Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman

Published April 11, 2026, 3:12 p.m. by FNN Staff

294



                                          ODUU FNN

Birriin Itoophiyaa fi Paawundiin Sudaan Kibbaa bara 2025 keessa (Muddee 2017 hanga Muddee 2018 A.L.H) tokkoon tokkoon isaanii humna bittaa isaanii dhibbeentaa 10 oliin dhabuun, addunyaa irratti maallaqa raawwii dadhabaa qaban keessatti ramadamaniiru.

Itoophiyaan adeemsa fooyya’iinsa kaffaltii liqaa diinaggee ishee tasabbeessuuf yeroo carraaqqii gochaa jirtu kanatti, Birriin, Peesoo maallaqa Arjantiinaa fi Liiraa Tarkiiitti aanuun addunyaa irratti maallaqa gatii bittaa dadhabaa sadaffaa ta’uun galmeeffameera.

Gatiin maallaqa Itoophiyaa (Birriin) doolaara Ameerikaa waliin yoo dorgasamu dhibbeentaa 18n gadi bu’uuf sababoota kanneen akka hanqina doolaaraa qaalayiinsa gatii fi amantaan investaroota alaa haala jirurratti hir’achuu isaa eerameera.

Gabaasa diinaggee Afrikaa waqtaawaa Baankiin Addunyaa Ebla 2026 (Bitootessa 2018 A.L.H) baase wabeeffachuun gaazexaan “The East African” akka gabaasetti; gatiin Birrii Itoophiyaa dhibbeentaa 18, Paawundiin Sudaan Kibbaa immoo dhibbeentaa 15n waggaa tokko keessatti humna bittaa isaanii dhabaniiru.

Baankichi dadhabina Paawundii Sudaan Kibbaaf sababa kan ta’an; gufuu daldala boba’aa Juubaa fi garaagarummaa gatii gabaa idilee fi gabaa al idilee (parallel market) gidduu jiru dha jedheera.

Akka ogeeyyiin diinaggee jedhanitti, tasgabbii dhabuun gabaa jijjiirraa maallaqa alaa guutuu Afrikaa keessatti gufuu guddaa investimentii ta’ee itti fufeera.

Hordoftoonni dhimma kanaa hedduun akka akeekkachiisanitti, tasgabbii dhabuun maallaqaa miidhaa dabalataa qaba. Jijjiirraan gatii maallaqaa akka tasaa ta’u kun investaroonni alaa “bu’aan keenya kisaaraan nyaatama” jedhanii akka sodaatan taasisa. Haaluma walfakkaatuun, gatiin meeshaalee alaa galaniifi baasiin hojii gaggeessuuf oolu yeroo baay’ee daddabalamu, daldaltoonni biyya keessaa karoora baafachuu fi hojii isaanii babal’isuuf ni rakkatu.

Abbootii qabeenyaa alaatiif kisaaraan maallaqaa ji’oota muraasa keessatti uumamu bu’aa isaan argatan guutummaatti jalaa balleessuu danda’a. Daldaltoota biyya keessaatiif immoo, keessattuu meeshaalee alaa galan irratti gatiin garmalee yeroo jijjiiramu, karoora gara fuulduraa baafachuun danda’amaa miti.

Dhiibbaawwan kunneen biyyoonni maallaqa dadhabaa qaban maaliif kaappitaala yeroo dheeraa harkisuuf akka rakkatan ibsa gahaa ni ta’u jedhameera.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan