Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.

Published May 17, 2026, 3:32 p.m. by FNN Staff

317



ODUU FNN

Biirooleen eeggumsa fayyaa Addunyaa tatamsa'iina vaayirasii Iboolaa cimaa Ripabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti namoota 88 galaafate hordofee, labsii hatattamaa fayyaa hawaasaa labsan. 

Dhukkubni kun Kutaa bulchiinsa Ituri keessatti kan jalqabe fi baatii Caamsaa walakkaa bara 2026'tti  namoota 330 ol kan qabate vaayirasichi, daangaa ce'uun biyya ollaa Yugaandaa keessattis argamee jiraachun baramee jira.

Giddugaloonni fayyaa dhibeen kun itti mul'ate kanneen akka Mongwalu, Rwampara, fi magaalaa guddoo Ituri, Bunia daangaa idil addunyaatti dhihoo ta'uun isaanii sodaa tatamsa'iina naannawaa kanaa waan dabaleef, ministeeronni fayyaa DRC, Yugaandaa fi Sudaan Kibbaa marii hatattamaa akka taasisan isaan dirqisiiseera.

Sanyiin vaayirasii kanaa Bundibugyo (Bundibugyo ebolavirus) kan jedhamu, darbee darbee qofa kan mul'atuufi hanga ammaatti talaallii ykn qoricha mirkanaa'aa kan hin qabne ta'uu ln isaa ibsameera. 

Talaalliin amma jiru kan akka Ervebo fi Zabdeno/Mvabea sanyii Zaire ebolavirus qofaaf kan qophaa'e waan ta'eef, ogeeyyiin fayyaa yeroo ammaa kana yaalii deeggarsaa (supportive care), keessattiyuu dhangala'aa qaamaa bakka buusuu fi mallattoolee dhibichaa to'achuu irratti qofa xiyyeeffachaa jiru. 

Mallattooleen nama dhibeen kun itti argame irratti mul'atan hoo'a qaamaa dhiiga dhangalaasu (viral hemorrhagic fever) waan fakkaataniif, hoo'a qaamaa tasaa fi dhukkubbii maashaa irraa eegaluun gara rakkoo garaachaa fi marrimaanii cimaatti, akkasumas sadarkaa itti aanu irratti gara dhiiga dhangalaasuutti tarkaanfatu.

Wiirtuun To'annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa (Africa CDC) fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) hudhaalee loojistikii cimaa naannichatti mudatan furuuf qabeenya barbaachisu sochoosaa jiru. 

Socho'iinsi uummataa baay'achuun isaa, daandiiwwan geejjibaa haala gaarii irra jiraachuu dhabuu, fi rakkoon nageenyaa hidhattootaan uumame hojii namoota dhibaman waliin tuttuqaa qaban hordofuu , qorannoo laaboraatorii, fi sirna awwaalchaa of eeggannoo qabu raawwachuu irratti dhiibbaa guddaa uumeera.

Dhaabbilee idil-addunyaa waliin ta'uun dhibeen kun daangaa akka hin ceeneefi hin tatamsaaneef hojjatamaa jiraachuunis baramee jira.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman