murtii Aanaa Magaalaa Sebetaa galmee Lakk. 17269 irratti murtee nu deeggaru kenneera. Mana murtii Olaanaa Magaalaa Shegeris galmee Lakk. 48655 irratti murtee mana murtii gadii (Galmee Lakk. 01336 irratti sobaan murtisisaan) guutummaatti diiguun; sheedichi fi qabeenyi koo akka naaf deebi'u murteessee ture. Oliyyataan asirratti kanaan dura kabajaan gara hojii kootti deebi'ee oomisha koo jalqabee kan ture yoo ta'u, hooggantoonni kun gufachiisa haaraa qopheessan.
Garuu bara 2018 Abbaa Alangaa Mergaa Kumsaa, obbo Diidaa Daamee fi Feqaduu Bikilaa wal-simuun; sanada waliigaltee kiree koo orijiinaala irratti yakka foorjarii guutuu raawwachuun, keeyyata 9 irratti waggaa 5 qofa jechuun harkaan barreessee mana murtii gadii gowwoomsuun mana murtii aanatti galmee Lakk. 04428 fi 00006/2018 irratti yakka sobaatiin ana iddoo hojii naaf ramadamerraa humnaan lammata na ari'an. Hoongi waliigalaa narratti ga'e qarshii miiliyoona 5 ol ta'ee tilmaamama.
 
6. Gocha Malaammaltummaa Ariifachiisaa Yeroo Ammaa Raawwatamaa Jiru
Yeroo ammaa hooggantoonni kun sheedii humnaan seeraan alaan na harkaa mulqan kana; daldaltoota dhuunfaa Markaatoo dhufaniif dhoksaan qarshii 500,000 faayidaa harkaan gadii fudhachuun seeraan alaan dabarsuuf daldalarratti argamu. Gochi gurgurta seeraan alaa fi malaammaltummaa kun osoo hin raawwatamin, qabeenyi koo guutummaatti osoo hin badin fi miidhaan yeroo dabalataa osoo hin bal'atin, Bulchiinsi Magaalaa Sheger fi Biiroon Misooma Interpiraayizoota ulaagaa sheedii sanaarratti jijjiirraa abbaa qabeenyummaa kamiyyuu akka hin goone ykn waliigaltee haaraa akka hin uumne dhorkaan ariifachiisaan akka godhamu sagalee fi dahoo akka nuuf taatan nan gaafadha.
 
7. Balaa Lubbuu fi Rakkina Fayyaa Maatii (Life-or-Death Crisis)
Yeroo ammaa maatiin koo waan nyaatan dhabuun hanqina nyaataa hammaataaf saaxilamanii jiru. Bulchiinsi aanichaas xalayaa deggersa hawaasummaa nu dhowwatanii jiru. Kanaan kan ka'es:
 
Da'ima koo ji'a 5 (Ke'ol Daani'eel): Da'imni koo ji'a 5 kun uumama seeraa ala kalee tokko qofaan (unilateral renal agenesis) kan dhalate yoo ta'u; kaleen ishee hafte tokkittis dhukkuba jabaaf saaxilamtee yeroo ammaa Hospitaala Qulqulluu Phaawulos keessatti (Service ID: 1374826) yaalamaa fi hordofamaa jira. Hanqina maallaqaatiin yaalii dhabuun lubbuun ishee balaa guddaa jala jira. Balaa lubbuu da'ima koo oolchuuf iyyannoo koo kana akka naaf dhiyeessan nan gaafadha.
 
Haadha Manaa koo (Soofia Abooshaa Irreessaa): Dhukkuba jabaa tiruu fi dhukkuba asmiitiin dhiphachaa kan jirtu yoo ta'u, isheenis yeroo ammaa Hospitaala Qulqulluu Phaawulos keessatti yaalirratti argamti.
 
Gudunfaa fi Gaaffii Koo:
Miidiyaan keessan sagalee cunqurfamtootaa waan ta'eef, cunqursaa, saamicha qabeenyaa fi sarbama mirga namummaa narratti raawwatame kana addunyaaf akka naaf saaxilu, jireenya fi lubbuu maatii koo oolchuuf gidduu-galtummaa mirga namummaa akka nuuf ta-u kabajaan nan iyyadha. Ragaalee hunda qabadheen qophaa'ee jira.
 
TARREEFFAMA RAGAALEE QABATAMAA WAL-QABATAN:
 
Koppii Sanada Waliigaltee Orijiinaalaa: Sanada waliigaltee kiree waldichaa (kan guyyaa 22/05/2010 mallatteeffame fi keeyyata 9 banamee ture).
 
Sanada Murtee Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Sheger: Galmee Lakk. 48655 irratti murtee seeraa mirga koo kabachiise.
 
Sanada Murtee Manneen Murtii Kutaa Magaalaa Furii fi Sebetaa: Murtee kanaan dura nu deeggaruuf kenname (Galmee Lakk. 17269 fi Lakk. 01336).
 
Galmeewwan Yakka Sobaa: Yeroo ammaa manneen murtitti galmeewwan shiraa saamtotaan banaman (Galmee Lakk. 04428 fi Lakk. 00006/2018).
 
Sanada Boqonnaa Sobaa: Guyyaa 10/11/2015 sanada mirkaneessa hayyama boqonnaa sobaa ba'e (Lakk. WCHUOKMF/227/15).
 
Xalayaa Muudama Sobaa: Guyyaa 16/12/2015 sanada xalayaa muudama sobaa (Lakk. B/AMF/1593/15).
 
Nagahee Mirkaneessa Kaffaltii Baankii (CBE): Nagahee mirkaneessa sassaabbii maallaqaa obbo Feqaduu Baayisaa Eddoo (Lakk. Herregaa: 1000016119605; Mirkaneessa Tran Ref: FT25018MSDP8).
 
Sanada Ragaa Yaalii Hospitaala Qulqulluu Phaawulos: Sanada ragaa yaalii fayyaa da'ima koo Ke'ol Daani'eel (Service ID: 1374826).
 
Sanada Qabxii Yaa'ii Shiraa: Sanada qabxii yaa'ii Waxabajjii 24/2018 barreeffame (Fuula 38).
 
Sanada Waliigaltee Liqii Maayikiroo Faayinaansii Oromiyaa (Walqoo): Sanada mirkaneessa liqii fi mallattoo waboota seeraa (Caamri Waguu, Hirphasaa Ergosaa, Phaawulos Tsaggaayee, Abuluu Negaa fi Alii Tamaam).
 
Quunnamtii Iyyataa:
Maqaa: Daani'eel Milkisaa Jiiruu
Lakk. Bilbilaa: 0910984288
Lakk. Herrega Baankii (CBE): 1000008461628
Teessoo: Finfinnee, Itoophiyaa

Similar posts:

OSG Report 74: New Human Rights Report Documents Continued Killings, Forced Conscription and Displacement in Oromia

Rising Tensions and Human Rights Concerns in Ethiopia's Abee-Dongoroo and Wollo Regions

Escalating Human Rights Concerns Amid Rising Tensions in Fantaallee and Boosat

Oromia in Focus: A Comprehensive Review of the Current Political and Human Rights Landscape